Loltoonni US talaalli Covid-19 fudhachuu didan 100 ol ari’aman

Madda suuraa, Getty Images
Looltonni humna galaanarraa Ameerikaa 100 ol ta’an talaallii Covid-19 fudhachuu waan didaniif hojii isaanii irraa ari’aman.
Miseensonni tajaajila humna waraanaa sababa talaallii fudhachuu diduun hojiirra ari’aman kunneen, gaggeessaa kabajaa ykn waliigalaa ni argatu.
Loltoonni humna waraanaa US harka caalaan talaallii kana kan fudhatan ta’us, kumaatamaan kan lakka’am ammoo fudhachuu diduun adabamaniiru.
Loltoonni 20,000 ol talaallii fudhachuu didaniiru ykn fudhachuu dhiisuuf eeyyama gaafataniiru.
Humni warana galaanarraa (Marine corps) – kan loltooti hojiirra jiran Sadaasa 28 dura talaallii akka fudhataniif ajaja baase – ibsa Kamisa baaseen, looltonni 103 ta’an tajaajila irraa akka gadhiifaman godhamu ibseera.
Barruun 'Marine Corps Times' akka gabaasetti, loltoonni %95 ta’an talaalli yoo fudhatan, 1,007 kan ta’an ammoo talaallii fudhachuu dhiisuuf eeyyama argataniiru.
Dabalataais, loltoonni 3,000 ol ta’an sababa amantaan talaallii fudhachuu dhiisuuf eeyyama gaafataniiru. Gaaffii eeyyama 2,800 hanga ammaatti ilaalaman keessa tokkoyyu hin raggaasifamne.
Humni Waranaa US – damee waraanaa inni guddichi – hanga ammaatti loltoota isaa keessa %98 ta’an yoo xiqqaate talaallii marsaa tokkoffa akka fudhatan kan taasise yoo ta’u, %96 ammoo talaallii guutuu argataniiru.
Humni waraanaa qondaaltoota olaanoo ja’a talaallii fudhachuu didan hojiirraa ari’eera.
Hanga ammaatti xalayaan addabbii 2,700 ol loltootaaf kennameera. Humni waraanaa kun loltoota Amajjii keessa talaallii fudhachuu diduu itti fufan hojiirraa ar’uu ni eegala.
Loltoota dirree waraanaa jiran keessaa %1 gadi kan ta’an – loltoota 3,864- ajaja talaallii baafame eeyyama malee fudhachuu didaniiru.
Guyyaa ajaja talaallii dhumaa Sadaasa 28 boodas, loltoonni human waraanaa dame Neevii %1.7 ta’an talaallii hin fudhanne.
Humni waraanaa qilleensaa torban kana iba baaseen, loltoonni isaa 27 talaallii fudhachuu didan hojiirra ari’amuu isaanii ibseera. Jalqaba ji’a kanaati irraa eegalee miseensonni humna waraanaa kanaa %97 ol ta’an talaalli argataniiru.
Kamisa, dubbii himaan Pentagon, Joon Kirbii ibsa kenneen, miseensotni tajaajila waranaa kumaataman lakka’aman ammatti talaallii akka hin fudhanne ibsuun, “ammayyuu ofii isaanii fi waayiloota isaaniif waan sirri gochuuf carraa qabu,” jechuun ibsaniiru.
Qajeelfamni Eeyyama Ittisa Biyyaalessaa- kan Roobii Kongiresiin raggaafamame- humni waraanaa loltoota talaallii fudhachuu didanii hojiirra ari’amaniif ragaan hojii kabaja malee gadhiisu akka hin kennamneef dhorkeera.















