Talaalliin Covid uummata addunyaa si'a lama qaqqabu omishamus kan hin talaalamiin %40

Dubartii talaallii fudhachaa jirtu

Madda suuraa, AFP

    • Barreessaa, Isteefanii Hegaartii
    • Gahee, Gabaastuu dhimma Uummataa

Talaalliin Covid-19 kan biyyoota hiyyeeyyiif akka deeggarsaatti kennamu torban kana keessaa doozii biiliyoona tokko gahuun oduu gaarii ta'us, uummatni addunyaa %40 ta'u hanga ammaa talaallii kana marsaa isa jalqabaallee hin fudhanne.

Hanga ammaa talaalliin kun dooziin biiliyoona 11 oomishameera. Kana jechuun nama gaheessa addunyaa kanaa hundaaf ni gaha jechuudha. Maarree maaltu uummata walakkaa addunyaa xiqqoo hanqatu talaallii malee hambise?

Ammayyuu talaalliin omishamaa jiru %70 gara biyyoota G20 deemaa jira. Kana jechuun biyyootni 175 dhabaa jiru jechuudha'' jedhan Ministirri Muummee UK duraaniifi ammaan tana Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti ambaasaaddara deeggarsa maallaqaa fayyaa addunyaa kan ta'an Gordan Biraawun.

Biyyootni dureeyyiin hedduun uummata isaanii %60 ol kan talaalchisan yeroo ta'u, biyyoota hiyyeeyyii keessatti ammoo gidduugalli %10.

Sagantaan Covax kan bara 2020'tti hundeeffame biyyootni hiyyeeyyiinis talaallii kana haala qixa ta'een akka qooddatan kan kaayyeffate ta'us, jalqaba bara darbee dorgommiin talaallii kana hedduu argachuuf godhame jabaa ture.

Biyyoonni dureeyyiin talaallii hamma barbaadan dursanii ajajan. Ebla darbe UK talaallii Astiraa Zenikaa jedhamu doozii miiliyoona shan fudhatteetti.

Talaalliin kun Kaampanii Indiyaarraa kan fudhatame yeroo ta'u, walakkeessa ji'a Caamsaa Indiyaatti guyyaa guyyaan namootni 4,000 ta'an sababa koronaan lubbuu isaanii dhabaa turan. Boodas Indiyaan talaallii biyya birootti erguurratti uggura keesseetti.

Kana keessatti sagantaan Covax dursee hiriiruu caalatti kennaa biyyootni dureeyyiin gosa talaallii ofii hin barbaanne kennan irratti hirkate. Kanarraayyuu dhiyeessiin isaa walqabataa hin turre.

Bara darbe Keeniyaan talaallii isa jalqabaa doozii miiliyoona sadii argachuuf abdattee kan ishee qaqqabe miiliyoona 1.1. Achii booda ji'oota sadiif talaallii dabalataa hin arganne'' jedhu Gidduugala Qo'annoo uummataa fi Fayyaa Afrikaa Naayiroobiitti argamu keessa kan hojjetan Dr Kaatriin Kobutungii.

Dhiyeessiin talaalliiwwan kanaa akka eegamu ta'aa waan hin jirreef Keeniyaan sagantaa talaallii ishee yeroo hedduu keessa deebi'uun fooyyessuuf dirqamteettis jedhu.

Gara boodaa talaalliin hedduun dhufee Naayiroobii keessatti uummatni %40 ta'u talaallicha fudhatus, baadiyyaa biyyaattii biroo keessatti kan talaalame %5 ta'a.

''Amma gaaffiin jiru ji'a dhufa wayita talaalliiwwan kun yeroon itti fudhatamuu qaban darbu maaltu ta'a? Gara amma dura turretti deebina.''

Amajjiitti Ugaandaan talaallii Modeernaa fudhattee turte keessaa doozii 400,000-500,000 ta'u dhabamsiisuu ibsite. Sababni ammoo yeroon itti kennamuu qaban xumuramuu dura kennuun waan hin dand'amneef ta'uudha.

Yeroon itti fudhatamuu qaban kan akkaan gabaabbate hin fudhadhu jechuunis akeekkachiifteetti. Talaalliiwwan biiliyoona tokko amma biyyoota hiyyeeyyii qaqqaban keessaa tokko sadaffaan hanga ammaa uummataaf hin kennamne. Kana keessaa hangam isaanii akka yeroon irra darbe hin beekamu.

Hojjettoota talaallii Astiraa Zenikaa fe'aa jira.

Madda suuraa, Getty Images

Biyyoonni Afrikaa gariin akkuma isa gargaarsaan argatanii bittaadhaanis yeroo barbaadanitti argachuu dhabuun rakkataniiru.

Kana keessa garuu vaayirasichi tamsa'inni isaa dabalaa hortee haaraas uummachaa jira.

Dr Koobutuungii saffisaan hojjechuutu barbaachisa jedhu.

''Dhuma bara dhufu hanga addunyaan hundi talaalamutti eeguun hiika hin qabu.''

Gosti vaayirasichaa haaraan talaallii dandamatu yoo dhalate waldhaansoon talaallii haaraa argachuu ni hammaata jedhu ogeeyyiin.

Dhiyeessii talaallii kanaa saffisuuf malli jiru inni guddaan hojii talaallii kana omishuu barsiisuun dhaabbileen kaanis akka omishan gochuudha jedhu ogeeyyiin baayyeen.

Dhaabbatni Fayyaa Addunyaas yaada kanaan waan waliigale fakkaata. Dr Teediroos Adihaanoom Jimaata darbe Afrikaa Kibbaa wayita turan sagantaa gosa talaallii Moodernaa achuma Afrikaa Kibbaatti madaqsanii hoojjechuuf yaalamaa jiru daawwataniiru.

Hanga ammaa Pfizer teeknoolojii fi beekumsa talaallii isaa itti hojjetu qooduf fedha hedduu hin qabu. BioNTech Afrikaa Kibbaatti yaalii talaallicha madaqsanii hojjechuu danqee jedhamu fudhatama dhabsiiseera.

Pfizer talaallii gatii mi'aa ta'us kanneen baayyiinaan arjoomame keessaayi. Kan hedduu arjoome ammoo US fi EU dha.

Akka Airfinity herreegetti Pfizer arjoof gurgurtaa raawwatame qofarraa doolaara biiliyoona 2.4, Moodernaan ammoo 2.1 galii argataniiru.