'Saakaan miidhamus Etaan Waneerii Arsenaalitti abdii hore'

Etaan Waneerii Arsenaalitti abdii hore

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Etaan Waneerii jalqabarraa kaasee wayita Bireentiford falmatu kun taphasaa sadaffaadha, kan duraa lameen dorgommii waancaa liigii Awurooppaarratti

''Eenyullee isa bakka hin bu'u. Taphattoota ciccimoo addunyaa keessaa inni nama tokkodha.''

Waa'ee hiriyaasaa Bukaayoo Saakaa kana kan dubbatu taphataa Arsenaaliif akkaan murteessaa ta'e Gabrel Maartineeliidha.

Kun kilabichi hangam taphataa Ingilaand qarqara irra taphatu kana akka abadatu mul'isa. Kun tapha kaleessa galgala jalqaba bara faranjootaa irratti Bireentiford waliin taphatan irratti mul'ateera.

Arsenaal duubarraa ka'ee gooliiwwan Gabreel Jesuus, Gabreel Martineelii fi Mikeel Merinoo galchaniin 3 fi 1n mo'atus jalqaba rifatee ture.

Goolii Jesuus fi Maartineeliif sababa kan ta'e taphataa umurii waggaa 17 Etaan Waneeriidha.

Taphataan Ingilaand kun haala kanaan jalqabarraa hiriiree wayita Arsenaaliif taphatu isaaf tapha jalqabaati.

Yeroo jalqabaaf waggaa lama dura Arsenaaliif taphate, yeroo sana umriinsaa waggaa 15. Taphi sunis Bireentiford waliin ture.

Kanaan dura bara dorgommii kana keessa yeroo 10 jijjiiramee galeera, kan ammaa kana garuu jalqabarraa taphatee qalbii namootaa hawwate.

'Waneerii daawwachuun nama gammachiisa'

Etaan Waneerii

Madda suuraa, Getty Images

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Tapha Bireentiford irratti Arteettaan bakka taphataa miidhamaan dhabee [Bukaayoo Saakaa] Etaan Waneerii hiriirse.

Iddoon sun bakka Saakaan itti beekamuudha, bakk inni dandeettiisaa guutuu itti agarsiisee kilabichaafis bu'aa buuseedha. Bakka akkasiitti ramadamuun taphataa umrii waggaa 17 kanaaf hojii salphaa hin turre.

Garuu taphataan kun kilabicha guddoo fayyade, Arsenaal akka ajaayibaatti tapha qajeelfate.

Boqonnaa dura Waneerii fi Martineeliin kubbaa baayyee hin tuqne. Waneeriin garuu kubbaama argate fayyadamuun tapha qalbii namaatti tolu agarsiisaa ture.

Tapha jalqabarraa hiriiree taphate kan jalqabaasaarratti kubbaa argate mudaa tokko malee dabarsuun taphataan akkasaa milkaa'e hin jiru.

Taphataan kun iddoo Arsenaaliif bu'aa buusu, iddoo taphataa murteessaa kilabichaa jira.

Kanaafuu waan guddaatu irraa eegama ture. Boqonnaa booda isaaf qormaata guddaa ture. Akka Saakaatti waan Arsenaal yeroo akkasiitti barbaadu raawwataa? kan jedhu gaaffii ture.

TNT Sports irratti waa'ee taphaa fi taphattootaa kan odeessu Kaaren Kaarnii ''wayitan ilaaluu baayyee na gammachiisa, nan kolfa. Onnee qaba, gameessa. Umriisaa kanarraa waan eegamu miti,'' jechuun Waneerii ibse.

''Akka taphataa oladeemaa umriinsaa waggaa kudhan keessa jiruutti dandeettiinsaa ajaayiba. Miira inni ittiin taphatu ilaaluunuu nama gammachiisa. Umurii xiqqaa kanaan dandeettii akkasii arguun nam ajaayiba. Kun taphataa Arsenaal isa sirriidha,'' jedhe.

Ittisaan duraanii Arsenaal Maartin Keewon ''bakka Saakaan hin jirretti taphataa carraa guddaa argatuudha,'' jedheen.

''Taphattoota akkanaa garee keessaa qabaachuun murteessaadha. Kilabicha keessatti guddatanii as ba'anii qaawwa kilabichaa ijoollee cufan qabaachuun carroomuudha,'' jechuun Waneerii jaje.

Arteettaan erga Etaan Waneerii Arsenaaliif taphachuu eegalee akka daa'imaatti ilaala ture, amma garuu dirqama nama guddaa itti kenneera.

''Nuti taphataa umriinsaa waggaa 17 ta'e kan tapha jalqabarraa hiriiree taphachuun raawwii ajaayibaa agarsiise qabna,'' jechuun akka ittiin boonu ibse.

''Etaan bakkuma sanaaf akka ta'u yaadeen ture. Taphasaa jalqabaas bakkuma sanarraa eegale. Kun waan kilabicha gargaaruudha.''

Etaan Waneerii Arsenaaliif abdii ta'eera, ammoo guutummaatti bakka Saakaa bu'ee kilabicha tajaajila jechuun gowwummaadha.

Saakaan miidhamuu dura tapha Evartan waliin taphatan irratti akkaataan tapha isaa, akkaataan kubbaa tuquu fi waliigalatti tooftaan taphaa agarsiise kan Waneeriin Bireentifordi irratti agarsiiseen walfakkaata.

Kun taphataa oladeemaan kun akkaataa taphaa Arsenaaliif michuu ta'uu mul'isa, kilabichaafis abdiidha.

Ammoo tapha Ipswich irratti iddoon Martineeliin taphate Arsenaal taphattoota iddoo jijijjiiree tooftaa taphaas geeddaree tapha bareedaa itti milkaa'u taphachuu akka danda'u agarsiiseera.

Tapha kaleessa Bireentiford waliin taphatan irratti cimina Waneeriin alatti kan abdii Arsenaaliif ta'e dandeettii Gabreel Jesuus agarsiisedha.

Miidhama Saakaa dura Jesuus taphoota 20 irratti goolii tokko qofa qaba ture.

Ergasii garuu taphoota ja'a irratti goolii afur galche. Kun kan inni taphoota 48 darban irratti galcheen walqixa.

Goolii inni kilabichaaf gumaache keessaa dhibbeentaa 23 kan ta'u torbanoota darban lamaan keessatti argaman.

Waan Saakaan hin jirreef carraa argate moo yeroo kanatti humnaa fi dandeettiiq abu hunda fayyadamee kilabichaaf waan irraa eegamu gumaachuu barbaadeeti?

Gaafiin kun akkuma jirutti ta'ee, garuu dhumni isaa kilabicha mataa olqabachiiseera.

Mikeel Arteettaa goolii lakkoofsisuu irratti akkaataan taphattoonni itti waldanda'anii waliin hojjetan waan ajaayibaati jechuun Jesuus fi Martineelii jaje.

''Leenjiirraa hanga dirree taphaatti naamusa qabu, wal tumsanii goolii lakkoofsisu.''