Indiyaan yadannoo namoota Covdi’n du’anii interneetarratti qopheessite

Lammilen Indiyaa 154,000 caalan Covid-19nin du'aniiru

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Lammilen Indiyaa 154,000 caalan Covid-19nin du'aniiru

Indiyaa keessatti lammilee Covid-19’n du’an yaadachuuf gartuun ogeessota fayyaafi hojjattoota hawaasaan interrneetarratti yadannoon qopheessan.

Fuulli Yaadannoo kun maatiifi hiriyyoonni lammilee lubbuun isaanii darbe kana akka yaadataniif kan gargaaru ta’a.

Indiyaa keessatti namootni 154,000 ta’an Covid-19’n lubbuu isaanii kan dhaban ta’us, ji’oota darban keessa lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii garuu guddaa hir’iseera.

Hojjatoonni hawaasaa gargaarsa hakiimota, hojjatoota fayyaafi gazexeessitootaan marsariitii yaadannoo kana irratti ni hojjatu.

Marsariitiin - nationalcovidmemorial.in – jedhamu kun dhabbata miti mootummaa Waldaa Kunuunsa Koovidiin jedhamuufi gartuu hakiimootaa Kalkataan kan hogganamudha.

Marsariitii kanarratti yadannoon maxxanfamu kan eegale yoo ta’u, raggaasisuuf maatiin waraqaa ragaa du’aa ykn bilbila isaani irra seensu qabu.

“Yaadannoon Covid Biyyaalessa sagantaa lammileen Indiyaa yaadannoo maatii isaanii dhibee kanaan du’an akka ol kaa’aataniif kan qophaa’eedha. Kun iddoo namni kamuu seenuu danda’udha,” jechun Dr Abhijit Choodrii ibseera.

“Marsariitiin yaadannoo kun kabaja namoota dhibee kanaan du’anii bakka maatiin isaanii hin jireetti awwaalaman (reeffii isaani gubame) eeguuf kan qophaa’eedha.”

Yeroo weerara kanaatti miseensonni maatii namoota dhibee kanaan du’anii awwalchaa irratti akka hin argamneef dhorkamanii ture.

Loogiifi sodaan dhibee kanaa Hagayyaa keessaa kibba Indiyaatti awwaalcha hakiimaa dhibee kanaan du’ee irratti hokkora kaasee ture.

Hogganaan Gaazeexaa The Hindu Grou N Ram, tola-ooltonni, dhabbileen gargaarsaafi gazexeessitoonni yaadannoo namoota “hiyyeeyyeefi rakkaatoo” walitti qabuuf ni barbaachisu jedhu.

“Marsariitiin yaadannoo kun hunda kan of keessatti qabatu ta’uu qaba. Eenyuuniyyuu keessaa hambisuu hin qabnu,” jedhu Obbo Ram.

Haakimni hundeessitoota yaadannoo kanaa gorsuu V Mohan, Indiyaan aadaa namoota du’an yaadachuu hin qabdu jedha.

“Aadaa yaadannoo qopheessuu hin qabnu. Namoota du’an hin yaadannu,” jedha.

“Miidhaa fi gaddi Covid maatilee miidhaman waliin kan waggootii dheeraaf turudha. Kun iddoo tokkichaa namootni daawwatanii deebisanii itti yaadatanidha. Kun sochii biyyaalessaa ta’uu qaba.”