Koronaavaayiras: Maalaawiin talaallii Covid-19 yeroon itti darbe 20,000tti siqu gubde

Malawi's Health Minister Khumbize Kandodo Chiponda (C) puts packs of expired Covid-19 Astra Zeneca in a pharmaceutical incinerator to destroy them at Kamuzu Central Hospital in Lilongwe on May 19, 2021.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Ministirri fayyaa Maalaawii Khumbize Chiponda, kutaa talaalliin itti gubatu saamsaniiru

Qondaalotni Maalaawii doozii talaallii Covid-19 AstraZeneca 19,610 yeroon itti darbe kan guban talaalliin uummanni fudhatu nagaa tahuu agarsiisuufi jedhan.

Akkas gochuun Maalaawiin biyya Afrikaa ishee jalqabaati.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa jalqaba talaalliiwwan yeroon itti darbe akka hin gubamne himus amma garuu gorsa kana jijjiireera.

Maalaawiitti fedhiin uummanni talaallii fudhachuuf qabu xiqqoo gatii taheef hojjettoonni fayyaa, kuni amantaa uummataa ni dabala jedhanii amanu.

Uummata Maalaawii miiliyoona 18 keessaa namoonni 34,232 tahan vaayirashichaan yoo qabaman 1,153 immoo lubbuun darbeera.

Maalaawiin doozii talaalliii Astiraazenekaa 102,000 baatii Bitootessaa keessa ture Gamtaa Afrikaa irraa kan fudhatte, kana keessaa harka 80 fayyadamteetti.

Haa tahu malee talaalliiwwan kunneen irratti Amajjii 13 booda akka faayidaa hin kennine irratti barreeffameera. Qondaaltonni qoricha sana kennanii fixuuf yeroon gahaa hin turre jedhan.

Haaluma kanaan daqiiqaa 30 keessatti qondaaltonni talaallii kumaatamaan lakkaa’amu gubaniiru.

Qondaalli olaanaa fayyaa Maalaawii talaallii kana gubuun miidhaasaarra bu’aasaatu caala jedhan.

‘’Talaallii guyyaan itti darbe akka qabnu gaafa dhagahamu, namoonnii gara wiirtuu fayyaa dhufuu dhaaban,’’ jedhu Dr Chaarlas Waansaamboon

‘’Yoo gubne malee uummanni talaallii yeroon itti darbe akka fayyadamnu yaada, dhufanii immoo yoo talaalamuu baatan Covid isaan qabata,’’ jedhan.

Mootummaan talaallii gahaa akka qabu himee namni umriinsaa waggaa 18 ol jiru hundi dhaqee akka fudhatu gaafachaa jira.

Maalaawiin talaallii isa Gamtaa Afrikaa irraa argatteedhaan alatti doozii 300,000 Covax irraa immoo 50,000 kallattiin Indiyaa irraa argatteetti.

The vaccines that will be destroyed on 19 May 2021
Ibsa waa'ee suuraa, Talaalliin kunniin kuusaa qabbaneessituu keessaa erga bahanii turaniiru

Dhiyeessii gara fuulduraaf garuu Indiyaan al-ergii nan dhaaba jechuun yaaddoo uumeera.

Namoonni magaalaa guddoo Maalaawii Lilongwe, waa’ee talaallichaa ni yaadda’u.

‘’Talaalamuu nan barbaada garuu hospitaala deemee isa guyyaan itti hin darbine akka naa hin kennine maalittin beeka?’’ jedha abbaan suuqii magaalattii keessaa BBCtti yoo himu.

‘’Seenaa namoonni dhiigni kantaruu fi erga talaallii argatan boodas kan du’an jiraachuu dhagaheera. Namoonni kunneen ni sobu jechuudha? Dhugaadha taanaan talaallii wal-fakkaataa maaliif nuu kennu?’’ jedha abbaan suuqii kan biraa.

Talaalliin AstraaZenekaa dhiiga kantarsa kan jedhu ammayyuu hin mirkanoofne. Ogeessoti fayyaa immoo miidhaan Covid-19 kanarra baayyee caala jedhu. Namoonni dandeenyaan akka talaalaman gorsaa jiru.

Afrikaa keessatti Maalaawiin talaallii yeroon itti darbe argachuun biyya jalqabaa miti. Tahus Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa fayyadamuu danda’u waan jedhu hamma mirkaneessutti akka eegan gaafataa ture.

Amma garuu talaalliin guyyaan itti barreeffamee ijaa ergamuuf yoo guyyaan yoo itti darbeef gatuun gaarii dha.

‘’Talaallii kana yoo gannu baayyee nu gaabbisiisa, tahus Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa talaalliin yeroon irra darbe cancala raabsaa talaallii kana keessaa sirnaan gatamuu qaba,’’ jedheera ibsa Caamsaa 17 baaseen.

Talaalliiwwan amma faayidaarra oolaa jiran kan ji’a 36 turuu danda'anidha. Rakkoon talaallii Covid kanaa reef waggaa tokkoo gadiif faayidaarra oole gatii taheef, odeeffannoon guyyaan erga itti darbee yoo fayyadamne ni gargaara, jedhu deebisu hin jiru.