Liiverpuul waancaa Piriimer Liigii harka galfateera jechuun danda'amaa?

Madda suuraa, Getty Images
Liiverpuul Dilbata kaleessaa Saawuzhampitaniin mo'achuun lammaffaa irra kan jiru Maan Siitii qabxii saddetiin caaluun sadarkaa tokkoffaarra jira.
Kilebni taphoota 12 qofa taphatee garaagarummaa guddaa akka kanaan dursee beeku Maanchister Yuunaayitid qofaadha.
Kunis bara 1993-94 yoo tahu bara sana waancaa Piriimer Liigii injifataniiru.
Kileboonni biroo lama ammoo akkuma Liiverpuul ammaa kana qabxii saddeetiin dursanii ture.
Isaanis Maanchister Siitii bara 2017-18 fi Liiverpuul bara 2019-20 turan.
Lameen isaanii iyyuu waancicha injifataniiru. Seenaa Piriimer Liigii keessatti tapha 12 irraa qabxii 31 argachuun kan dursan kileboota kudhan yoo tahan saddettan isaanii waancaa kaasaniiru.
Arsenaal bara 2022-23 fi Niwkaasil bara 1995-96 qofatu garaagarummaa qabxii saddeetiin dursee osoo waancaa hin injifatiin hafe.
Liiverpuul olaantummaa Maanchister Siitiitti xumura gochuu danda'a. Maan Siitii walitti aansuun waancaa afur mo'ate. Kilebni walitti aansee taphoota shan mo'amee shaampiyoonaa taheeru hin jiru.
Yoo Liiverpuul tapha fuuldura kana Maan Siitii waliin qabu mo'ate ammoo garaagarummaan isaanii qabxii 11 taha.
Seenaa Piriimer Liigii keessatti ammoo kilebni qabxii 11 caalamee shaampiyoonaa tahee xumure yeroo sadii qofa argame.
'Piriimer Liigii keessa kileboota cicimoo hedduu jira waan taheef jabaattee taphachuu qabda, yoo akkas hin taane kileba biraatu waancaa si harkaa fudhata,'' jedhe Arne Isloot.
Optaa yeoo tilmaamu Liiverpuul taphoota jalaqabaa sasalphaa tahan qabaachuun jahaffaadha jedhe.
Maan Siitii taphoota jalqabaa kudhan keessaa sasalphaa qabaachuun shanaffaadha jedhe.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Arsenaal ammoo torbaffaadha. Garuu Arsenaalittis tahe Maan Siititti jalqabbiin taphoota 10 itti ulfaateera.
Taphoota 12 jalqabaa irraa qabxii xiqqaa wlaitti qabachuun Liigicha kan mo'ate Maanchister Yuunaayitididha. Innis bara 1997 yoo tahu, Gareen Peep Gaardiyoolaa taphoota 12 irraa qabxii 21 argachuun bara 2021 keessa shaampiyoonaa tahaniiru.
Kileboonni afur amma Liiverpuulitti aananii jiran ammoo qabxii kanaa ol qabu.
Taphoota 26 hafan irratti isaanii carraa ni qabaatu.
Mohaammad Saalaan Liiverpuuliif taphataa murteessaadha.
Seenaa kilebichaa keessatti galchii 223 lakkoofsisuun taphataa sadarkaa shanaffaa irra jirudha.
Saalaan xumura dorgommii bara kanaatti nama sadaffaa Liiverpuuliif galchii hedduu lakkoofise tahuun xumuruu danda'a.
Maanchister Siitiin taphataa murteessaa Roodirii miidhamaan erga dhabee tapha mo'achuu rakkateera.
Cheelsiin pirojektii haaraa ijaaraa jira. Taphattoota ol adeemoo hedduu mallattesise.
Eenzoo Maareshkaa tapha bareedaa taphachiisa. Garuu dhuguma waancaaf morkachuu gahaniiru kan jehdu irratti gaaffiin ka'a.
Arsenaal waggoota lamaan darban Maan Siitii hordofuun morkii waancaa akkaan cimsee ture.
Bara kana garuu yeroo Maan Siitii gadi bu;utti wlaumaan qabxii gatuun isaa tilmaama waancaa injifata jedhu jalaa kuffiseera.
Maanchister Yuunaayitid leenjisaa haaraa Rooben Amoorim qacaree ofiiyyuu tarsgabbiitti hin deebine.
Aston Viilaan haala gaariin jalqabus walitti aansee qabxii gataa jira. Tootenhaamii fi Niwkaastil ammoo gahumsi isaanii itti fufinsa hin qabu. Tarii ARsenaal yeroo jijjiirraa Amajjii gahaa jirutti yoo taphaoota sarara duraa mallattesisee fi garee isaa fooyyesse morkii waancaatti deebi'uu danda'a.












