Kooriyaa Kaabaa: Sagantaalee miisaa'elashee kiriiptoo hatameen akka gaggeessitu gabaasni UN hime

Madda suuraa, Reuters
Lammiileen Kooriyaa Kaabaa miidhaa saayibarii qaqqabsiisa sagantaawwan misaa'elaa biyyattii deeggaruuf kiriptokaaransii doolaara miiliyoonota baasan hataniiru jedhe gabaasni UN baase.
Akka ibsa miidiyaaf kenname kanaatti qaamooleen bara 2020 fi wallakkaa 2021 keessaa miidhaa saayibarii raawwatan maallaqa dijitaalaa doolaara miiliyoona 50 ta'u saamaniiru.
Miidhaan akkasii kunis sagantaalee niikuleeraa fi miisaa'ela baalistikii Piyoongiyaangitiif ''madda galii barbaachiisaadha'' jedhaniiru.
Argannoowwan qorannoo kunneenis guyyaa Jimaataa Koree qoqophaa UN'f kennamutuu gabaafame.
Qaamooleen miidhaa saayibarii raawwatan kunneenis yoo xinnaate jijjirraawwan kiriptookaransii sadii kan Kaaba Ameerikaa, Awurooppaa fi Eeshiyaa keessaa irratti xiyyeeffataniiru.
Gabaasni kunis akkasumas qorannoo dhaabbata tikaa Chaayinaalisis jedhamuun baatii darbee keessaa baheefi lammiileen Kooriyaa Kaabaa miidhaa Saayibarii raawwatan bara darban keessa maallaqa dijiitaalaa miiliyoona doolaara 400 ta'u hatuu akka hin ollee himee tokko caqaseera.
Bara 2019 keessa, Kooriyaan Kaabaa sagantaalee waraanaa miidhaa jumlaa qaqqabsiisu isheetiif karaa miidhaa saaybarii haammayyaa'eetti fayyadamuun doolaara biiliyoona 2 ta'u kuufachuu UN gabaasee ture.
Kooriyaan Kaabaa Mana Maree Nagaa UNn akka yaaliiwwan niikuleeraa fi furguggiisuu miisaa'eeloota baalistiikii hin raawwanneef dhorkamtee turte.
Haata'u malee gabaasni UN kun akka jedhuutti, qoqophaa cimaa irra kaa'amulleen Kooriyaan Kaabaa niikulaa gabbiisuufi buu'uuraalee misooma miisiaa'elii baalistiikii cimsuu itti fuftee jirti.
Akkasumas karaa malawwan saaybariifi qorannoo saayinsaawaa walootiin dabalatee, biyyoota biraa irraa meeshaalee, teeknooloojiifi beekunsa barbaacha itti fuftee jirti.
Hordooftoonni qoqophaas Pyoongyaangiin yaaliiwwan miisaa'eelii ''daabalaa dhufa'' mulataa jiraachu himan.
Ameerikaan giyyaa Jimaataa akka jetteetti, Kooriyaan Kaabaa kan duraan akka Kooriyaa Riipabliika Ummattoota Dimookraasiitti (DPRK)tti beekamtu, baatii darbee keessa qofaa yaaliiwwan miisaa'eelii sagal raawwatte jirti.
"DPRKn dandeettii bobbaa safiisaan dabalaa jiru, galaanaarratti dabalee sochii bal'aa fi dandamannaa humnootii miisaa'eelii ishee fooyyeessaa jirti,'' jedheera qaamni qoqophaa hodofu tokko.
Guyyaa Jibmaataa ammoo Chaayinaa fi Raashiyaan ibsa dhukaasa miisaa'eelii Kooriyaa Kaabaa balaaleeffachuu irratti mallatteessuu diduunsaani ni yaadatama.
DIlbata ammoo Ameerikaan ergamaan addaa ishee Kooriyaa Kaabaa dhuba torban kanaatti haalicha irratti mari'achuuf qondaaltoota Jaappaaniifi Kooriyaa kibbaa waliin argan himtee jirti.
Akkasumas gabaasni UN haalli namoomaa Kooriyaa Kaabaa keessaa baayyee badaa adeemuu akka itti fufe kaaseera. Kunis tarii sababii murtee koronaavaayirasiitiin biyyattii daangaalee ishee cufteen wal qabachu danda'a jedheera.
Gama Kooriyaa Kaabaatiin odeeffannoo dhabamuu jechuun qoqophaawwan idil-addunyaa irra kaa'ameen miidhaan qaqabee hangam akka ta'e adda baasuuf rakkiisaadha jedheera.















