Koronaavaayiras: Itoophiyaatti guyyaatti lakkoofsi namoota Covid-19 qabanii guddaan galmaa'uu yaaddoo haaraa uume

Ogeessota fayyaa

Madda suuraa, EPHI

Itoophiyaatti koronaavaayirasiin erga mul'atee guyyaa tokko keessatti lakkoofsi namoota dhibee kanaan qabamanii guddaadha jedhame yeroo jalqabaatiif galmaa'uu Inistiyuutiin Fayyaa Hawaasaa beeksiseera.

Qorannoo Kamisa kaleessaa Itoophiyaatti taasifameen guyyaa tokko keeessatti namoonni vaayirasichaan qabaman lakkoofsi baayyee olaanaa ta'e galmaa'eera. Namoota 8,055 qorataman keessaa 2,027 kanneen ta'an irratti argameera jedheera Inistitiyuutiin kun.

Dhiyeenya weerarri koronaavaayirasii “haala nama naasisuun” dabalaa jiraachuu isaa ibsa Ministeerri Fayyaa fi Dhabbati Fayyaa Hawaasaa Itoophiyaa kennan irraa hubachuun ni danda’ama.

Kun jiraatus garuu hawaasaa adda addaa biratti simatamee of eeggannoo gochuurra bal’inaan daggannaan akka mul’atu ogeessonni fayyaa BBCn dubbise ni himu.

Dhiyeenyaatti guyyaa dubartoota irratti figichaa namoota kuma 50n taasifame, sirna awwaalcha adda addaafi walga’iwwaan adda addaa yeroo ilaalaan ogeeyyiin fayyaan, haawasicha qofaa osoo hin taane qajeelfama ministeerri fayyaa ittis Covid-19’f kaa’ee mootummaanillee hojirraa olchuun kaka’umsi itti hanqata akka jedhan taasiseera.

Kanarra darbee guutummaa biyyattiitti hanqinni Oksijiiniifi meeshaan hargansuuf fayyadu uumamuun isaa dhibamtonni Covid-19 lubbuu isaani dhabuu danda’u yaaddoo jedhu uumeera.

Altakkaatti dhukkubsattoonni Oksijiiniin isaan barbaachisu hedduun gara mana yaalaa ni dhufu kan jedhu Dr Biruuk Alamaayyoo, Okjiniin dhibuu isaa irraa kan ka’e qofa gara mana isaanitti deebi’uuf yeroo isaan itti dirqaman jiraachuu ni hima.

“Namootni hedduun ofii isaaniin silindarii Oksijiinii bitatanii gara mana isaanitti deebi’aa jiru,” jechuun hospitaalaa ciisaanii utuu ta’ee meeshaa hargaansuu argachuuf dabaree dheeraa akka eegan ibseera.

Manneen yaalaa dandeettiin isaan dhukkubsattoota simachuuf qabanis hir’achaa dhufuu isaa hin dhoksine.

Hogganaan Wiirtuu Wal’aansaa Covid-19 Miliniyeem Dr Wuletaaw Caannee, dhibamtoota gara wiirtuu isaanii dhufan keessa %75 kan ta’an kanneen Oksiijiiniin isaan barbaachisu ta’uu BBCtti himaniiru.

Wiirtuuchatti namootni gargaarsi meeshaa hargaansuu isaan barbaachisu dabalaa dhufuu ibsuunis “sababa hanqina meeshaa hargaansuun dhukubsattoonni nuti hin simanne ni jiraatu,” jedhaniiru.

Dr Biruuk Alammayyoo ji’oota lamaan darban irraa eegalee weerarri koroonaavaayirasii dabalaa dhufuu isaa hubataniiru.

Dr Wulataaw gama isaaniin torban lamaafi sadii darban keessa lakkoofsi namoota Covid-19’n hedduu dhukkubsatanii dhufan baayyachuu isaanii himu.

Wiirtuulee hunda keessatti hanqinni siree jiraachuu isaan hallii rakkisaa uumamuu isaa kan himan Dr Biruuk, kunis ogeessota fayyaa irratti dhiibbaa uumuu isaa himaniiru.

Akka isaan jedhanitti, lakkoofsi namoota Covid-19’n qabamanii dabalaa waan dhufeef siree kutaalee wal’aansaa biroo keessa jiran walsaamuurra ga’ameera.

Dr Biruuk wiirtuu isaan hojjatan keessatti kanaan dura dhibamaan Covid-19 qabame Oksijiiniin yoo isa hin barbaachisnellee ciisee wal’aansa kan argatu akka ture ni yaadatu, yeroo ammaatti garuu nama tokko ciibsuuf Oksijiiniin kan isa barbaachisu ta’uufi dhiisuutu murteessa jedhan.

“Amma dhukkubsattoonni ciibsinu kanneen Oksijiiniin isaan barbaachisu qofadha.”

Ammatti kanneen ciisanii wal’aanaman hundi Oksijiiniin kan barbaachiisuun ta’us hangi Oksijiinii isaan barbaachisu heddudha jedhu.

“Lakkoofsi dhukkubsattoota gargaarsa meeshaa hargaansuu barbaadaniifi Oksijiinii gara liitirii 5 fi 10 ol fayyadamanii dabaleera.”

Akka Dr Biruuk jedhanitti, haalli akkanaa Miliniyeemuufi Hospitaala Ekkaa Kotobee keessattis hubatamuu isaa waayiloota isaani irraa hubataniiru.

Dabalataanis hospitaalota dhuunfaa akka Yarar, Betazaataafi Halleeluyaa keessaa oggeessonni hojjatana haala walfakkaataa arguu isaanii akka itti himan ni dubbatu.

Hanqinni Oksijiinii kun Finfinneefi hospitaalota nannoolee keessa jiran keessatti akka hubatamu kan himan Dr Biruuk, rakkoo kana furuuf ministeerri fayyaa tarkaanfii adda addaa fudhachaa jiraachuu akka beekan ibsaniiru.

Weerara Covid-19 ittisuuf qajeelfamoota kennaman keessaa yoo xiqqaatee fayyadama maaskii dabaluun tatamsa’ina vaayirasichaa irratti jijjirama guddaa akka fidu dubbataniiru.

Dabalataanis walitti qabama namootaas qajeelfamoota kennamaniin hir’isuun barbaachiisa akka ta’e yaadachiisaniiru.

Dr Biruuk fi waayilootni isaani wiirtuu wal’aansa Covid-19 adda addaa keessa hojjatan, lakkoofsi dhibamtoota koronaavayirasii dabaluu isaaf sababni inni tokko hanqina of eegachuufi dagannaa ta’uu isaa amananis, akkuma Afrikaa Kibbaafi Keeniyaa utuu qoratameetii gosti koronaavayirasii inni haaraa jiraachuu danda’a shakkii jedhu qabu.

Kanas yemmuu ibsan, kanaan dura hedduminaan miseensi maatii tokkoo yoo vaayirasichaan qabame kaan fayyaa akka turan, kanneen wal’aansaaf hospitaalaa seenanii dhibeen isaani itti hammaatu muraasa akka tureefi dhibamtoonni mallattoo dhukkubichaa hin agarsiisne hedduu akka turan himu.

Amma garuu namootni hedduu dhukkubsachuun isaanifi umuriitiinis yemmuu ilaalamu dargaggoonni hedduun dhukkubsatanii hospitaalaa ciisanii wal’aanamaa jiraachuu isaa hubachuu dubbatu.

Kanaan dura namootni koronaavaayirasiin qabaman jiraatanis, wal’aansi hatatammaa kan argatan akka turan kan yaadatan Dr Biruuk, yeroo sanatti lakkoofsi namoota siree qabatanii turanii muurasa ture jedhu.

Yeroo ammatti daandettii tatamsa’inaafi lubbuu dabarsuu vaayirasichaa guddaa ta’uu isaa ibsuun, “dhugumaan qorannoon ni barbaachisa, akka kootti gosa vaayirasichaa isaa haaraa ta’uu hin oolle tilmaama jedhun qaba,” jedhu.

Ammatti maatii tokko keessaa namni lama ykn sadii dhukkubsataniifi siree hospitaalarra yeroon itti ciisaan irra daddaabiin akka argamu Dr Biruuk Alamaayyoo himaniiru.

Dhimma kanarratti qorannoon gaggeeffamuu akka qabu kan ibsan Dr Biruuk “gosa vaayirasii isaa haraa ta’u danda’a shakkii jedhun qaba,” jedhaniiru.

Bitootessaa 16, 2021 mootummaan Ingilaand COVID-19 gosti haaraan gara biyyakootti seenuu mala soda jedhuun imaltoota Itoophiyaa, Omaan, Somaaliyaafi Qaataa irraa gara biyyattii galan Jimaata Bitootessa 19 irraa kaasee akka hin seenne dhorkitee turte.

Akka gabaasni mootummaan UK jedhutti tarkaanfiin lammileen biyyoota afranirraa dhufanis ta'e namoonni biyyoota kanneen keessa qaxxaamuran akka hin seenne dhorkuu raaga Covid gosti haaraan seenuu mala yaaddoon jedhu dabaluusaa hordofeeti jedhameera.