Yaaliiwwan misaa'eela Kooriyaa Kaabaa: Kiim Joong-un maal barbaada?

Madda suuraa, KCNA via Reuters
Kooriyaan Kaabaa irra deddebiidhaan yaaliiwwan misaa'elii bitaa namatti galan akka haaraatti raawwataa jirti.
Kan ammaa kun kan Hagayya bara 2017 Jaapaanitti raawwate sanaan addadha - ganama tokko Jaappaan sagalee akeekkachiisaan guutamee lafaa kaate.
Yoos Kooriyaan Kaabaa osoo akeekkachisa tokko hin kenniin Jaapaan irraan gara Galaana Paasifiikiitti Miisaa'eelii baalaastikii ardii qaxxaamuru (ICBM) dhukaafte. Kunis gochaa sodaa hinqabne ture.
Ammaan tana ammoo miisaa'eloonni Koriyaa Kaabaa hundi kan fageenya gabaabaafi qarqara galaana Jaappaan irraa fagaachuun qubatu. Kim Joong-un ammaaf kan of qusate fakkaata.
Garuu ammoo bu'aa barbaadaa jiru argachuu yoo baatee kun geeddaramuu danda'a.
Kanaafu Kiim Jong- un maal barbaada?
Osoo xinxaltoota waraanaatti dubbattanii, yaaliiwwan dhiheenya Kooriyaan Kaabaa taasiftu kunneen saffisaan gara daandii dhorkaa nikulaaraa guutuuttii adeemaa jiraachuu kan agarsiisuudha isiniin jedhu.
''Ilaalcha kiyyaan kun kanuma eegamuudha,'' jedhu ajajaa humna galaanaa Kooriyaa Kibbaa duraanii Pirofesar Kim Dong Yup.
"Kan nu ajaa'ibeef waan tekinoolojii Kooriyaa Kaabaa gadi qabuun ilaalleefi ammatti rakkataa jirti jennee waan yaadneef. Dhugaan garuu Kooriyaan Kaabaa dandeettii waraana ishee kan nuti yaadnee caalaa cimsaa jirti.''
Kooriyaa Kaabaa erga Amajjii 5 fi 10 irratti dhukaafteen booda yaaliiwwan misaa'eeloota "hypersonic glide vehicle" (HGV) fi "manoeuvrable re-entry vehicle" (MARV) jedhaman raawwatteen milkaa'uu beeksifte.
Sun maaliif yaaddessaa ta'e?
Dhimmichi yaaddessaa kan ta'eef sababii Kooriyaan Kaabaa teknooloji sirnawwan ittisa misaa'eelii gatii jabaa fi walxaxaa Ameerikaafi Jaappaan rijinicha keessatti bobbaasan injifachuu dandeessi jechuudha.
''Sochiinsaan kan meeshaalee waraanaa ittisa miisaa'eelii baayyee dadacha'uu fi Ameerikaadhaan adda baasuuf rakkisaa ta'un daangaa qaxxaamuruu danda'u hojjachuudha,'' jedhu Duyoon Kim jidduugala 'New American Century' irraa.
Pirofesar Kim Dong Yup yaada kanaan waliigaluun, ''Kaayyoon Kooriyaan Kaabaa galmaan gahuuf hojjataa jiru, sirna ittisa misaa'eelii diinaa dadhabsiisuudha.
''Sirna dhorkaa kan akka eegee torbaan qabaa (scorpion) fakkaatu qabaachuu barbaadu.''
Torbaan qabaan yookaan qaanjibbuun of ittisuuf jecha eegee isaatiin nama hin hiddu, garuu ammoo haleellaa raawwachuufi ajjeesuuf ni adamsa. Kanaafuu Kooriyaa Kaabaas akkasumaaree?

Madda suuraa, Reuters
"Kaayyoon Kooriyaa Kaabaa haleellaa raawwachuuf miti. Garuu of ittisuufidha,'' jedhu Pro. Kiim. Itti dabaluunis ''biyyi sun dandeettii ittisaa garaagaraa qabaachuuf yaalaa jirti.
Kunis ilaalcha hawaasa Kooriyaa Kaabaa hordofaa jiru keessatti kan bal'inaan jirudha.
Haata'u malee Ameerikaafi Kooriyaan Kibbaa bulchiinsa Kooriyaa Kaabaa barbadeessuuf fedhii akka hin qabne irra deddeebiin himanilleen, Piyoongiyaang haleellaa biyyoota kanneen irraa dhufu ittisuuf dandeettii guutuu itti uummachuu bira ganaa gahaa hin jirtu.
Kanaafuu hogganaan biyya xiqqoofi iyyeettii tanaa maaliif bajata waliigalaa biyyattii harka walakkaafi nuusa waraanaaf kan oolchaa jiruuf?
Ankit Paandaa Carnegie Endowment for International Peace irraa, sababiin tokko waan qaamooleen ala jedhaniin adda ta'u mala amantaa jedhu qabu. Kooriyaa Kaabaa qabeenyaa ishee ittifachuuf meeshaa waraanaa gahaa akka qabduutti hin amantu jedhu.
''Kanaafuu Kiim Joong-un baayyee nagummaan itti hindhagahamu. Akkan yaaduutti Chaayinaafi Raashiyaa dabalate eenyunuu hin amanu. Kanaafuu kan nuti yaadnuun ol dandeettii isaa cimfachuu barbaada ta'a.''
Priofesar Biriyaan R Myeers, Yunivarsitii Kooriyaa Kibbaa Dongeseo irraa, Piyoongyaang sagantaawwan Nikulaaraa fi miisaa'eelii isheetiif galma baayyee guddaa qabdi jedhu.
Akka isaan jedhanitti Kooriyaan Kaabaa meeshaalee waraanaa kanaan Koriyaa Kibbaa waliin waliigaltee nagaatiif mari'achuuf dhiibbaa taasisuu barbaaddi.
Akkasumas Ameerikaa akka Peeninsulaa Kooriyaa keessaa baatuuf dhiibbaa taasisu feeti. Isaan booda Kooriyaa Kibbaa weeraruuf bilisa akka taatu yaaddi jedhu.
Yeroo gabaabaa keessatti Kooriyaan Kaabaa galma biraa qabdi.
Qoqqobbiin nikulaaraa fi sagantaa misaa'eeliitiin wal qabatee UN irra kaa'ame akka ka'uuf barbaaddi. Kanaaf abdii qabaachuuf ammoo bulchiinsi Ameerikaan akka waliin mari'atu barbaaddi.
Seenaadhaan, haalli itti Piyoongyaang xiyyeeffannaa Waashingitan itti hawwachuuf yaaltu rakkoo uumaa ture. Ammas eksipartoonni tokko tokko waanuma wal fakkaataan akka deebi'ee mudataa jiru himu.
''Anaaf kun mallattoo baayyee gaariidha,'' jedhu Pro. Kiim Yuunjin, Miseensi Boordii Gorsaa Tika Biyyaaleessa Kooriyaa Kibbaa.
"Kiim Jong-un osoo marii nagaa hin eegaliin dura yaaliiwwan miisaa'eelii isaa cimsuu barbaada. Kanaaf, Joo Baayidan akka maappii qabatamaadhaan marii cimaa eegaluuf dhiibbaa irratti taasisuu barbaada.''
Dhimmisaa isa yoo ta'e ammoo, Kiim Jong-un ni gaabba. Jalqaba Joo Baayidan ammatti rakkoo biraa kan Yukureeniin baayyee ko'omataniiru.
Lammaffaa Joo Baayidanis ta'e kan isaan dura turan Doonaald Tiraamp Kooriyaa Kaabaa waliin mari'achuuf hangas onnatoo miti.
''Kooriyaan Kaabaa ofiisaanii ajangaa gochuufi dursa of kaa'uun baayyee cimoodha'' jedha Mr Paandaan.
Haata'u garuu ammoo ''Joo Baayidan Kiim Jong-uniin abbaa hirree jedhaan. Akkan yaaduutti Mr Kiim waiin wal arguun waan xiqqaa qofa buufata. Kanaaf, Joo Baayidan dhugaatti rakkoolee kana irratti yeroo kennu jedhee hin yaadu.

Madda suuraa, KCNA
Kanneen hundi kan baraman yoo fakkaatan, sababiin isaa kanadha.
Bara 2010tti Kooriyaan Kaabaa bidiruu humna galaanaa Kooriyaa Kibbaa dhidhimsuun baatiiwwan muraasaan booda ammoo, qarqara odooloota Kooriyaa Kibbaa haleelluu eegalte.
Irra deebiin ammoo bara 2017tti miisaa'eelii fageenya dheeraa adeemuu Jaappaan irraan dhukaasuun Gu'am haleelluuf doorsiifte. Baatiiwwan dhufan keessatti waan kana fakkataan biraa ni argina ta'a.
''Akkan yaaduutti gara rakkootti deebii'uuf haalawwan qabatamaatu jira,'' jedu Mr Paanaadan
"Kooriyoonni Kaabaa Ameeriikaan akka dhimma guddaatti akka isaan ilaaltu cimsanii barbaadu. Biyya xiqqoo ta'u dandeessi.
"Garuu ammoo meeshaa waraanaa niikulaaraa qabu. Pirezidaantiin Ameerikaa kanaaf beekkamtii akka kennu barbaadu. Akka carraa hamaa ta'ee garuu, lammileen Kooriyaa Kaabaa yeroo dhiihootti sana waan argatan natti hinfakkaatu.''














