Kooriyaan Kaabaa misaa'ela saffisaa, fageenya dheeraa imalu furguggisuu himte

Miidiyaan biyyattii-KNCA misaa'elichi fageenya kiilomeetira 700 irratti maniisaa rukuteera jedhe

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Miidiyaan biyyattii-KNCA misaa'elichi fageenya kiilomeetira 700 irratti maniisaa rukuteera jedhe

Kooriyaan Kaabaa bara kana (2022) yeroo jalqabaaf misaa'ela saffisaa fi fageenya dheeraa imalu furguggisuu miidiyaan biyyattii hime.

Miidiyaan mootummaa biyyattii-KCNA misaa'elichi saffisaa fi fageenya kaa'amerra osoo hin ce'in qixa sirrii ta'een kiilomeetira 700 irratti maniisaa rukuteera jedhe.

Misaa'eliin saffisaa fi fageenya dheeraa furguggifamu-hypersonic missile- Kooriyaa Kaabaatti wayita shaakalamu kun lammaffaadha.

Gosa misaa'elii kanaa misaa'eloota fageenya dheeraa hawaa keessa turan kaan irraa kan adda isa taasisu, salphaatti diinaan hordofamee to'atamuu dhabuusaati.

Shaakalliin misaa'elii kun erga bulchaan biyyattii Kim Jong-un damee humna ittisaa dagaagsuuf waadaa galanii guyyoota muraasa booda raawwate.

Aab Kim ergaa bara haaraa dabarsan keessatti, dhibdeen waraanaa daangaa Kooriyaa Kibbaa waliin qaban ammas fala waan hin arganneef, humna ittisaa dhiibbaa waraanaa kamuu dura dhaabbachuuf isaan dandeessisu akka cimsan hubachiisanii turan.

Kooriyaan Kaabaa bara darbe keessa, osooma Kooriyaan Kibbaa fi US waliin mariin ni taasifama jedhamuu, misaa'eloota hedduu shaakalliif furguggiste.

Piyoongyaang biyyoota misaa'elii saffisaa fi fageenya dheeraa furguggifamu-hypersonic- qaban muraasa kanneen akka US fi Chaayinaa keessaa tokko taateetti.

Misaa'elli Kooriyaan Kaabaa amma furguggiste jalqaba qondaaltota handaara galaanaa Jaappaaniin barame, boodarra warri Kooriyaa Kibbaa adda baasan.

Misaa'eloonni saffisaa fi fageenya dheeraa imalan (Hypersonic), olka'iinsa kanneen biroon ittiin furguggifaman irraa xiqqoo gadi siquun fageenya isaan ittiin imalan dachaa shaniin kan furguggifamudha.

Misaa'eloonni gosa kanaa sa'aatiitti kiilomeetira 6,200 gararraa imalu.