Kooriyaan Kaabaa suuraa misaayiloonni ishee hawaarraa kaasan jette gadhiiste

Madda suuraa, Reuters
Kooriyaan Kaabaa misaayela waggaa shanii asitti furguggifte fayyadamuun suuraawwan kaafaman gadhiiste.
Suuraan hin baramne hawaa irraa kaasame kuni qarqara fi naannoolee Kooriyaa agarsiisa.
Gaafa Wiixataa magaalaan guddoo biyyattii Piyoongyaang misaayila baalaastikii Hwasong-12 yaaliif akka furguggiste mirkaneessiteetti.
Misaayilichi humna guutuu yoo fayyadame daangaa Ameerikaa akka haleelutti tahee kiloomeetira kumaan imaluu danda’a.
Yaaliin misaayila furguggisuu alanaa hawaasa addunyaa gidduu rifaatuu uumeera.
Piyoongyaang baatii darbe keessatti qofa misaayila torba furguggisuun rekardii qabattee jirti. Sochiin kunis Ameerikaa, Kooriyaa Kibbaa, Jaappaanifi biyyoota biraan balaallefatameera.

Madda suuraa, Reuters
UN Kooriyaan Kaabaa misaayela baalaastikii fii meeshaalee waraanaa niwukilaaraa dhaan yaalii akka hin taasifne dhorkuurra darbee qoqqobbii irratti kaa’eera.
Biyyi Baha Eeshiyaa kuni garuu dhorkaa kana irra deddeebiin cabsiteetti.
Sochiin misaayela ol erguu kuni Ameerikaan biyyattii waliin mariin haaraa akka jalqabu dirqama godheera jette.
Kooriyaan Kaabaa misaayila kana akka ol dhukkaaste sirna farra-misaayilaa isaaniin erga arganiin booda Kooriyaa Kibbaa fi Jaappaanitu jalqaba gabaase.
Akka biyyootiin kuni jedhanitti, misaayilichi fageenya km800 fi ol dheerina km2000 imaluun qaama bishaanii Jaappaan irratti qubate jedhan. Humna guutuu otoo fayyadamee balallii takkaan hamma km 4000 deemuu mala.














