Koroonaavaayiras: Pireezidantiin Keeniyaa Uhuruu Keeniyaataa ilmi isaa seera Covid-19 cabsuu beeksise

Madda suuraa, Getty Images
Pirezdaantiin Keeniyaa Uhuruu Keeniyaataa ilmi isaa qajeelfama weerara koroonaavaayiras ittisuuf ba’e - kan galgala sa'aatii tokko booda akka namni hin sochoone dhorku cabsuu isaa beeksiseera.
Gaaffiifi deebii miidiyaa biyya keessaa irratti godhaniin pireezidantichi ijoollee isaa lamaan keessaa inni tokko, isa kam akka ta’e adda hin baafne, dhiyeenya magaalaa Mombaasaa, bakka weerarri kun itti bayyatee jirutti, halkan bakka shubbisaa ykn paartii dhaquu isaa himeera.
Keeniyaatti hedduminaan walitti qabamuun dhorkameera.
Dabalataanis mootummaan, magaalota Naayiroobii, Mombaasaa fi magaaloota lama biroo keessaa bahuufi galuu dhorkee jira.
Erga magaalaa Naayiroobii irraa galuufi bahuun dhorkametti haati warraa, harmee fi ilmi Pireezidaantichaa achuma magaalaa Mombaasaa keessa jiru.
'Kun hundi sababa jalalleekee arguu barbaaddeefii?'
Keeniyaattaan ilmi isaa gocha isaa kanaan lubbuu akkoo isaa Niginaa Keeniyaataa yaaddoo keessa galchuu isaaf, akka itti dheekkame Keeniyaattaan dubbateera.
''Tole, ati baatee yeroo gaarii qabaatte. Akkoonkee ganna 80 dabarteetti. Yoo isheen waa taateewoo? Bu’aasaa waliin dandeessee jiraattaa?
Kun hundi sababa jalalleekee arguu barbaaddeefii?” jechuun akka itti dheekkaman Uhuruun gaaffiifi deebii miidiyaa biyyatti waliin taasisan irratti dubbataniiru.
Weerara koronaavayirasii injifachuuf waliin hojjachuufi itti gaafatamuummaa ofii ba’uun barbaachisaadha jechuun dubbataniiru.
Pireezidant Uhuuruun qajeelfama to’annoo koronaavayirasii jalaa eenyuyyu hin hafus jedheera, ta’us garuu akka lammilee Keeniyaa qajeelfama kana cabsan biroo ilmi isaa wiirtuu adda baafamuutti geessuu dhiisuu isaaf qeeqameera.
Keeniyaatti Roobii, namootni 123 irratti koronaavaayirasiin kan argame yoo ta’u, kunis lakkoofsa waliigalaa gara 1,471tti ol guddiseera.

- KALLATTIIN: Odeeffannoo kallattii - lakkoofsa Covid-19 addunyaarratti
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras


















