Talaalliin Covid kan sobaa Poolaandiifi Meeksikootti qabame

Madda suuraa, Reuters
Kaampaniin Ameerikaa qoricha omishu Pfizer talaalliin Koronaavaayiras biyya Poolaandiifi Meeksikootti qabamee kanniin omisheen kan fakkeefame malee isa sirrii akka hin taane mirkaneesse.
Talaallii isa sirriin fakkeefamee hojjetame kana biyyoota lamaanitti kan to'ate aanga'oota biyyoota lameeniiti.
Meeksiootti inni qabame mallatoo sobaa ofirraa qaba, kan Poolaanditti qabame ammoo qoricha goyaa namaa yaaludha jedheera Pfizer.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa talaalliin Koronaa kan sobaa '' fayyaa hawaasaa idila addunyaa yaaddoo keessa galcha'' jechuun akeekkachiiseera.
Talaalliiwwan sobaa kunniin adda baafamanii dhiyeessi isaanii dhabamsiifamuu qaba jedheera.
Ministirri Fayyaa Pooland ibsa Roobii darbe baaseen talaallii mootummaan raabsu keessa kanneen sobaa kun hin jiranii jedheera.
Talaallii sobaa Covid-19 kana Meeksikootti namootni 80 talaalamaniiru.
Barruun 'the Wall Street Journal (WSJ)' talaallichi miidhaa qaamaa fiduu baatus, Vaayirasii Koronaarraa madiinummaa qaamaa jabeessuuf bu'aa hin qabuu jedheera.
Talaalliin sobaa kun Meeksikoo keessatti marsaa tokkoffaaf qofa hanga $2,500 kennamaa osoo jiruu beeksisa miidiyaalee hawaasarratti hordoffii Poolisiin godheen qabamuu dubbii himaan dhimma dhibee kanaa mootummaa Meeksikoo Hugoo Lopeez Gateel himaniiru.
Poolaanditti garuu talaallii sobaa kana namni fudhate hin jiruu mana nama dhuunfaa keessattis qabame jedhameera.
Hoogganaa nageenya idila addunyaa kaampanii qorichaa US Pfizer kan ta'an Leev Kubi'aak fedhiin talaallii kanaa guddaan akka addunyaatti jiruufi hanqinnii omishaa waliindhahuu akkasiif sababa ta'eera jedhan.
WSJ'n yoo himan hammuma hojii keenya xumuraan geenyu fi kaampaaniiwwan kaana omisha talaalliitti makaman dhiyeessiin ni dabala hagasuu yakkitootaaf carraan gaarii ta'a jedhan.
Qorattoonni BBC'n ji'oota dura dubbise beeksisni gurgurtaa talaalliiwwan sobaa Koronaa, paaspoortii talaalamuu ibsuufi bu'aa qorannoo sobaa bilisa jedhuu akkaan dabaluu dubbataniiru.














