Kooriyaan Kaabaa misaa'ela dhukaaste jechuun Kooriyaan Kibbaa himatte

TV'n Kooriyaa Kibbaa oduu dhukaasa misaa'elaa Kooriyaa Kaabaa wayita gabaasu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, TV'n Kooriyaa Kibbaa oduu dhukaasa misaa'elaa Kooriyaa Kaabaa wayita gabaasu

Kooriyaan Kaabaa misaa'ela fageenya gabaabaa imalu gara handaara galaanaa karaa baha biyyattiin jirtutti dhukaasuu humni waraanaa Kooriyaa Kibbaa hime.

Yaaliin dhukaasa misaa'elaa kun wayita UN'tti ambaasaaddarri Kooriyaa Kaabaa namni kamuu mirga meeshaalee waraanaa shaakaluu keenya dura dhaabbachuu hin danda'u jechuun dhaadatanitti dhagahame.

Jalqaba ji'a kanaarratti Piyoongyaang misaa'eloota fageenya dheeraa furguggifaman dhukaasuun ishee yaaddoo uumee ture.

Garuu Kooriyaan Kaabaa ollaashee Kibbaa wajjin dubbachuuf fedhii akka qabdu guyyoota muraasa darban ibsaa turte.

Humni waraanaa US ammoo ibsa baase keessatti misaa'elli dhukaafamuu quba qabaatus, garuu US fi michootashee irraan miidhaa ga'u tokkollee akka hin qabne eereera.

Miidiyaan Jaappaan ministeera ittisaa wabeeffachuun akka gabaasetti ammoo, kan Kooriyaan Kaabaa dhukaaste misaa'ela fageenya dheeraa imaluu fi balaa hamaa qaqqabsiisuudha, kunimmoo seera UN jalatti cimsamee dhorkameera jedhe.

Pireezidantiin Kooriyaa Kibbaa Moon Jae-in dameen nageenyaa fi tika biyyaalessaa akeeka dhukaasa misaa'elaa Kooriyaa Kaabaa duuba jiru itti dhiyeenyaan akka hordofan ajajaniiru.

Dubbiin obboleettiin bulchaa Kooriyaa Kaabaa Kim Jong-un, Kim Yo-jong tibbana taasifte akka isaan yaachise kan himan pireezidantichi, kunis akka hordofamu ajajaniiru.

Aadde Kim yaada waraana dhaabuu pireezidantiin Kooriyaa Kibbaa dhiyeessan akka fudhatan himtee, garuu isaanis imaammata jibbiinsa of keessaa qabu haquu qabu jechuun akeekkachiiste.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Nuukilarri Kooriyaa Kaabaa addunyaaf yaaddoo ta'aa jiru eessaa ka'ee as gahe?