Covid-19: Biyyoonni Afriikaa maaliif talaallii Covid-19 qisaasessanii gatu?

Biyyoota Afriikaa hedduu keessatti talaalliin yeroon duraa darbee jira

Madda suuraa, REUTERS

Ibsa waa'ee suuraa, Biyyoota Afriikaa hedduu keessatti talaalliin yeroon duraa darbee jira

Biyyoonni Afriikaa hedduun wayita talaallii Covid-19 argachuuf rakkachaa jiranitti kan carraan isaan ga’ee argatan ammoo dooziiwwan yeroon irra darbe qabatanii taa’u.

Biyyoota kamtu talaallii faayidaarra hin oolle qabu?

Maalaawiin doozii talaallii AstraZeneca 16,400 kan qabdu yoo ta’u, Sudaan Kibbaa gamasheetiin doozii 59,000 kan silaa Eebla 13 dura faayidaarra ooluu qabu harkatti hafeera.

Biyyoonni lamaanuu qorannoon akkaataa guyyaa faayidaa isaanii haala nageenyi isaa eegameen itti dheeraffemu qoratamaa wayita jirutti, waamicha WHO’n dhiyeesse bukkeetti jechuun gubnee balleessina jechuun murteessaniiru.

Dimokraatiik Rippabliik Koongoon gama biraatiin talaallii karaa walta’iinsa talaallii biyyoota hiyyeeyyiif qoodu ‘Covax scheme’ jedhamuun doozii miiliyoona 1.7 dhufeef keessaa, hedduun isaa faayidaan ala ta’eera jettee turte.

Dhuma Eeblaarraa doozii 1,000 hin caalletu namootaaf kenname.

Baachii talaallii Waxabajjii 24 yeroon itti darbu kana keessaa hedduun gara Toogoo fi Gaanaa, biyyoota talaallii isaaniif kenname raabsanii fixaniif dabarfameera.

Talaalliiwwan maaliif hojiirra ooluu hafan?

Talaalliin AstraZeneca haala mijataa keessatti diilalla ga’aa argannaan baatii jahaaf turuu mala.

Gamtaan Afriikaa talaalliiwwan Eebla 13 guyyaan irra darbeefi Afriikaa Kibbaaf ergamanii turan irra deebiin raabsaa jira.

Mootummaan Afriikaa Kibbaa gosa vaayirasii haaraa biyyattii galee jiruuf dandeettii ittisuu guddaa hin qabu jechuun ture talaallii kana fayyadamuu kan dhaabe.

Bitootessa dhumarra Gamtaan Afriikaa doozii miiliyoona tokko biyyoota biroof akka raabsuuf itti gurguramee ture.

Sudaan Kibbaa, guyyaa kam akka faayidaan ala ta’anirratti kan waa natti hime hin jiru jette.

Naayijeeriyaan ammoo yeroo kana keessatti talaallii kana hunda fayyadamuu hin danda’u jette.

Kanaafuu talaalliin gariin Toogoo fi Gaanaaf yoo kennamu, kan hafe gar Jaamaayikaatti ergame.

Akka WHO’n jedhutti, hanga yoonaatti doozii kennameef hunda kan fayyadaman Toogoo fi Gaambiyaa qofadha.

Warri kaan maal akka ta’an ammallee odeeffannoon hin jiru.

Talaalliin akka faayidaarra hin oolleef maaltu sababa ture?

Biyyoonni hedduun wayita talaalliiwwan kunneen raabsamanitti qophii hin turre, akka qondaalli WHO Afriikaa keessaa Fiyoonaa Atuheebween jettutti.

"Talaallii raabsuun boodatti akka harkifatuuf wantoota godhan keessaa sababni tokko kanadha," jette.

Biyyoonni gariinimmoo maallaqatu isaan rakkise.

Akka hogganaan Giddu-gala To’annoo Dhibee Afriicaa (CDC), Abba Joon Inkeengaasoongi jedhanitti, biyyoota kunneeniif deeggarsi taasifamuu qaba, biyyoonni talaalliin fudhatan yeroon irra darbuuf jedhu gama isaaniitiin, WHO’f yookaan ‘Africa CDC’f dafanii beeksisuu qabu.

Akka isaan jedhanitti, biyyoonni Afriikaa dhibeewwan biroof talaallii kennuu irratti muuxannoo waan qabaniif, rakkoonsaa akkaataa itti talaalan barsiisuu miti, akkamiin baay’ina daballa kan jedhuufi ariitii dabaluutu barbaachisa.

Zaayer duraanii, DRC ilaallatee, rakkoon humna dhaabbilee fayyaa qofa osoo hin taane, tajaajjilli geejjibaas baay’ee boodatti hafaa ta’uutu raabsaa kanarratti danqaa ta’e.

Rakkoo kanarratti dabalataan, biyyattiin AstraZeneca soda nageenyaatiif faayidaarra akka hin oolle dhaabdee ji’a tokko booda Eebla 19 raabsuu eegalte.

Talaallii fudhachuu diduu irrattiwoo?

Akka ogeessonniifi namoonni siyaasaa muraasni jedhanitti, nageenyaafi milkaa’ina talaalliiwwanii ilaalchisuun sahkkii jirutu ariitiin akka hin raabsamne taasise, haata’u malee ga’een kanaa hagami isa jedhu beekuun rakkisaadha.

"Namoota amansiisuuf yeroo fudhateera," Ministira Fayyaa Siyeeraa Liyoon, Oostin Dembii BBC News’tti kan himanidha.

Ogeessi fayyaa Maalaawii, Gaamaa Baandaawee akka jedhanitti, biyyattiin hamma tdoozii kennameefitti akka hin fayyadamneef talaallii amanuu dhabuun danqaa guddaa ta’eera.

Afriikaan Kibbaa soda itituu dhiigaatiif jecha AstraZeneca fayyadamuu dhaabuun ishees shakkiiwwan jiran irratti waa dabaluu hin oolle jedhama.

"Mootummoonni haga danda’an yaalanus, tarii ummatatu akka yaadametti yaadicha fudhachuu dide ta’a,’’ jedhani.

Qorannoon simannaa talaallii irratti Africa CDC’n biyyoota 15 keessatti geggeeffame akka mul’isutti, ummanni lakkoofsi muraasa hin taane, talaallii irratti yaaddoo qabu.

Giddu-galeessaan %20 kan ta’an talaallii hin fudhannu kan jedhan yoo ta’u, Itoophiyaatti %10 DRC’tti ammoo %41 kan ta’utu talaallii hin fudhadhu jedhe.