Reebichaa fi dirqiin ulfa baasuu - jireenya mana hidhaa Kooriyaa Kaabaa

Madda suuraa, Korea Future
Erga kutaa itti hidhamtu keessa daa’imtee seentee booda, Lii Yaang-joo akka miillashee marattee harkashee jilbasheerre keesse teessuuf ajajamte.
Guyyaatti sa’aatii 12f akka sochootuuf hin hayyamamuuf ture.
Xiqqooma sochoo’uun ykn walitti haasasuun adabbii hamaa itti fida.
Bishaan dhugaatii muraasatu kennamaafi, nyaataafis boqqolloo muraasatu kennamaafi.
“Akkan dhala namaa osoo hin taanee akkan bineensa ta’etti natti dhaga’ame,” jetti.
Sa’aatii dheeraaf qoratamaa turti, wanta nuti salphaadha jennee yaadnuuf - biyyaa ba’uu isheef. Bara 2007tti Kooriyaa Kaabaa keessaa baqattee ba’uuf yemmuu yaaltu, Chaayinaatti qabamtee biyyatti deebifamte.
Ji’a sadiif mana hidhaa Onsoong, Koriyaa Kaabaa naannaa daangaa Chaayinaatti dhiyoo jirutti murtee akka eeggattuuf hidhamte.

Madda suuraa, Korea Future
Yaang-joo carraa argatteen namoota kutaa hidhaa ishee keessa jiran keessaa tokkotti hasaaste.
“Biyya keessaa baqachuuf karoora biraa odeessina, karoora itti dallaalota argannu, kun waan dhoksaan haasofnudha.”
Manni hidhaa namootni Koriyaa Kaabaa keessaa akka hin baaneef kan qophaa’edha – ta’us kun Yaang-joo ykn namoota kutaa hidhaashee keessa jiran irratti hin hojjenne. Hedduun isaanii mana hidhaa keessaa ba’uuf waan yaalaniif hidhamanii murtee eeggachaa jiru.
Garuu karoorri Yaang-joo dhagaa’ameera.
''Eegdota keessa inni tokko gara balbala sibiilichaatti na waamee, harkakoo akkan gadi baasuuf na ajajee, sana booda sibilaan harkakoorra na reebe hanga dhiita’utti. boo’uu hin barbaanne. Eegdonni kun namoota Kooriyaa keessaa ba’uuf yaalle akka gantuutti nu ilaalu.
''Kutaalee hidhaa keessatti namootni biroo yeroo reebaman dhaga’uu dandeessa. Kutaa sadaffaa keessan ture garuu kutaa 10ffaa keessatti namootni yeroo reebaman nan dhaga’a.''

Madda suuraa, Korea Future
Sirna cunqursaa
Yaang-joo namootaa 200 dhimma sirna mana hidhaa Koriyaa Kaabaa fi seera idil-addunyaa cabsuu isaa irratti qorannoo Korea Future gaggeessuuf wabiin ba’an keessaa tokkodha.
Dhaabbati miti mootummaa kun shakkamtoota 597 kan sarbama mirga namoomaa 5,181 hidhamtootaa 785 irratti manneen 148 keessatti raawwatan adda baaseera.
Raagaleen kun walitti qabamanii guyyaa tokko namoota kunneen seeratti dhiyeessuuf akka gargaaraniif ol kaa’amaniiru.
Kooriyaan Kaabaa sarbama mirga namoomaa kamuu yeroo hunda haalteetti. BBC’n bakka buutota Kooriyaa Kaabaa dhimma qorannoo kanaa irratti qunnamuu yaaluus deebii hin arganne.
Gartuun Korea Future, manni hidhaa Onsong maal akka fakkaatuu fi haalli hidhamtoota akkam akka ta’e ibsuuf fakkiiwwan 3D fayyadameera.
Hogganaan Korea Future kan Sool jiru, Suyoon Yoo akka BBC’tti himanitti sirni mana hidhaa fi dararri achi keessa jiru, “lammilee biyyatti miiliyoona 25 ta’an gadi qabuuf kan fayyadamamudha,” jedhaniiru.
“Gaaffiifi deebii gaggeessine hunda keessatti, hagam jireenyi namoota akkam akka miidhame agareerra. Dubartiin dubbisne tokko boo’aa daa’ima reefu dhalate yeroo ajjeefamu arguu ishee dubbateetti.”
Himata dararaa hedduu
Kooriyaan Kaabaa yeroo ammaatti yeroo kaanirra caalaa addunyaa irraaa adda cittee jirti.
Biyyattiin dhaloota sadiif maatii Kim’n bulchamaa turteetti, lammileen biyyattiis maatii kanaafi bulchaa ammaa, Kim Joong-uniif guutammaatti akka bitamaniif eegamu.
Weerarri Covid-19 ammoo biyyattii keessattii fi daangaa ishee irratti to’annoon akka dabalu taasiseera.
Namoota fiilmii biyya alaa ilaalaan dabalatee namoota wanta addunyaan keessa jirtu ilaaluu yaalaan irratti murteen cimaa darbeera.
Sirni dararaa kun hidhamtoota hedduu kan manneen hidhaa adda addaarraa dhufaniin kan himamudha.

Madda suuraa, Korea Future
Himatni gudeeddii fi haleelllaa saalaa adda addaa hedduunis ni jiru. Kanneen oolan keessas ulfa isaanii akka baasaniif dirqisiisamu dhabbatichatti kan himan jiru.
Mana hidhaa bulchiinsa Hamgiyoong keessatti, hidhamtoota keessa tokko kan turte, hidhamtuun tokko ulfa ji’a saddeetii taatee utuu jirtu ulfi ishee akka baasuuf dirqisiifamuu ishee akka agarte dubbateetti.
Dabaluunis daa’imni lubbuun ooluuf, gabatee bishaan guutee keessatti ajjeefamuu isaa dubbatteetti.
Namootni ajjeechaa arguu isaanii qaamni isaan itti himan shanitu jira.
Gara haqaatti tarkaanfii tokko siquu
Yaang-joon irratti hidhaa wagga sadiif- walakkaan itti murtaa’e.
“Yeroon hidhaa natti murtaa’e fixu lubbuun nan jiraadhaa jedheen sodaadhe,” jetti. “Yeroo iddoo akkanaa keessa galtu, lubbuun ooluufi wanta uumamu dandamachuuf dhala namaa ta’uukee dhiisuu qabda,” jetti.
Saayeromis bara 2007’tti mana hidhaa Onsong keessa kan turte ta’us, reebichi mana hidhaa eegumsa mootummaa keessa ture kanarra akka hammaatu himti.
“Ulee mukaan sarbaakee reebu. Oljeettee adeemtee yoo seente, daa’imaa achii baata. Namootni biraa yemmuu reebaman ilaaluu hin dandeenye, yoon achi galagalee akkan ilaaluuf na dirqisiisu. Hamileekee ajjeessuu.”
“Utuu karaan jiraate, akka isaan adabaman nan barbaada,” jechuun Saayeroom darara mana hidhaa keessa ture BBCtti himteetti.
Amma jireenya Kooriyaa Kibbaa keessatti qabduun gamachuu xixiqoo argattu hunda akka simattu dubbatti.
Himannaa kunneen seeratti dhiyeessuun ni cima, ta’us garuu qorannoon kun oggeesota mana Murtii Idil-Addunyaa jiran irraa yaada argateera.
Raagaleen kunneen mana murtiitti dhiyaachuu ni danda’u akkasumas bilisaan namni kamuu akka argatu taasifameera.
Saayeroom fi Yaang-joon lamaanu akka BBC’tti himanitti, gabaasi kun haqa isaan barbaadanitti tarkaanfi tokkolle akka isaan siqsuuf abdatu.













