Kooriyaan Kaabaa misaa'ela daangaa ardiilee qaxxaamuru shaakalte jechuun US qoqqobuuf

Kooriyaan Kaabaa dhiyeenya kana misaa'eloota hedduu shaakalaa jirti

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Kooriyaan Kaabaa dhiyeenya kana misaa'eloota hedduu shaakalaa jirti

Ameerikaan akka jettutti Kooriyaan Kaabaa misaa'eloota fageenyaa dheeraa furguggifamuun ardii tokkorraa gara ardii biraa qaqqabuu danda'an shaakaluunshee ''haala jiru daran kan hammeessuudha.''

Kooriyaan Kaabaa gamasheen misaa'eloonni Guraandhala 26 fi Bitootessa 4 shaakalte saayinsii hawaashee gabbisuuf ta'uu himte.

Ameerikaan garuu biyyattiin misaa'eloota fageenya dheeraa imalan kanneen ardii tokkorraa furguggifamuun ardii biraa keessatti haleellaa gaggeessan amma shaakalaa kan jirtuu fi shaakala boodammoo guutummaatti hojiirra oolchuuf jechuun yaaddoo qabdu ibsite.

Misaa'elli fageenya dheeraa furguggifamu-ballistic- jedhamu kun fageenya kiilomeetira 5,500 irratti Ameerikaa qubachuu danda'a.

Dubbi himaan Pentagon John Kirby "US shaakallii misaa'elootaa Kooriyaan Kaabaa taasiste kana haalaan morma. Seerota Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii hedduu kan faallessuudha. Haala nageenyaa fi tasgabbii naannawa sanaa kan jeequudha. Kanaafuu hin barbaachisu,'' jedhan.

Rakkoo US eerte kanatti dhiyoo kan jiran Kooriyaan Kibbaa fi Jappaanis yaaddoo US kana qooddachuun, gocha Kooriyaa Kaabaa kana balaaleffatanii ibsa baasaniiru.

Kooriyaan Kibbaa ibsa Jimaata har'aa baase keessatti, Kooriyaan Kaabaa meeshaa waraanaa fageenya dheeraa furguggifamuun gaaga'ama guddaa geessisu- ballistic missile- kan paartiin biyya bulchu dhoksaatti shaakalaa ture addunyaatti gadi baase jechuun komate.

Jappaanis gochi Kooriyaa Kaabaa kun nageenyaa fi tasgabbii naanna kanaa kan qoruudha jechuun dura dhaabbatte.

Ameerikaan ammoo gochi Kooriyaa Kaabaa kun rakkoo walitti bu'iinsaa fi jeequmsa kan babal'isu waan ta'eef qoqqobbii dabalataan adabuuf akka jirtu ibsite.

Qoqqobbiin alanaa kun meeshaaleen teeknooloojii misaa'ela oomishuuf oolan biyyoota alaarraa akka biyyattiif hin galle gochuufaa of keessatti qabata jetti US.

Kooriyaan Kaabaa duraanuu sababa misaa'elaa fi niwukilara ishee qoqqobbii addunyaa jala jirti.

Piyoongyaang erga bara 2017 as misaa'ela ardii qaxxaamuree haleellaa geessisu shaakaltee hin beektu, niwukilaras akkasuma, bulchaan biyyattii garuu kana raawwachuu akka danda'an akeekaniiru.