Loltuun gurraachii loltoota kaan oolchuuf ibiddaan du'e kabaja waraanaa isa dhumaa argate

Madda suuraa, US Army
Pireezidantiin Yunaaytiid Isteets Joo Baayidan loltoota biyyattii tajaajilan sadiif kabaja waraanaa isa guuddaafi dhumaa yeroo kennan lammiin gurraachi tokko erga waraana Veetnaamii gurraacha isa jalqabaa kabajni kun kennameef ta'eera.
Waraana US Iraaqitti duule keessaa tokko kan ta'e Saajiin Alwyn Cashe Iraaqitti konkolaataan waraanaa isaanii boombiin dhahamee ibiddaan yeroo gubachaa jiranitti ofii gubachaa waahillan isaa ibidda keessaa baraareera.
Saajiin Cashe balaa ibiddaa osoo waahillan isaa baraaruu qaama isaa hedduu fixeen dararamaa erga turee booda lubbuun darbeera.
Loltuun kun loltuu gurraacha jalqabaa waraana Afgaanistaaniifi Iraaq irratti hirmaatee badhaasa olaanaan kennameef isa jalqabaati.
Loltuuwwan biroon lamas lubbuu oolchuun jajamani kabaja olaanaa kana badhaafamaniiru.
Saajiin Cashe loltuun gana 35 konkolaataa waraana inni ajaju bara 2005 Iraaq keessatti boombiin yoo dhahamu bakka boba'aa konkolaatichaa dhayee waan tureef ibiddi itti qabate.
Innii fi loltuun biraan tokko ibidda konkolaachisaa isaanii qaba dhaamsuu danda'aniis ibiddi huccu dambii isaa bob'aan irra bu'e qabatee ture hammaate.
Ibiddi kun qaama isaa dhibbeentaa 75 gubaa wayita turetti inni suutuma suuta waahillan isaa loltuuwwan jahaafi lammii Iraaq afaan hiikuun isaan gargaaru konkolaataa san keessaa baasaa ture.
Loltuun kun balaan kun qaqqabee torban sadii booda lubbuun isaa dabarte.
Sagantaa Waayit Haawus, masaraa mootummaa US keessatti qophaayerratti Baayidan ''loltuun kamuu hooggansa isaa jalatti boodatti hin hafu'' jedhanii leellisan.
''Loltuu loltootaa, goota loltoota isaaf jedhee ibidda keessa darbe'' jechuun bakka haati warraa fi ijoolleen loltuu Cashe argamanittis isa jajaniiru.

Madda suuraa, Getty Images
Akka seeraatti loltuun gootummaa addaa hojjeteef badhaasni kun kan kennamu gootummaan sun raawwatee waggoota shan keessatti kan jedhu ta'us, waggaa darbe Koongireesiin ajaja haaraa raggaasiseen loltuun kun badhaasicha akka argatu murteesseera.
Waggootaaf loltootniifi miseensonni maatii meedaaliyaan isaa urjii meetii akka fooyya'uuf gaafachaa turan.
Akka Waashingitan Post gabaasetti pireezidantiin duraanii Doonaald Tiraamp loltuu kanaaf meedaaliyaa kabajaa kennuuf qophaa'aa wayita jiranitti hokkorri Kaapitol Hill dhalatee saganticha danqe.
Baayidan meedaaliyaa kabajaa kana loltuu Earl Plumlee kan buufata waraanaa isaa Afgaanistaan bulchiinsa Ghazni jiru balaa bara 2013 itt aggaamamee turerra baraaruu isaaf kennaniiru.
Lootee galtootni buufata waraanaa isaaniitti boombii konkolaatarratti dhoosuun ol lixuuf yoo yaalan loltoota isaanii madaawaniif ittisa tolchee ibidda keessa darbuun loltoota dabalatee badii oolche.
''Deeggarsa osoo hin qabaatiin, lubbuu ofiif waan tokko osoo in yaadiin gara humna diinaa olaantummaa qabuutti shugguxii tokko qabatee diinaan loluu galeera'' jechuun gootummaan isaa ibsamera.
Loltuun kun balaa hunda kana keessa miidhama xiqqaan lubbuun oole.
''Hanga ammaatti maaliif akka na hin rukunne naaf hin galle'' jechuun loltuun kun Waashingitan Poostitti himeera.
Loltuu biraan saajiin Christopher Celiz kan kabaja kana argate ammoo bara 2018'tti Afgaansitaan keessatti hiliikooptara waldhaansaa isaanii haleellaa jalaa oolchuun lubbuun darbe.
Waraanni isaanii humnoota biroon haleelamee hilikooptarri isanii yeroo rukutamuuf jedhu qaama isaan erga dhorkee booda erga hilikoooptarichi ka'ee bood aloltun kun rasasa diinaan rukutame. Isa dhiisanii akka deemanis mallattoo kenenefi isaan baraare.
Baayidan ''Balaa hamaa keessatt, nageenya garee isaa kan mataa isaa caalsifate'' jechuun isa jajaniiru.















