Lammiileen Keeniyaa waraqaa ragaa sobaa Covid qabatanii imaluuf turan to’ataman

Madda suuraa, Getty Images
Qondaaloti lammiilee Keeniyaa waraqaa ragaa sobaa Covid irraa bilisa tahuu agarsiisu qabatan 21 buufata xiyyaaraatti to’atan. Jarreen kunneen Keeniyaarraa gara Yunaayitid Arab Imireetis(UAE)’tti imaluuf turan.
Dhimmi kun erga UAE lammiilee Keeniyaa waraqaa ragaa sobaa qabataniiru jette viizaa dhorkiteen booda barame.
Shakkamtoonnis Jimaata har’aa mana murtiitti dhiyaatu jedhameera.
Miidiyaaleen Keeniyaa namoonni Covid’n qabaman ammallee dabalaa jiru jedhu, kanaanis,Kamisarraa qabee namoonni baay’inaan akka walitti hin qabamne dhorkameera.
Jalqaba torbee kanaarratti UAE Keeniyaa, Somaaliyaa, Liibiyaa, Tuniiziyaafi Aljeeriyaa dabalatee biyyoota 13f viizaa kennuu dhaabdeetti.
Imaltoonni 21 gara Dubaayitti ce’uuf yeroo yaalan buufata xiyyaaraa Keeniyaa, Naayiroobii argamutti gaafa Kamisaa qabamaniiru.
Waraqaa ragaa sobaa negatiiva tahuu isaanii agarsiisu imala dura hojjechiisuun himataman.
Imala xiyyaaraa biraan lammiileen Keeniyaa 100 waraqaa ragaa sobaa waliin qabaman booda yeroo qorataman walakkaan isaanii vaayirasichaan qabamaniitu argaman kan jedhe Naayiroobii Niiws dha.
Keeniyaatti namoonni dhukkuba kanaan qabaman 80,102 yoo tahan 1,427 immoo lubbuu dhabaniiru.
Kamisa kaleessaa immoo namoonni haaraa 780 vaayirasichaan qabamuu ministeerri fayyaa Keeniyaa beeksiseera.
Namooni iddoo tokkotti akka walitti hin qabamne dhorkullee gaafa Kamisaati labsame.
Lafa cidhaatti namoota 50, taaziyaaf immoo namoota 100 qofatu eeyyamama.
Tajaajilli waldaa immoo namoota 90 qofa akka tahu beeksifameera.















