Covid-19: Talaalliin dooziin takkaa umurii hundaaf sodaa qabamuu hir'isuu danda'eera

Madda suuraa, Getty Images
Erga dooziin jalqabaa talaalliiwwan Covid AstraZeneca ykn Pfizer kennamuu jalqabee booda carraawwan koronaan qababuu haalaan hir'achuu qorannoon UK'tti gaggeeffame tokko mirkaneesse.
Talaaliiwwan kunneen namoota warra umuriin isaanii waggaa 75 ol ta'eefi rakkoo fayyaa bule qabaniifillee akkuma namoota kan dhibiitti sirriitti hojjeteeraaf jedhame.
Qorannoon Waajirri Istaatiksii Biyyaalessaa (ONS) Yunvarsiitii Oksifoord gaggeessan akka agarsiisetti, talaalliiwwan lamaanuu namoonni umurii hunda keessa jiran dandeettii cimaa qaamni dhibee ofirraa ittisuu akka uummatu taasiseera.
Talaallii lachaniifuu namni kamiyyu fudhate kamiyyu dandeettii qaamni dhukkubicha ofirraa ittisuu uummateera jedhan warri qorate kun.
Qorannoon si'a lama gaggeeffame kun ammallee madaalliin garee kan irratti hin gaggeeffamne ykn kan hin maxxanfamne yoo ta'u, qorannoo vaayirasichaa namoota UK 370,000 ta'an irratti kan gaggeeffamedha.
Lakkoofsi namoota qorannoon irratti gaggeeffamee kun ammoo lakkoofsa namootaa qorannoon irratti gaggeeffame isa guddaadhas jedhameera.
Talaalliiwwan ittisa Covid-19f UK keessatti faayidaarra oolaa jiran akka koronaavaayirasiin hin tatamsaane gochuu keessattis milkaa'aa akka jiran ragaan agarsiisaa jira.
Qorannoo jalqabaa keessatti, namoonni talaallii Oxford-AstraZeneca ykn Pfizer-BioNTech doozii takka fudhatan carraan isaan Covidn qabamanii %65 xiqqaateera.
Talaallii Mudde 2020 fi Ebala 2021 keessa kennameen namoonni erga fudhatanii torban sadii booda dhibeen koronaa mallattoo agarsiisu daddarbuun isaa %74, kan mallattoo hin agarsiifne ammoo %57n gadi akka bu'es gabaafameera.
Namoonni talaallii Pfizer doozii lameessoo fudhatan ammoo carraa isaan koronaan qabamanii %90 hir'ateera. Kun talaallii gosa AstraZeneca tiifillee hojjechuu mala. Ammatti kan AstraZeneca kana namoonni doozii marsaa lameessoo fudhatan baayyee xiqqaadha.
Qorannoon taasifame akka mul'isetti, talaalliiwwan lamaanuu gosa vaayirasichaa haaraa Kent (B117) jedhamurratti illee milkaa'eera.
Qorataan buleessi Yunvarsiitii Okisfoord Damee Fayyaa Hawaasaa Dr Ko'en Paawuloos, ragaan qorannicharraa argame murtee yeroo talaallii marsaa lamaan gidduu jiru dheeressuuf gargaara jedhan.
"Dhukkubni kun akka bifa haaraatti hin tatamsaane gochuu keessatti doozii jalqabaa kenname milkaa'ina argamsiiseera.
Kun ammoo mrtoo dooziiwwan talaallii kan jalqabaafi isa lameessoo torbeewwan 12 walirraa fageessuun kennuu murteessuuf gargaara. Kana gochuun ammoo carraa talaallii waliin gahuu ballisuun, namoota dhibee kanaaf hospitaala galan akkasumas, lubbuun isaanii darbu ni hir'isa," jedhan qorataan kun.
Haata'u malee, lakkoofsi jiru akka agarsiisutti carraa namoonni talaallii fudhatan qabamuufi namoota birootti dabarsuun ni jiraata waan ta'eef walirraa fageenya eeggachuufi maaskii godhachuun barbaachisaadha jedhan.
Qorannoo lamaffaa keessatti, namoota ga'eessota 46,000 talaallii doozii takka fudhatan qaamni isaanii dandeettii dhukkuba ofirraa ittisuu cimaa horachuu agarsiisa.
Kun ammoo talaallichi namoota umurii hunda keessa jiraniif akka qaamni isaanii dhukkuba ofirraa ittisuu horatan akka dandeessisu agarsiiftuudha jedhan.
Dandeettii qaamni dhukkuba ofirraa ittisuu warra waggaa 80 dabaluu
Talaalliiwwan lachaniifiyyuu namoonni umuriin halfii fi kanneen waggaa 60 ol ta'an waliin yeroo wal bira qabamee ilaalamu warra umuriin ijoollummaa qabanitu caalaa dandeettii dhukkuba ittisuu uummata.
Ta'us garuu, talaalliin Pfizer doozii lameessoo erga kennamee ammoo namoonni umurii hunda keessa jiran dandeettii qaamni dhukkuba ittisuu horachuu agarsiiseera qorannichi.













