Covid-19: Omiikiroon 'saffisa bakakkaatiin' babal'ataa jira - MM Firaans

Madda suuraa, Reuters
Omiikiroon Awurooppaa keessatti "saffisa bakakkaatiin babal'ataa jira", jalqaba bara dhufuu irraa eegalee Firaans waliin gahuun waan oolu miti jechuun MM biyyattii Jiin Kaasteeks akeekkachiisan.
Jimaata Firaans namoota Ingilaand irraa dhufanirra dhorkaa imalaa labsuun dura kana dubbatan.
Biyyoota Awurooppaa keessaa UKn biyya akka malee akaakuu haaraa kanaan miidhamtedha. Amma dura namootni 15,000 Omiikirooniin qabamuu mirkaneessiteetti.
Guutummaa Awurooppaatti ogeeyyiin fayyaa weerara hammaataaf of qopheessaa jiru.
Akka ragaan EU mul'isutti Awurooppaatti erga weerarri koronaa mudatee as namoonni miliyoona 89 vaayirasichaan yoo qabaman, miliyoona 1.5 lubbuu dhabaniiru.
Firaans Jimaata namoota daldalaaf ykn tuurizimiif UK irraa garas imalan dhorkuu hordofee osoo dhorkaan hojiirra hin ooliin kanneen biyyattii seenuu barbaadan ulaa Doovar fi tarminaalii Yuuroostaar irratti hiriirri dheeraa mulateera.

Madda suuraa, Reuters
Weerara kana ittisuuf mootummoonni akka Jarmanii, Ayarlaand fi Neezarlaandis dhorkaawwan dabalataa labsaniiru.
Italii fi Poorchugaalis namootni biyyoota EU irraa garas imalan waraqaa ragaa negatiivii ta'uu isaanii agarsiisu qabaachuu akka qaban beeksiftee jirti.
Firaans imalaa dhorkuutti dabalataan yeroo talaallii marsaa duraa fi lammataa jidduu jiru gabaabsuu fi namni talaallii hin fudhanne manneen nyaataa fi geejjiba uummataa dheeraa akka hin korre dhorkitee jirti.
Kabajni ayyaana bara haaraa uummatni itti walitti qabamus haqameera.
Gama kaaniin Neezarlaandis uggura sochii jabaa labsuu akka qabdu ogeeyyiin fayyaa biyyattii yaada dhiyeessuu miidiyaaleen gabaasaniiru.
Erga Sadaasa darbeetii biyyattiin manneen nyaataa fi dhugaatii akkasumas suuqiiwwan hedduu kan cufte yoo ta'u, kanneen koronaan qabaman yaaluuf jecha hospitaalonni biyyattii wal'aansa idilee fi kan ariifachiisaa hin taane dhaabaniiru.














