Covid-19: Ragaa sobaa Koranaarraa bilisa jedhuun imaluun miira akkamii uuma?

Koroonaavaayiras akkatti namni imalurratti jijjiirama fideera, biyyootni addunyaa hedduun imalaan gara biyya isaa dhufu koronaarraa bilisa ta'uu waraqaa ragaa koronaaarraa bilisa jedhu akka dhiyeessu gaafatu.
Qoratamuuf baasiin guddaa kan gaafatu ta'uun ammoo namootni ragaa sobaa akka hojjechiifatan sababa ta'eera.
Rippoortarri BBC Jioce Etutu Biriteen keessatti dubartoota lama kan ragaa sobaa qopheessuufi ragaa sobaan imaluu amanan dubbisteetti.
''Maaltu ta'uu akka danda'u waaniin tilmaamuu hin dandeenyeef sodaadheen ture.''
''Xiyyaara koruu dura hayyama isa dhumaa bakka argatanitti, namichi ragaa qorannoo Koronaa na gaafate.
Sekoondiiwwan 10-20 hin caalleef ragaa kana dubbisee, natti seeqee achiis eessa akkan deemaa jiru na gaafatee imala gaarii naan jedhe.
''Nan boqodhe sababni isaas bakka kana ergan darbee rakkoon akka na hin mudanne beeka.''
Kana kan BBC'tti himte dubartii ganna 24 Louise jedhamtu ragaa sobaa ykn fakkeeffamaan kan gara Gaanaatti imaltee turtedha.
Gaanaan namoota biyyoota biroorraa garasitti imalan Koronaarraa bilisa ta'uu isaaniif ragaa akka dhiyeessan biyyoota gaafatan keessaa tokko. Kanaaf xiyyaaricha koruun dura ragaa kana imaltootni agarsiisuu qabu.
Biriteen keessatti qorannoo Koronaa gochuuf paawundii 100-300 ta'u qabaachuun dirqama. Baasii hanga kanaa baasuu waaniin hin dandeenyeef ragaa sobaa yln dhugaan fakkeeffame argachuun filadhe jette.

''Namootan beeku kan footooshooppii hojjetaniin gaggaaffadhe. Hiriyyoota kootiin ammoo ragaa qorannoo isaanii akka natti agarsiisaniifi akkaataa itti qophaa'u akka natti agarsiisaniin gaafadhe. Achiis nama fakkeessee naaf hojjetu argadhe.''
UK keessatti ragaa sobaa bituunis ta'e bituuf yaaluun yakkadha. Osoo ragaa sobaa gurgurtuu yoo qabamtes hidhaan sirratti murtaa'uu mala.
Haata'uutii ammaaf ragaa Koronaarraa bilisa jedhu sakkata'uun gaafatama warra daandii qilleensaati.
Dubartiin biroon Jessica jedhamtu ammoo ragaawwan sobaa Koronaarraa bilisa jedhu beeksisa miidiyaa haawaasaarratti hojjettuun namoota biyya ormaatti imalaniif gurguruu amanteetti.
''Maallaqa salphaatti argamudha jetti.
''Isaan £150 qorannoof kanfaluu hin fedhan nutimmoo £50 kanfalchiifna,'' jetti.
''Keenya kun rakasa waan ta'eef akkamitti hojjeta, irra deebiin na qorachuu maluu, yoon qabame rakkoon na mudataa fi gaaffilee biroo hedduu gaafatus,'' jetti.
Jessica'n hojii yakka ta'e kana hojjechuu isheef sababa gahaa gootee kan dhiyeessitu harmee qofaashee ijoollee guddiftu ta'uudha.
Namni nagargaaru hin jiru, namni maallaqa naa kennu hin jiru. ''
''Waan rakkoo xiqqoo fidu hojjedhee ijoollee koo nyaachisuuf £300 nan argadha yoo ta'e na amani hinuman godha.''
Jessica'n hojii kanatti kan galte ofiif takkaa ragaa sobaa akkasii barbaaddee erga argattee boodadha.
Dubartiin kun hanga ammaatti ragaalee sobaa Koronaarraa bilisa jedhan saddeet gurguruu amanteetti. Haata'uutii ragaan sobaa kun jireenya namoota biroo hangam akka miidhu erga hubattee hojii kana dhiisuuf murteessuu dubbatti.
''Amma gaarii akkan hin goone natti dhagahama,'' jetti dubartiin seektara fayyaa keessa akka hojjettu himtu kun.
''Namootni sababa koon Koronaan qabamaa jiru. Biyya biraa akka keenyallee carraa yaala fayyaa hin qabne keessatti.''
Dubartiin imalaaf jecha ragaa sobaa kana bitattee Gaanaatti imalte Louise, sana kan goote sababa maallaqa gahaa hin qabneef akka ta'e himti. Sana gochuu isheeniis maallaqa £200 to £250 oolfachuu himti.
Sababni ragaa sobaa bitteef qoratamuu waan hin feeneef akka hin taanes dubbatti.
Akkuma Jessica, Louise yakka raawwachuu ni beekti, ta'us itti deebitee raawwachuu akka dandeessu garuu hin haalle
''Hanga sirni wayii ragaa sana eessaa akka argatte mirkaneessee qabu hin dhufnetti, maallaqa hanga sanaa baasuun qoratamuun of dararuu hin fedhu,'' jetti.
Biyyoota Awrooppaa keessatti dhimmi ragaa sobaa Koronaa amma dubbii ijoo ta'uu eegalee, Paarisitti poolisoonni namoota torba ragaa sobaa qabatan buufata xiyyaaraa irraa qabaniiru. Namootni kun ragaalee dijitaalaa kan biyyoota 200 harkaa qabu ture jedhameera.














