Kaaba Keeniyaatti awwaalcha dubartii Covid-19n duuteen sodaan vaayirasichaa gandashee waliin ga’e

Madda suuraa, Getty Images
Keeniyaa Kaawuntii Marsaabeet aanaa Saakuu keessatti namoonni ganda tokkoo sirna awwaalcha dubartii dhibee koronaan lubbuun darbe tokkorratti argaman dhibee kanaan qabamuu malu yaaddoon jedhu jiraachuu jiraattonni BBCtti himan.
Jiraattonni ganda Mataa Arbaa hedduun hanga dubartiin kun dhibamtee wallaansaaf hospitaala geeffamtee booda lubbuun darbee qe'eetti deebisanii awwaalanitti, odeeffannoo dhibee koronaan du'uu ishee akka quba hin qabne dubbatu.
Dubartiin kun dhibee Covid-19n akka lubbuu dhabde kan barames sirna awwaalchaarratti kan jedhan jiraattonni ganda Mataa Arbaa, hospitaalatti wallaanuurraa kaasee hanga awwaalchatti namuu wal tuttuqee waliin gaʼuu mala jechuun sodaachaa jiru.
Dubartiin Covid-19n lubbuu dhabde Aadee Diiramuu Taadhichaa umriin ishee ganna 45 yoo ta'u, hospitaala guddicha magaalaa Marsabeetitti wallaanamaa turte.
Namoota hospitaalatti ilaaluuf deeman keessaa tokko kan ta'an soddaa dubartii kanaa Abba Goollichaa Xachee Areeroo, Aaddee Diiramuun intalashee xiqqoofi obboleettiishee biraatti du’uu himu.
Maatiifi jaarroleen ollaasheerra dhufan dhukkuba kanaan qabamuushee namni nuuf hime hin jiru jedhu.
Ergasheen duuteen booda osoo itti hin himin maatii hospitaala turan manatti erguun reeffa fuudhuu yeroo deemamu akka isheen koroonaan duutee itti himuun akka isaan guwaantii godhatan ofumaan reeffa laastikiin maranii fudhatan daktaroonni ajajuu himu Abba Goollichaa.
“Isanumaan mammartanii yoo konkolaataa argattan bakka ollaa geeffadhaa nuun jedhan. Nu ammoo akkasheen koroonaan duutee ofirratti hin beeknu turre. Maatiin asi [ishee waliin] turaniifi ijoolleen bira bulan manatti galanii namuu walitti mammaramanii boo’an.
Amma yoo isheen dhuguma koroonan duute maatii cuftii dhukkubicha argate jechuudha,” jedha.
Itti-aanaa hoogganaa ganda Mataa Arbaa kan ta'an Abba Adan Waaqoo sirna awwaalcha dubartii koronaan duutee kanarratti argamaniiru. Dhukkubsachushee dhaga’uu himuun, garuu dhukkuba sukkaaraafi dhiibbaa dhiigaadha ittiin jedhan malee koroonaa ta’uu erga awwaala qotaniin booda isaanitti himamuu dubbatan.
Hawaasni ganda Mataa Arbaa kun odeeffannoo dubartiin kun akka koronaan duute maaliif hin argatiin kan jedhu BBCn hoogganaa hospitaalicha Obbo Liiban Waaqoo duubiseera.
Akka dubartiin dhukkubichaan lubbuu dhabde mirkaneessee, namoota reeffa fuudhuuf dhufanitti ammoo of eegannoo malu akka taasisan itti himuu dubbate.
Itti-aanaan bulchaa gandaa Abba Adaan akka himuuttis, hoogganaan hospitaalaa Liiban Waaqoo seerri jijjiramuu itti himuun dabalataan nama akka erguuf beeksise.
Darbee ammoo maatiin reeffa dhufanii fuudhan uffata doktaroonni yeroo wallaansa baqaqsanii yaaluu uffataniifi guwaantii kewwachuu hime.
“Isaan uffata Covid-19 ittisuu kan doktaroonni kewwatan godhatanii dhufnaan, namoonni awwaala dhufan warra akkas uffate kana arganii baqachuu eegalan. Kun ammoo sababa waan deema jiru beekuu dhabaniif,” jechuun hima Abba Adaan.
Wanti nama gaddisiisu garuu, namoonni hedduun sirna awwaalchaa kanatti hirmaate cufti sababasheen duuteef beekuu dhabuun, walitti makamanii, harka wal-fuudhanii akkuma durii kaan awwaaluu eegalan jedha.
“Dhukkubi kun hamaadha, namni walirraa fuudha. Amma wanti ani akka hoogganaasaaniitti gorsaa jirudha. Guyyaa 14 keessatti akka namuu manasaanii jiraatan, akka walga’iin tokkolleen hin jiraanne Mataa Arbaa keessatti. Tajaajiltoonni fayyaas asi dhufanii maatiisheefi ollaa kana qorachuu qabu,” jedhe.
Jaarsii ganda Mataa Arbaa Abba Waariyoo Jabaa asitti maaliif akka namoota achii ture beeksisuu dhabaniifi doktaroonni akka aadaatti reeffa fuudhanii awwaaluu maaliif dhaban jechuun aariitiin hoogganoota hospitaalichaa gaafachuu hima.
Hata’u malee, hoogganaan hospitaala Marsabeet Liiban Waaqoo gama isaatin, doktarooti awwaaluu deemuu akka dhaaban maatiitti himuu dubbata.
“Afaan kiyyaan itti hime, uffata isaan keewwatan kan nama alaatti hin kennineefi maskiifi saanitayizarii kenneefii koroonan irra of ittisaa jedheeniira. Reeffa hanga konkolaata geessanitti gargaaree galata nuuf deebisanii deeman,” jedha.
Liiban ergasii hoogganaan ollaa maaliif akka tajaajiltoonni fayyaa hawaasa awwaaluuf reeffa faana akka hin dhufiin gaafachuu himuun, akka nama ergan gaafachuun isaalleen hin erginaa rakkoon hin jirtu jechuu ibsa.

Madda suuraa, Getty Images
“Wanti taate dabarte, amma dogoggora kan raawwate qaama kana wanti hin godhamin kana jechuun hin barbaachiisu, maatii namni keessaa du’en dhiifama gaafadha,” jedha
Reeffa toʼachuu hospitaalatti
Yoo du’a doktaroonni mirkaneessan, reeffa atattamaan adda baasanii osoo hin dhiqiin, uffata sireetin maranii, saanduuqa keessa kaa’anii akka qilleensi keessa hin baanetti cufamuu qaba.
Itti aansudhaan guwaantii, saanitaayizarii alkoolii qabuun qulqulleessuu. Saanduuqa reeffallee karaa cufaa isaatiin alkooliin qulqulleesssuun dirqama.
Reeffallee nama osoo hin taane sireedhaan baatanii konkolaataa keessa kaa’uu barbaachisa. Siree irra deebi’udhaan qulqulleessuun dirqama.
Gama biraan ammoo hojjettoonni namoota dhukkubichaan du’anin tajaajilan, fakkeenyaaf hospitaala, ambulaansiifi bakka awwaalchaa hojjetan ittisaaf to’annoo dhukkubichaarra lenjii argachuu qaban.
Awwaalcha
Awwaalchi nama koroonan du’ee of eeggannoodhaan to’annoo ogeeyyii fayyaa hawaasaa jalatti raawwachuu qaba. Kun sa’aatii 48 keessatti ta’uus qaba.
Namoonni reeffa geessuu deeman uffata yeroo tokko qofa itti fayyadaman, maaskiifi guwaantii lama walirraan kewwachuu qabu.
Maatiin reeffa qaqqabachuufi ilaaluun dhorkaadha. Konkolaatan bakka awwalchaa geessuf, hojjettoonni fayyaa hawaasa bira jiraachuu qaban, akka yoo karaatti rakkoon mudate qajeelchuu danda’u.
Sirna awwalchaarratti namoonni hirmaachuu qaban 15 qofa ta’uu qaba. Kulleen walirra fagaachuun dirqama.
Haata’u malee, Aadde Diiramuu awwaaluuf qajeelfamni mootummaa kun tokkolleen hojiirra hin oolle jedhan. Namoonni awwaalaa dhufan dhibbaan lakka’aman kan lenjiin akka itti awwaalan ykn awwaalan deeman hin kennamiiniifidha. Reeffa Aadde Diiramuu hojjetoonni fayyaa hawaasa faan hin dhufne.
Kaawuntii Marsabeet keessatti hoogganoota mootummaa dabalatee namni koroonan du’an guyyaa guyyaan dabalaa jira.
Waliigalaatti Keenyaa keessatti namoota 1,611,679 koronaavaayirasiif qorataman keessa 152,523 kan ta'an qabamuun kanneen 2,519 ta'an ammoo dhibee kanaan lubbuu dhabaniiru.















