'Haalli jiru salphaa miti'- Haalaand rukuttaa adabbii dhabuun rakkoo Siitii hammeesse

Madda suuraa, Getty Images
Maanchistar Siitiif akkanni yaadetti haalonni deemaafii hin jiran, jifataan kilabichaa Erling Haalaand gammachuu hin qabu.
Yeroo ammaa Piriimer Liigii keessaa taphataan itti amantee rukuttaa adabbii kennituuf kan lammii Noorway kana caalu hin jiru.
Garuu amma kun hin taane. Gooli eegaan Evartan gufuu itti ta'e. Kubbaa inni garasaatti dhiite salphaatti qolate.
Maanchistar Siitiin dirreesaa Etihad irratti goolii 1 fi 1n Evartan waliin walqixa ba'e, kun rakkoo kilabichi keessa jiru daran hammeesse.
''Sammuu keetti maaltu dhagahama, waan akkanaaf deebii akkamii kennita?'' jedhee gaafate Pep Gaardiyoolaan, erga Haalaand peenaalitii dhabee booda.
''Jireenyi salphaa miti. Ispoortiin salphaa miti. Gaafa si mudatu, haata'u jettee dhiista.''
Gaardiyoolaan itti dabaluun tapha kanarratti wayita yaada kennu ''Isa booda daqiiqaa dheeraatu ture, taatee sana boodas carraa qabna turre. Carraa sanas uumneerra. Akkaataa taphattoonni itti taphatan ajaayiba ture. Bayayee falmatan. Taphoota darban garii irratti gaarii hin turre. Har'a garuu akka gaariitti taphatan,'' jedhe.
Wayita fiingeen dhumaa afuufamtu qe'ee Etihad keessaa sagaleen mufannaa dhagame. Haalaand gaabbii fi mufannaa guddaa keessa galee dirreedhaa ba'e.
Wayita Haalaand dirree kubbaa miilaa keessaa ba'ee deemu Gaardiyoolaan qophaasaa dirree keessa fajajee dhaabbate. Sochiin hin jiru, yaadaan fannifameera.
Rakkoorratti rakkoo itti dabalamaa jiruuf maalan deebisa waan jedhu fakkaata. Siitiin taphoota 13 darban keessaa tokko qofa mo'ate.
'Rukuttaa badaa garuu qolannaa bareedaa'

Madda suuraa, Getty Images
Taphataan sarara fuulduraa Evartan Ilimaan Nidaayee goolii Bernaardoo Siilvaa jalqabarratti Siitiif galche booda goolii galcheen taphicha walqixxeesse.
Haala kanaan boqonnaa ba'anii wayita deebi'an garuu Siitii goolii fi mo'icha dheeboteef carraan guddaan argame.
Vitaalii Miikolenkoo sarara rukuttaa adabbii keessatti taphataa faallaa isaa Saviinihoo irratti balleessaa hojjetee adabame.
Warri Siitii carraa rukuttaa adabbii argatan Erling Haalaandiif kennan.
Kilabiin Haalaand of keessaa qabu silas akkamiin carraa akkasii taphataa biraaf kennaree?
Haata'u malee kaayyoon gooli eegaa warra Toffees Haalaandiin mufachiisuu akka ture miirasaa inuma beekama.
Sarara goolii irra olii fi gadi utaalaa miira jifataa Siitii kana jeeqaa ture Pikfoord.
Miira fuulaan akkasumas arrabasaa gadi baasee suukana Haalaand gadi buuse, qalbiisaa baayyisee hate.
Wayita kubbaan garasaa dhiitamtus salphumatti gara mirgasaatti kufuun kubbattii qolate.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Pikfoord kilaba biyyaalessaa Ingilaandiifis rukuttaa adabbii baayyee qolateera, erga bara 2017 gara Piriimer Liigii Ingilaand seenee ammoo kanaan yeroo torbaffaaf rukuttaa adabbii qolate.
Rukuttaan adabbii kun qolatamuu dura Siitiif carraa guddaa ture. Silaa tooratti galu ture, erga gooli eegaan kun kubbaa qolatee booda kubbaan waan harkaa baateef Haalaand addasaan gara maniitti deebisee ture.
Garuu taphaan ala waan tureef jalaa haqame. Kun deeggartoota Evartan gara Etihad imalaniif gammachuu guddaa ture. Miirri isaanii kan warra qe'ee caalee mul'ate.
Haalaand Piriimer Liigii keessatti kanaan dura rukuttaa adabbii 16 argate keessaa 15 galcheera, tokko ofumaaf qiyyaafannaa dogoggore. Kan ammaa kanaa yeroo lammataaf dhabuusaati.
Isa kanammoo gooli eegaatu duraa qabe, kun taphataa muuxannoo gooliin beekamuuf qaanii guddaadha. Leenjisaan Evartan Dyche gooli eegaa Pikfoord akkaan galateeffate.
''Battala sanatti mala uumee akkaataan inni itti kubbaa sana qolate baayyee nama ajaayiba. Kan itti galateeffatamuu qabu isa.''
Gooli eegaan duraanii Ingilaand Pool Roobinsan akkkas jechuun waa'ee Pikfoord sagantaa Radio 5 Live jedhamutti hime:
''Pikfoord jifataarratti dhiibbaa uumuun beekama. Haalaand kana hubachuutu irra ture, iddoon kun dhokattee hafte. Akka ajaayibaatti qolate, garuu Haalaand kubbaa akka badaatti dhiite. Akka taphataa luka bitaatti bareechee gara dabarsee hin dhiinne. Rukuttaa badaa qolannaa bareedduu.''
Ittisaan duraanii Ingilaand Patt Upson ''Pikfoord akka ajaayibaatti qolate. Inni haalota akkanaa salphaatti irra aanuu beeka. Jifattootaaf hojiin akka salphatu hin eeyyamu,'' jechuun jaje.
Garuu Haalaand rukuttaa adabbii kana salphaamatti dhabuunsaa gareen kilaba Siitii walumaagalatti eessa akka jiru, ofitti amanamummaa kilabi kun ittiin beekamu gafafii keessa galcha.












