Kooriyaa Kaabaatti daa’immaniifi maanguddoonni 'beelaaf saaxilamaa jiru' jedhan anga'aan UN

Kooriyaan Kaaba haqina dhiyeessiin nyaataan rakkina keessa jirti

Madda suuraa, AFP

Ibsa waa'ee suuraa, Kooriyaan Kaaba haqina dhiyeessiin nyaataan rakkina keessa jirti

Kooriyaa Kaabaatti daa’immaniifi maanguddoonni beelaaf saaxilamoo ta’uusaanii ogeessi Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii-UN dubbate.

Dhaabbatichatti ergamaan addaa haala qabiinsa mirga namoomaa biyyattii gabaasu akka himetti, rakkoo hanqina nyaataa biyyattii waanti ittuu hammeesse qoqqobbii sadarkaa idil-addunyaafi uggura Covid’n walqabatudha.

Kanarraa ka’uun lammileen Kooriyaa Kaabaa guyyaa guyyaatti ‘’kabajaan jiraachuuf qabsoo keessa jiru,’’ jedhe Toomaas Ojiyaa Quyitaana.

Ojiyaa Quyitaana qoqqobbiin sagantaa gabbisa niwukilaara ilaallatu biyyattirra kaa’ame muddama dhalate kana hambisuuf kaafamuu qaba jedha.

Kooriyaan Kaabaa rakkoo dinagdee jabduu keessa akka jirtutu yaadama.

Biyyattiin Covid-19 akka hin tamsaane ittisuuf daangaa cufatte.

Kooriyaan Kaabaa xaa’oo, nyaataafi boba’aa Chaayinaarraa galfatti. Daldalli biyyoota lamaan gidduu ture sababii kanaaf qorre.

Torban kana keessammoo hogganaan biyyattii Kiim Joong –un, biyyisaanii ‘’haala hamaa’’ keessa jiraachuu amanuusaanii miidiyaan biyyattii gabaasera.

Gatiin nyaataa qaala’uu gabaasaleen kan agarsiisan.

Tajaajilli oduu NK Waxabajjii darbe akka gabaasetti, muuzii kiilogaraamiin tokko $45 yookaan Birrii 2,000 olitti gurgurama.

Aab Quyitaan gabaasa isaa tibbanaa keessatti akka jedhetti, Manni Maree Nageenya Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii qoqqobbii sadarkaa idil-addunyaa irraa hir’isuun, ‘‘deeggarsi namoomaafi lubbu-baraarsaa akka kennamuuf eeyyamuu qaba,’’ jedha.

Pirezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan Kooriyaa Kaabaa wajjiin haasa’uuf qophii ta’uu irra deddeebiin ibsaa turan, taatullee Piyoonyaang meeshaalee waraanaa niwukilaraa hidhatte otoo qoqqobbiin irraa hin kaafamiin dursa dabarsitee kennuu qabdi jedhuun.

Kooriyaan Kaabaa garuu kanaan dura didaa turte.

Jalqaba torban kanaatti Aab Kiim Ameerikaan muddama jajjabeessiti jechuun balaaleffachuun, meeshaalee waraanaa ittin ofirraa qolachuuf gabbisna jedhan.

Dinagdeen biyyattii rakkoo keessa seenullee, Kooriyaan Kaabaa meeeshaa waraanaa niwukilaaraa gabbisuufi misaayiloota hidhachuu ittuma fufteetti.

Dhiyeenyatti biyyattiin misaayila saffisaan furguggifamuufi misaayila farra –xiyyaaraa yaalutu yaadatama.