Barsiistuun US barataa ganna 17f talaalli koronaa kennite hidhamte

Barsiiftuu barataa talaallii waraante

Madda suuraa, CBS

Mana barumsaa Niiw Yoork tokko keessatti, barsiistuun ragaa ogummaa fayyaa hin qabne barataaf talaallii Covid kennuun himatamte to’annoo jala oolfamuu ishee anga’oonni himan.

Poolisiin akka jedhuti Looraa Ruussoo eeyyama talaaluu utuu hin qabaatiin akkasumas utuu maatii barataa irraa eeyyama hin argatiin, talaallii kana mana ishee keessatti kennite jedha.

Aadde Russoo, ganna 54, kan baayoolojii barsiistu, jala bultii ayyaana wagga haaraatti kan to’annoo jala oolfamte, yoo yakkamtuu ta’uunshee irratti mirkanaa’e, hidhaa wagga afuriin adabamuu dandeessi.

Barataan ganna 17 kun talaallicha akka barbaade himameera.

Taalalliin seeraan yoo hin kennamne, balaa uumuu ni danda’a.

Oggeessonni fayyaa fi hojjatoonni meedikaalaa ragaa qaban, talaalliin tokko kan guyyaan isaa itti hin dabarre ykn kan sobaa akka hin taane qoratanii mirkaneessuu qabu.

Akkasumas namni talaallii fudhatu, seenaa meedikaalaa isaa gaafatamuu fi talaallii argachuun booda haalli isaa hordofamuu qaba.

Aadde Russoon akkamiin akka talaallii kana argattee fi gosa isa kam akka ta’e ammatti akka hin baramne poolisiin himeera.

Yeroo kanatti, lammilee Ameerikaa umurii ganna 18 gadiif talaalliin eeyyamameeru talaalli Faayzer qofadha.

Talaalli kana yeroo isheen kennitu viidiyoo agarsiisu irratti Russoon “homaa hin taatu, jedheen abdadha,” jechuun barataa kanatti himti.

“Kunoo. Talaallii manaa,” jechuun deebisa baratichi ammoo.

Anga’oonni akka jedhanitti, maatiin barataa kanaa poolisii Nassawuu kan waaman, erga inni mana galee wanta uumame itti himee boodadha.

“Talaallii of biraa qabdi ture. Akkamiin akka talaallicha argatte ammayyuu qoratama jira,” jechuun Komishinarri Poolisii Nassawuu Paatrik Raayder himeera.

Daarikteerri mana barumsaa Heeriik,bakka Russoon hojjattu, ibsa baaseen, “hanga bu’aan qorannoo kana baramutti, ammaaf barsiisummaa irraa kaafamtee damee biraatti dabarfamteetti,” jechuu isaa CBS New gabaaseera.

Aadde Russoon eeyyama malee shakala hojii tokko gaggeessuun himatamte.

Amajjii 21 irratti mana murtiitti ni dhiyaatti jedhame karoorfameera.