Taphattoota maqaa guddaa qaban keessaa Saalaan sadarkaa kamirra jira?

Bara kana Mohammad Saalaa kubbaa gooliif ta'u mijeessuu fi lakkoofsa goolii galcheen dursaa jira

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Bara kana Mohammad Saalaa kubbaa gooliif ta'u mijeessuu fi lakkoofsa goolii galcheen dursaa jira

Torban torbaniin Mohammad Saalaa irraa waan haaraa argina. Jifataan Liivarpuul Dilbata darbe raawwii agarsiiseen taphataa qixxee dhabe jedhamee faarfameera.

Liivarpuul gara dirree Tootanhaam imaluun goolii 6 fi 3n injifachuun kilabicha deeggartoota isaa duratti qaanesse.

Tapha kanarratti Mohammad Saalaa goolii lama galcheera, kubbaa lama ammoo akka gooliif ta'utti mijeessee kenne.

Kanaanis jifataa Maanchistar Siitii Erliing Haalaand dursuun falmii kophee worqee fudhachuuf taasifamu cimseera.

Saalaan tapha baranaarratti hanga ammaa goolii 15 galcheera, kubbaa gooliif ta'u 11 ammoo mijeessee kenneera.

Gama kanaan Piriimer Liigii Ingilaand keessaa barana taphataan isa caalu hin jiru.

Taphataa gameessi Masrii kun scohii amma agarsiisaa jiruun milkaa'ina bara 2022 argate irra deebi'uuf jira.

Bara sana kophee worqee argateera. Taphachiisaa cimaa jedhamuunis badhaafameera.

Carraa Mohammad Saalaa Anfiildi turuuf qabu qabxii falmiiti, komtiraati isaa xumuramuutti jira. Inni garuu rikardii cabsuu ittuma fufe.

Garuu taphataan umrii waggaa 32 kun jifattoota Piriimer Liigii Ingilaand keessatti maqaa guddaa qaban keessaa sadarkaa kamirra jira?

Karra eegaan duraanii Niwukasil, Maanchistar Siitii fi Aston Viilaa Shay Given ''Dandeettii amanuuf nama rakkisu, nama addaa, taphataa kennaa addaa,'' jechuun ibse.

''Oduu guddaan waa'ee Mohammad Saalaa turuu fi deemuu isaarratti ta'a. Waan tole jedhanii gadhiisan natti hin fakkaatu.''

Rikardiiwwan Saalaan yeroo ammaa harkaa qabu

Mohaammad Saalaa bara taphaa kana milkaa'inaan eegale. Taphoota 12 darban irratti goolii 12 galcheera.

Tapha hunda bara kana Liivarpuuliif taphate [kan dorgommiiwwan hundaa] irratti goolii 18 fi kubbaa gooliitti geeddarame 15 mijeessee kennuun sadarkaa olaanaa argateera.

Taphattoota kilaboota Awurooppaa sadarkaa 1-5 jiran keessaa qabxii guddaa qaban yoo xiqqaate qabxii afuriin caala.

Tapha Toontanhaam irratti ammoo rikardiiwwan Piriimer Liigii sadi harka galfate.

  • Jala bultii ayyaana qillee Faranjootaa irratti taphataa gooliidhaanis ta'e kubbaa gooliif ta'u mijeessuun qixa hin qabne ta'eera.
  • Baroota taphaa afur keessatti walitti aansuun lakkoofsa goolii galchee fi kubbaa gooliif ta'u mijeessuun olaantummaa argateera.
  • Barri taphaa kun Mohammad Saalaaf rikardii jahaffaadha, rikardii shan kan harkaa qabu Waayin Roonii caaleera.

Mohammad Saalaa baroota dorgommii torba Liivarpuul keessa turetti gooliin inni galche inni xiqqaan 18.

Bara kana amma booda goolii shan yoo dabale taphattoota baroota dorgommii shanitti goolii 20 fi isaa ol galchan keessaa shanaffaa ta'a.

Akkaataan Mohammad Saalaa itti adeemaa jiru garuu raawwii Erling Halaand baroota darban agarsiisee fi ittiinis badhaafameen adda.

Taphataan lammii Noorway Haalaand bara darbe goolii 27, isa dura ammoo goolii 36 galchuun kophee worqee badhaafame.

Haalaand bara kanas yaada kanaan dorgommii eegale, taphoota jalqabaa shan irratti goolii 10 galche.

Garuu taphoota 12 darban irratti goolii sadi qofa galchuun isaa Mohammad Saalaa akka dura bu'u taasise.

Saalaan erga Liivarpuul seenee bara dorgommii 2017/18 irraa hanga baranaatti walduraa duubaan goolii 32, 22,19,22,23,19,18 fi 15 galcheera.

Taphattoota maqaa guddaa qaban keessaa sadarkaa saalaa

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Mohammad ammumarraa taphataa cimaa Liivarpuul jedhamuun maqaansaa ka'eera. Kilabicha waliin waancaa hunda nyaateera.

Taphattoota kilabicha keessatti goolii galchuun sadarkaa duraarra jiran keessaas afraffaarra jira.

Taphoota hanga taphate 373 irratti gooliiwwan 229 galchuun goolii 12 qofaan Gordon Hodgson booda hafuun afraffaarra jira.

Iyaan Raash goolii 346n, Roojar Haant goolii 285n fagoo dursanii jiru.

Saalaan rikardii sana cabsuuf taphoota biraa 190 taphachuu isa barbaachisa.

Kun waan yaadamu miti.

Goolii Piriimer Liigii qofaan ammoo Mohammad Saalaa gara jalqabaarra jira. Goolii 172n sadarkaa saddeettaffaarra jira.

Dorgommiiwwan hundarratti gooliiwwan 229 inni galche kan taphataan gameessi Arsenaal Tiyeerii Henrii galche 228 taphoota afur dursuunidha.

Sadarkaa afraffaarra kan jiru Andiriiwu Kool irraa goolii 15 aofa duubatti kan hafu Saalaan, bara dorgommii kana xumurarratti bira ga'uuf carraa qaba.

Kubbaa goolif ta'u mijeessuudhaanhoo? Saalaan Dilbata darbe sadarkaa Deeviid Beekam bira darbe. Beekaam 80 qaba, Saalaan sana bira ceheera.

Sadarkaa lammaffaarra kan jiru Kevin Di Biruuyina duuba hafee kan jiru 34 qofaani.

Kanaan lakkoofsa guddaa kan qabu tapgataa gameessa Maanchistar Yunaayitid kan ture Rayaan Giigsi, kubbaa gooliif ta'u 162 mijeesseera.

Garuu taphni inni waliigalatti irratti hirmaate kan hanga ammaa Saalaan taphate 353n caala.

Ammoo lakkoofsa goolii galchanii fi kubbaa gooliif ta'u mijeessuutiin yoo ilaalame sadarkaan Saalaa olka'a.

Taphoota Piriimer Liigii 279 irratti gooliis ta'e, kubbaa gooliif mijeessuun walumaa galatti hirmaannaa goolii 252 qaba. Kanaan sadarkaa torbaffaa qabateera.

Saalaan haala amma deemaa jiruun kanaan booda taphoota 65 yoo taphate rikardii Alaan Shiirar (324) ni cabsa.