Gabaan jijjiirraa taphattootaa eegale, eenyutu eessa deema?

Jijjiirraan taphattootaa ji'a Amajjii keessa raawwatamu akka yeroo kaanii salphaa miti, yeroo akkaan dhiphoo keessatti taatee raawwatamudha.
Ammoo sagantaan taphoota hafanii, miidhamni taphattootaa, sadarkaa ofii fooyyeffachuun liigicha dursuu yookiin bakka ofii qabatanii turuuf leenjistoonni Piriimer Liigii hojii kana raawwachuu qabu.
Gabaa ba'anii waan milkaa'ina karoorasaaniif barbaachisu barbaaddatu.
Kilaboota Ingilaandiif gabaan jijjiirraa taphattootaa Roobii, Amajjii 1, 2025 eegaleera. Kan xumuramu Guraandhala 3, guyyaa Wiixataati.
BBC Sport taphattoota maqaa guddaa qaban shan kan ji'a Amajjii keessa egereensaanii baramu irratti xiyyeeffachuun gabaasa kana qindeesseera.
Maarkas Raashford

Madda suuraa, Getty Images
Taphataan umrii waggaa 27 kun turtiinsaa Old Trafford maal akka ta'u hin mirkaneeffanne, ta'us walakkaa ji'a Muddee xumurame kanatti gaaffii fi deebii taasise irratti ''qorumsa kamuu dura dhaabbachuuf qophiidha,'' jedhee ture.
Taphataan Ingilaand kun erga bara 2016 Maanchistar Yunaayitid seenee taphoota irratti hirmaate 426 irratti goolii 138 galcheera.
Barri dorgommii 2022-23 isaaf bara milkii ture, tapha hundarratti goolii 30 galchuun xumure.
Haata'u malee yoo xiqqaate ji'oota 18 darbaniif raawwii gaariin irraa hin mul'anne, wal'aansoo keessa jira.
Kanneen waa'ee kubbaa haasa'uu jiruu guyyuu isaanii godhatanii fi deeggartoonni kilabichaa qeeqaan isa weeraran.
Raashford Yunaayitid keessatti taphataa beesee guddaa argatuudha, kun jijjiirraa isaatti dallaa cimaa ta'eera.
Kontiraati isaa Waxabajjii 2028 kan xumuramu Raashford, maqaansaa PSG, Baarseloonaa akkasumas kilaboota Sa'uudii Al-Ahli, Al-Ittihad fi Al-Qadsiah waliin ka'a.
Tireent Aleksaandar Arnoold

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Taphattoonni ijoon Liivarpuul kanneen kontiraati isaanii xumuramuuf ji'oota xumuraa ja'a keessa jiru yeroo jijjiirraa taphattootaa kanatti xiyyeeffannoo keessa galaniiru.
Mohammad Saalaa fi Varjil Vaan Daayik waa'ee kontiraatasaanii irratti yaada bal'aa hin kennan.
Gama Trent Aleksaandar-Arnooldiin wanti jiru garuu xiyyeeffannaa argateera.
Taphataan umrii waggaa 26 kun umriisaa waggaa ja'a irraa kaasee Liivarpuul keessa jira.
Fulbaana darbe waa'ee turtii isaa Liivarpuul wayita dubbatu, waan haasofnu hundaan hawaasatti gadi hin baanu jedhee ture.
Haalli kun waan itti aanee mudachuu malu tilmaamuuf nama rakkise.
Piriimer Liigii keessatti taphataa filatamaa akkaan abdatamu, dorgommii Chaampiyoonsi Liigii irratti tapha bareedaa kan taphatu akkasumas dorgommii Waancaa Karabaawoo nuusaa xumuraaf kan ga'e nama Liivarpuul kana dabarsanii kennuun salphaa hin ta'u.
Fedhiin Maadriid agarsiisaa jirus didamaa yoona ga'eera, garuu hanga yoomiitti?
Kontiraati isaa hanga Waxabajjii 2025 kan turu taphataan kun maqaansaa Riyaal Maadriid, Maanchistar Siitiifaa waliin ka'a.
Maartin Zebimendi- Riyaal Soosedaad

Madda suuraa, Getty Images
Taphataan colleen kun worqee hunduu barbaadu jedhama. Amajjii kana akkaan barbaadamaa kan isa taasises kanuma.
Liivarpuul taphataa umrii waggaa 25 kana mallatteessifachuutti dhihaatee ture.
Maanchistar Siitiin erga utubaa isaa Roodrii dhabee ijasaa taphataa kanarra buufateera.
Kontiraati taphataan kun kilabasaa waliin qabu hanga bara 2027 tura, Liivarpuul, Arsenaal, Maanchistar Siitii, Baarseloonaan of harka galfachuuf dorgommiitti jiru.
Been Chilweel- Chelsii

Madda suuraa, Getty Images
Taphataa kanaaf yeroon kun yeroo murteessaadha. Umriisaa waggaa 28 ta'e kanatti Ben Chilwell yeroo itti ba'ee mula'tu ta'uu qaba ture.
Garuu taphattootni jalqabarratti hiriiranii taphatan wayita hoogganaasaanii Enzo Maresca waliin mul'atan inni keessa hin jiru.
Bara 2020 Leestar irraa paawondii miiliyoona 45n Chelsii seene.
Chilwell taphattoota kilabicha keessaa ba'uuf yaadan keessati jedhe Enzo Maresca.
Kontiraati taphataa kanaa Waxabajjii 2027 xumurama.
Kilaboonni akka Juventus, Bireentiford, Maanchistar Yunaayitid, West Ham, Fenerbahce fudhachuu barbaadu.
Maatewus Kunihaa - Wolvis

Madda suuraa, Getty Images
Barri dorgommii kun Woolvisiif bara gaarii miti, bara isaan itti qoramaniidha. Kana gidduutti raawwiin Maatewus Kunihaa xiyyeeffannaa argateera.
Taphoota Piriimer Liigii darban 11 irratti gooliiwwan galan 11 keessaa ga'ee qaba.
Goolii torba galche, kubbaa afur ammoo mijeessee kenne.
Taphataan umrii 25 lammii Biraaziil kun Atileetikoo Maadriid irraa Woolvis seene.
Kontiraati isaa hanga bara 2027 tura, Liivarpuul, Arsenaal, Maachistar Siitii, Maanchistar Yunaayitid, Niwukasil isa barbaadu.
Jijjiirraawwan kaan
Leenjisaan Chelsii Enzo Maresca taphataasaa Karnii Chukumeekaa gabaaf dhiheesse. Taphataa sarara gidduu Seesar Kasaday waliin ergisaan kennuuf haasaa eegaleera.
Egereen Daanii Oolmoo kilaba La Liga keessatti shakkii keessa galeera.
Maqaan jifataa Niwukasil Aleksaandar Isaak irra deddeebiin Arsenaal waliin ka'a.
Taphataan Bayer Leverkusen Florian Wirtz fi kan Niwukasil Bruno Guimaraes Maanchistar Siitii waliin maqaansaanii ka'a.
Amajjiin kun Ruben Amorim wayita jijjiirraa taphattootaa raawwatu kan jalqabaa isaati.
Taphattoota hedduu akka fidu eegama. Garee maqaansaa ittiin waamamu ijaaruuf deema.
Jifataan kilaba Sporting Viktor Gyokeres Poorchugaalitti Amorim waliin hojjechaa ture.
Maqaan taphataa kanaa Arsenaal waliinis ni ka'a.
Jifataan lammii Daach Joshua Zirkzee fi taphataan qarqara irra taphatu Antonii kanneen Old Trafford gadhiisuuf jedhan keessaati.
Taphataan sarara fuulduraa Liil Jonataan Deeviid xumura bara dorgommii kontiraatisaa xumurama.
Maqaansaa kilaboota Piriimer Liigii hedduu waliin ka'aa jira.
Jifataa PSG Randal Kolo Muani kilaboota hedduutu fudhachuu barbaadu.
Tootanhaam gabaatti seenuunsaa hin oolu. Ittistoonni isaa Mikii Vaan da Ven fi Kiritaan Roomeeroo miidhamarra jiru. Bakkasaanii nama barbaada.
Kiristaal Paalaas jifataa barnaada, Evartanis akkasuma. Kilaboonni lameen baayyina gooliin Saawuzhaampitan qofa caalu.












