Kooriyaa Kaabaa: Kiim Joong Un 'waraana hin injifatamne ijaarra' jedhan

Madda suuraa, Reuters
Hoogganaan Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Uun imammatni US dhiibbaa irraan gahu osuma jiruu humna waraanaa hin injifatamne akka ijaaran beeksisuu miidiyaan biyyattii gabaase.
Kiim itti dabaluunis meeshaan waraanaa omishan ofirraa ittisuuf malee waraana banuuf akka hin taane dubbatan.
Kiim haasaa kana kan taasisan agarsiisa(exhibition) humna ittisaa kan misaayeloota gurguddoo gosa adda addaan guute irratti argamaniiti.
Kooriyaan Kaabaa tibba kana yaalii misiyaalota saffisa guddaa(hypersonic) fi farra xiyyaaraa(anti-aircraft) gaggeessaa turte.
Masaanuun ishee Kooriyaan Kibbaa gama isheen meeshaalee waraanaa gurguddoo qaama galaanaa yaalaa turte.
Agarsiisa ofirraa ittisaa bara 2021 magaalaa guddoo Piyoongyaangitti adeemsifameefi meeshaaleen waraanaa gurguddoon akka taankii irratti mul'atan irratti Kiim sochii waraanaa Kibbatti adeemaa jiru ilaalchisee yaada kennaniin Kooriyaan Kaabaa ollaa ishee waraanuuf fedha hin qabdu jedhan
''Waraanaaf eenyu waliinuu haasa'uutti hin jirru, waraanuma mataa isaa hambisuuf malee walabummaa biyyaalessaa eeguuf jecha ittisa waraanaa cimsaa jirra'' jedhan.
Kiim Ameerikaan Kooriyaa lameen gidduu muddama uumuuf yaalaa jirti jechuun komataniiru.
Itti dabaluunis Ameerikaan Kooriyaa Kaabaaf masaanuu miti jedhanii amanu kan dandeessisu ''bu'uurri amalaa'' hin jiru jedhan.
Pireezidantiin US Joo Baayidan Kooriyaa Kabaa waliin dubbachuu akka fedhan darbees qoqqobbii irraa salphisuun duras gabbisa niikuleeraa ishee akka dhaabdu irra deddeebiin gaafachaa turan. Kooriyaan Kaabaa hanga ammaatti kana hin fudhanne.
Kooriyaan Kaabaa misaayela baalistiki fi meeshaalee niikuleeraa akka hin yaalle Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii dhorkamtee jirti. Biyyattiin dhorkaa kana boodatti jechuun irra deddeebiin yaaluu isheerraa kan ka'e qoqqobbii jabaan irra kaahameera.
Ji'a darbe Ejensiin Atoomawaa UN Kooriyaan Kaabaa sirna gabbisa(reactor) Piluutoniyeemii meeshaa waraanaaf oolchu deebiftee eegalteetti jechuun, gocha kana ''akkaan kan nama jeequ'' jechuun ibseera.
Kooriyaan Kaabaa yeroo hundumaa meeshaalaa waraanaa misoomsuu kan itti fuftu gahuumsa ofirraa ittisuu ishee cimsachuuf ta'uu himti.
Kanneen dhimma kana hordofan garuu biyya hiyyeettii gatii baasisa jedhu. Sababa Covi-19 daangaa ishee erga cuccufattee biyyattiin muddama diinagdee jabaa keessa jirti.
Dhiyeessiin nyaataa fi boba'aa biyya siyaasaafi diinagdeen michuu ishee taate Chaayinaarraa ol galaafii hin jiru.
















