Kooriyaa Kaabaa: agarsiisa waraanaa irratti loltoonni dhagaa caccabsan, sibiila dachaasan

Ibsa waa'ee viidiyoo, Kooriyaa Kaabaa: agarsiisa waraanaa irratti loltoonni dhagaa caccabsan, sibiila dachaasan

Miidiyaan mootummaa Kooriyaa Kaabaa viidiyoo loltoonni dandeettii harka qullaan meeshaalee garagaraa cabsuu akka danda'an agarsiisu gadhiiseera.

Agarsiisni kuni magaalaa Pyongyang keessatti kan adeemsifame yoo tahu, hogganaan biyyattii Kiim Joong Uun illee daawwataniiru.

Loltoonni kunneen xuubii fi sibiila harkaan caccabsuurra darbanii siree daawwitii caccaabaafi mismaara qaburra ciisaniiru.

Agarsiisa isa dhumaa irratti dhiiroti morma isaaniin sibila dabsaa, cancala caccabsaa turan.

Miidiyaan Kooriyaa Kaabaa loltoonni nagaa biyya isaanii eeguuf ejjennoo isaanii diinotatti agarsiisuufi jedhe.

Gochaawwan viidiyoo kanarratti mul'atan manatti yaaluu otoo dhiistanii gaarii dha.