Dubartoota obbolaa biyyoota lamaaf qabsaa'an

Obboolaa lamaan garuu biyyoota garaa garaaf lolan

Dubartoota Obbolaa lammii Seraaliyoon kunneen oggummaa loltuummaa biyyoota adda addaatiif hojjatu.

Dubartiin biyya Seraaliyoon tokko loltummaan leenji'uun biyyasaaniif tajaajiltuuf kan leenjifte yoo ta'u, obboolettiinshii hangafti ammoo waraana Biriteeniitti mindeefamuun gosuma oggummaa kanaan tajaajilu kan eegalte dura ture.

Intalli quxusuun loltuu Seraaliyoon Lt Matilda Matu Moiwoyeroo wayita eebbifamtu obboleetinshee hangafaa Corporal Lucy Moiwo sirna eebbaa irratti hirmaattee daawwatte.

Obboleetiin hangafaa Corporal Lucy Moiwo wayita dhimma hojiitiif jiddugala oggummaawwan UK daawwatt booda ture kan akka lammiin biyya biyyaa kan duraan Ingliziin koloneefatame irraa dhufan waraana biyyattitti makamuu akka danda'an kan hubatte.

Obboleettiin ishee quxusuun Corporal Lucy Moiwo ammoo duraan ji'ooloojistii turte.

Garuu booda wayita bara 2017 sigigni lafaa hamaan mudatetti akkamittiin biyyashee akka tajaajiluu dandeessu wayita obboleettishee hangafaa gaafatte akka loltu taatu gorsite.

Haa ta'u malee, guyyaa jalqabaa qawwee dhukaasuu leenjii'uu jalqabdu baayyee sodaachurraa kan ka'e yeroo 'milaacii' harkistu ija dunuunfachuun ture kan dhukaastu.

Kunis sababa maatiin isaanii waraanaatiin bara 1990tti Seraaliyoon keessa baqataniif. Baqannaan maatii isaaniis sababii maqaan abbaan isaanii tarree galme namoota ajjeefamuuf tarreefanii keessa turuusaa waan yaadadhuufi jette.

''Yeroon dhukaasu, 'maatii kiyya kan biyyaa baase ta'uusaa waanin yaadadhuufi" jette Matildan.