Eunice Osayande: Biraasels maaliif maqaa daldaltuu saal-qunnamtii lammii Naayijeeriyaa tokkoon daandii moggaasti?

Mormiif warri bahan yeroo suura Eunice Osayande qabatanii haabbatan

Madda suuraa, Kevin Van den Panhuyzen/BRUZZ

Magaalaa Beeljiyeem kan taate Biraaseels daandii magaalattii tokko maqaa dubartii Naayijeeriyaa daldala saal-qunnamtiitti bobbatee wayita jirtutti ajjeefamteen akka moggaasu beeksise.

Murteen kunis akka qaama duula bal'aa dubartoonni Beeljiyeem gaggeessaa jiraniif beekamtii kennuutti ilaalama jedhameera.

Manni maree magaalichaa akka jedhetti daandiin tokko maqaa Eunice Osayande jedhamuun moggaafama. Dubartiin akkasiin yaadatamtu kun Waxabajji 2018 maamilashee garaa isa gahuu dhabuun itti aare tokkoon waraanamtee ajjeefamte.

Ms Osayande abdii jireenya foyya'aa gara fuula duraatti Awurooppaatti sobaan waadaa galameefiin sossobamtee ture bara 2016 keessa gara magaalaa guddoo Beeljiyeem kana kan dhufte.

Ms Osayande namni gara Awurooppaa ishee geesse fiilmii keessatti taatoo beekamtuun si taasisa akka isheen jedhee goyyoomse himtee turte. Dhugaan jiru garuu, namichi warra seeraan ala namoota godaansisan keessaati.

Erga takkaa Biraasels seentees, Ms Osayande battalumatti gara daldala saal-qunnamtiitti seenuuf dirqamte.

Garee dabarsee achiin ishee gahe, daldala saal-qunnamtii itti jirtuuf maamila isheef qopheessuufi haala mijeessuuf, akkasumas mana isheef kireessuuf ammoo dolaara $52,000 akka kaffaltu gaafatamtee turte.

Torban itti ajjeefamte sana keessa, dhaabbata tola-ooltummaan dhimma daldaltoota saal-qunnamtiirratti hojjetu tokko qunnamuun hojiishee daldala saal-qunnamtii keessatti miidhaa hamaan akka isheerra gahaa jiru himtee turte.

Rakkoo isheerra ga'uuf ammoo poolisiitti akka hin iyyanneef baqattuu seeraan alaa ragaa hin qabne waan taateef sodaachuu dubbatti.

Waxabajji bara 2018 keessa wayita umuriin ishee waggaa 23 ture, Ms Osayande araddaa Gare du Nord jedhamu keessatti maamila tokkoon si'a 17 waraanamtee turte.

Yeroo sana mormiin godaantota hojii daldala saal-qunnamtiitti bobba'aniin durfame Biraasels keessatti dhohee ture. Namoonni mormuun hiriira bahanis aanga'oonni haala hojii mijataa akka qopheessaniif, akkasumas hojii akkasii kanaaf qajeelfamoota seera-qabeessa ta'an akka qopheessaniif gaafachaa turan.

Hojii daldala saal-qunnamtiitti bobba'uun seeraan ala miti biyya Beeljiyeemitti, garuu danbiiwwan biyyaalessaa walfakkaatan hin jiran.

Warra hiriira mormii bahan suura Eunice Osayande qabatanii

Madda suuraa, Kevin Van den Panhuyzen/BRUZZ

Hiriira mormii kana kan qopheessite ammoo Maxime Maes dubartii jedhamtu daarektara yuuniyeenii daldaltoota saal-qunnamtii Biraasels UTSOPI jedhamuuti.

"Duuti Eunice kan baayyee qalbii nama cabsudha, keessumaa baqattuu ragaa seeraa hin qabne waan taateef nama gaddisiisa," jechuun BBCtti himte.

"Bakka isheen itti miidhamte kanatti rakkoon uumamu dabalaa kan jiru yoo ta'u, dubartoonni moggaatti dhiibaman ammoo irratti xiyyeeffatama."

Namni umuriin isaa waggaa 17 ta'e ajjeechaa Ms Osayande kanaan shakkamee murtii eeggachaa jira.

Miseensonni garee namoota seeraan ala godaansisanii afur ammoo baruma kana ji'a Amajjii keessa hidhaa waggaa afuriin adabamaniiru.

Daandii haaraa tokko maqaa Ms Osayande'tiin moggaasuun, magaalaan Biraasels "dubartoota miidhaan godaansi seeraan alaa irra gahe, miidhaan saal-qunnamtiin hubamaniifi michuuwwan saal-qunnamtiin ajjeefaman garuu dagataman," akka xiyyeeffannoo malu argatan taasisuuf jedheera.

Daandiin kun biyyattii keessatti maqaa dubartii hojii daldala saal-qunnamtiitti bobbaate tokkoon moggaafamuu isaatiin isa jalqabaa ta'a akka tamsaasa Beeljiyeem RTBF jedhutti taanaan.

Daandiin haaraa gama kaaba magaalaa Biraaselsirraan argamu kun, qaama sosochii manni maree magaalichaa bakkawwan gara garaa maqaa dubartootaan moggaasuuf itti jirudha.

Manni maree kun kanumaan durayyuu daandiiwwan baay'ee maqaa dubartoota bebbeekamoon moggaaseera.

Miseensa mana maree magaalichaa kan taate Ans Persoons, Beeljiyeem keessatti dubartoota umuriin isaanii waggaa 16 hanga 69 ta'an %42 jireenya isaanii keessatti miidhaan saal-qunnamtii waliin walqabatu isaanirra gaha jette.

"Parsantaa kun ammoo dubartoota warra daldala saal-qunnamtiirratti bobba'an biratti irra gudaadha. Kan akka daandiin maqaa Eunice Osayande'tiin akka moggaafamu ta'eefis kanumaaf."

Daandiin maqaa dubartii kanaan moggaafame kun ammatti ijaaramaa kan jiru yoo ta'u, ji'oota muraasa itti aanan keessa ifatti eebbifama jedhameera.

Manni maree magaalichaa akka jedhettis, dubartoonni hojii daldala saal-qunnamtiitti bobba'aniifi hawaasi baqattotoa ta'an eebba daandii kanaarratti argamuun haasaa ni taasisu jedhameera.