Niwukilaraan dhaadachuurraa gara midhaan nyaataarratti xiyyeeffachuu-Kooriyaa Kaabaa

Madda suuraa, Reuters
Bulchaan Kooriyaa Kaabaa Kim Jong-un kan gabbisa meeshaalee waraanaa niwukilaraan addunyaaf yaaddoo ta'an- bara kana xiyueeffannoonsaanii dhimma diinagdee ta'uu ibsan. Biyyattiin sababa kufaatii diinagdee wal'aansoo jireenyaa hamaa keessa seenteetti.
Era aangoo qabatanii waggaa 10 kan guute Kim Jong-un, xumura walga'ii paartiisaaniirratti diinagdeen xiyyeeffannaasaanii ijoo ta'uu ibsan.
Kooriyaan Kaabaa sodaa weerara koronaavaayirasiirraa kan ka'e daangaashee cufachuun hanqinni nyaataa akka lammiilee mudatu godheera.
Bulchaan Kooriyaa Kaabaa kun haasaa isaanii keessatti biyyoota akka masaanuutti ilaalan- Kooriyaa Kibbaa fi US kallattiin maqaa waamanii hin eerre.
Garuu hojii misoomaarratti xiyyeeffachuun jireenya lammiileesaanii fooyyessuun hojii dursa kennanii hojjetan ta'uu irra deddeebiin ibsan.
Hoogganaan dhimma meeshaalee waraanaa niwukilaraan addunyaatti mataa jabaatan kun, humna ittisaa isaanii jabeessuurratti akka hojjetanis ibsaniiru.

Madda suuraa, Reuters
Lammiileen Kooriyaa Kaabaa hedduun beelaaf saaxilamanii akka jiranii fi wayita waqtiin gannaa biyyattii keessatti as adeemaa jirutti ammoo beelli kun daran hammaachuu akka malu sodaatama.
Biyyattiin koronaavaayirasii Chaayinaarraa ka'e ofirraa ittisuuf jecha bara 2020 erga daangaashee cufattee deebistee hin banne.
Aab Kim ergaa bara haaraa dabarsan keessatti dhimma Kooriyaa Kibbaa fi US ilaalchisuun dhaamsa dabarsan qabu jedhamanii eegamaa turanis, isaan garuu maqaa biyoota kunneenii gonkumaa hin eerre.
Xumura bara darbeerratti Kooriyaan Kaabaa, Kooriyaan Kibbaa, Chaayinaa fi US waraana Kooriyaa guutummaatti goolabuuf waliigalaniiru.
Waraana Kooriyaa ilaalchisuun kanaan dura dhukaasatu dhaabbate malee waliiglateen waraana dhaabuun dhimmicha mariin furuu irra hin ga'amne.
Biyyoonni kunneen waraana Kooriyaa goolabuuf waliigalanis garuu sababa Kooriyaan Kaabaa fedhiishee heddummeessiteef jecha ammallee mariin hin eegalamne.














