Saakaan 'wal'aansa baqaqsanii yaaluun' booda ji'a lamaaf hin taphatu- Arteettaa

Bukaayoo Saakaa

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Saakaan barana tapha hundarratti goolii sagal galche

Leenjisaan Arsenaal Mikeel Arteettaa Bukaayoo, Saakaa erga miidhamni sarbaa isaarra ga'een wal'aansi baqaqsanii yaaluu taasifameefii booda ''ji'oota lamaa oliif'' tapharraa fagaachuu danda'a jedhe.

Taphataan fuulduratti ba'ee qarqara irra taphatu kun tapha Arsenaal goolii 5 fi 1n Kiristaal Paalaas mo'aterratti boqonnaa dura miidhamee dirreedhaa ba'e.

Taphataan kun erga Muddee 21, 2024 deeggarsaan dirreedhaa ba'e, ergasii taphatti hin deebine.

Bukaayoo Saakaa Arsenaaliif taphataa murteessaadhaa, bara kana dorgommii taphootaa hundarratti hanga yoonaa goolii sagal galcheera.

Taphoota 24 taphaterratti kubbaa gooliif ta'u 13 mijeessee kenneera.

Arsenaal erga Saakaa miidhamaan dhabee taphasaa jalqabaa kaleessa, Jimaata galgala, Ipswich waliin taphachuun goolii 1 fi 0 dhaan mo'ateera.

Injifannoo sadarkaa kilabasaa ol guddisuun lammaffaadhaan isa ga'e kana booda Arteettaan waa'ee miidhama taphataa intarnaashinaalaa Ingilaand kanaa ibseera.

''Wal'aansa keessa darbeera,'' jedhe hooggannaan Arsenaal.

''Wanti hunduu haala gaariin deeme. Garuu taphatichi torbanoota hedduuf dirreerraa ni fagaata,'' jedhe.

''Kanan jedhe torbanoota hedduu, kanaafuu ji'oota lamaa ol turuu mala. Hagam akka turu sirriitti beekuu baadhus. Tishuuwwan qaamasaa miidhamee dandamachuurratti hindaa'a. Sochiisaa guutuutti erga deebi'ee murtaa'a. Kanaafuu eegnee haa ilaallu, ammatti kana jedhanii murteessuun ni cima.''

Ammoo Arsenaal Rahiim Isterling fayyummaasaatti deebi'uun abdii itti horeera. Taphataan sarara fuulduraa kun yeroo eegame dursee miidhamarraa bayyanate.

Tapha Ipswich waliin taphatan dura Arteettaan taphataan umrii waggaa 30 Chelsii irraa ergisaan dhufu kun miidhaa jilbasaarra ga'een torbanootaaf taphaan ala ta'ee akka turu yaaddoo qabu ibsee ture.

Haata'u malee miidhamni Isterliing akka sodaatame hin taane, kanaafuu taphatichi yeroo kamittuu filatamee dirree seenuuf qophiidha.

''Eeyyeen, mee torbee kana itti haa ilaallu, haalasaa haa hubannu,'' jedhe Arteettaan.

''Nuti miidhaan jilbaa haga jedhame kanaa olitti akka waan turuutti eegne. Ammoo kun nuuf oduu gammachiisaadha.''

Qabxii 6 qofa Liivarpuul booda aanee lammaffaarra kan jiru Arsenaal Roobii dhufu gaafa Amajjii 1, 2025 Bireentiford waliin ni taphata.