Agarsiifni humna waraanaa Eertiraan Saawaatti taasifte maal akeeka?

Madda suuraa, Yemane Gebremeskel
Eertiraan torban darbe keessa guyyaa hundeeffama tajaajilli biyyaalessaa itti eegalte waggaa 25ffaa sirna ho'aa ta'een kabajatteetti.
Sirnicha irrattis pirezidaantii biyyatti Obbo Isaayaas Afawarqii dabalatee qondaaltoonni motummaa olaanoon qooda fudhataniiru.
Sirnichis qophilee muziqaa, diraamaafi kkf alatti agarsiisa loltummaa irratti mullateera.
Haasaa pirezidaantiin biyyattii sirnicha irratti taasisanii ammoo, gumaati tajaajilli biyyaaleessaa guddinaa fi badhaadhina biyyaatiif taasisee olaanaa ta'usaa dubbataniiru.
Labsiin biyyaaleessaa biyyattis kanneen sooraman, kanneen rakkina fayyaa qaban, qabsaa'ota duraaniifi dubartoota herumanii dahaniin alatti, lammiin umuriinsaanii waggaa 18 ol ta'e hundi tajaajila biyyaaleessaa loltummaa keessatti baatiiwwan 18f hirmaachu qaba jedha.
Haata'u malee, lammiileen biyyattii hedduun haala labsichi jedhu osoo hintaane, waggoota labsichaan kaa'ame caalaa loltummaan tajaajilaa turu ragaale ni eeru.
Kunis sababii waldhabdee Eertiraafi Itoophiyaa jidduu ture jedhameera.
Ammas yoo ta'e, motummaan eertiraa gama isaatiin hanga Itoophoiyaan lafa isheeetii hinbaaneetti loltoonni isaanii bakkuma jiran akka turan dubbatte jirti.
Tibba kabaja sirna kanaattis waa'ee tajaajilichi haaluma labsii kaa'ameetti baatiiwwan 18 akka gaggeefamuuf karoorri jiraachusaa akkasumas waliigalteen biyyoota lamaan ilaalchise taasifame irratti wanti ka'e akka hinjirre dubbatu.
Sirni kabajaa biyyatti eddoowwan garaa garaatti taasifamaa ture kunis Kamisa darbe sirna ispoortii aadaa fi meeshaa waraanaa olaanaa dabaalamuun bakka leenjii Saawaatti xumurameera.
Agarsiisa kanarrattis taankoonni, hilikoptaroonniifi xiyyaaroonni waraanaa hedduun akkasumas konkolaatonni meeshaa waraanaa fe'an hedduun irratti hirmaataniiru.
Bakka agarsiifni loltiummaa itti taasifame kanattis, loltoonnis agarissia oggummaa leenjii loltummaan walqabatan agarsiisaniiru.
Agarsiifni kunis bu'aafi dandeettii biyyattiin baroota dheeraaf ijaarte ta'u waltajjicharratti himameera.
Biyyattiin haala akkasitiin agrsiisa loltummaa taasisuunsheen walqabatee qaamooleen gaaffii kaasan hindhabamne.
Xinxalaan siyaasaafi Daarektarri World Peace Foundation Dr Aleeksi Divaal namoota haalichi gaaffii itti umee keessatti argamu.
Walitti bu'insa Gaanfa Afriikaa, haala nageenyaafi ijaarsaa akkasumas biyyoota kufan ilaalchisuun barreeffamoota qo'annoo hadduu kan dhiyeessan Dr Aleeksi Divaal 'agarsiifni loltummaafi hirriirri taasifame keessattu biyya nagaan keessatti babalatee fi tasgaboofte jirtuutti ta'unsaa waan addaati jedhamu danda,'' jedhaniiru.
Kanaafis kan akka sababaatti kaasan, haalli adeemsa nageenyaa Itoophiyaa waliin eegalan tibba ammaatti kan itti fufu waan ta'eef.
Akkasumas Eertiraan waggoota dheeraaf Sudaan waliin walitti bu'aa turte amma nagaa bufachuunshee, fi pirezidaantiin Suudaan waggoota 30f aangorra turan kufusaaniin walqabate amma biyyattiin bulchiinsa sivilii haaraan ogganamaa kan jirtu yoo ta'u, walitti dhufeenyi Eertiraan biyyoota naannichaa waliin qabdu akka haala haaraatti kan ilaalamu ta'u dubbatu.

Dabalataanis, Ertiraan yeroo biyyoota hollaa ishee waliin qofaa osoo hin taane biyyoota Baha Giddu-galeessaa keessumaa Sawud Arabiyaafi UAE waliin haariiroo gaarii qabdi jedhamutti agarsiisa humna lolaa akkasii agarsiisuun barbaachisaa hin turre ejjennoo jedhu qabu.
Dr. Aleeksi waan amma Ertiraan gochaa jirtu kana "qalbii hawwachuuf" waggoota kurnan darban keessa adeemsaafi tarsiimoo isheen qabaataa turten ilaalamu akka qabu yaada isaanii kennaniiru.
"Waggoota 20 darban tarsiimoon Pirezedaant Isaayyaas Afa-warqii hawwaasa addunyaa biratti qalbii akka hawwatuuf hojjechuu ture. Adeemsi sun ammaa kan hokkaraafi nagaa booressu ture," jedhu.
Waggoota dhiyoo as ammoo walitti bu'insi naannoo ture hir'achuu, akkasumas dhiibbaa Arab Imiratis naannoo irratti qaban hir'achaa dhufuun barbaachisummaan Asab hir'achaa waan dhufuuf, kun ammoo na "argaa" Ertiraa ykn kan gaggeessaa ishee keessatti dhiibbaa uumuu danda'a.
Asab lola Yaman keessatti gaggeeffamuuf buufata turte. Hayyuun kun itti dabaluudhaan, "Pirezedaanti Isaayyas Afa-warqii michoota isaa waliin qofa osoo hin taane karaa birootiin biyyoota warra Ertiraa barbaadan akka deggertoota Sawud Arabiyaa (Ameerikaa, Gamtaa Awurooppaafi Chaayinaa) biratti fudhatamni qaban gadi bu'uu danda'a," jedhan.
Walumaa galatti agarsiisni humna waraanaa Pirezedaantichi akka hin dagatamneef ykn bakka Ertiraaf kennamuu maluuf qalbii hawwachuuf jechuun ibsu.
Waggaa darbe Pirezedaant Isaayyaas Ministira Muummee Itoophiyaa waliin waliigaltee nageenyaa gara garaa mallatteesanillee, ammas taanaan Pirezedaantichi 'TPLF' waliin waldhabdeen isaanii furmaata hin arganne jedhu Dr. Aleeks.
"Yeroo Ministira Muummee Dr. Abiy waliin nagaa buusanitti hoggantoota 'TPLF' warra Ertiraadhaan akka malee dhiphisaa turan kan hadhaba isaan buusan itti fakkaatee ture.
Dhugumas ammoo dhiibbaa jijjiirama dhufe waliin walqabatee ga'een 'TPLF' mootummaa giddu-galeessaa keessatti qabdu dadhabeera.
Ta'us garuu akka yaadame hin turre. Ummanni Tigiraay ammoo ummata obbolaa ertiraa waliin waliin waliigaltee nagaa taasifame gammachuudhaan simate," jechuudhaan wanta eegameefi kan ta'e ibsu.
Hayyuun kun akka jedhanitti, haalli 'TPLF' waliin jiru nagaas, lolas waan hin taaneef Pirezedaantichi cimina isaanii agarsiifachuu fedhuun isaanii dhimma ijoo agarsiisa humna waraanaa sanaati.
"Pirezedaanti Isaayyaasiifi nageenyi waraana caalaa qormaata guddaadha. Ummatichi waraanaan jeeqamee jiraachuu isaarra yeroo nagaa argatudha kan ija isaa banatu.
Kanaafidha, Pirezedaant Isaayyaas 'ammas humni kiyya akkuma jiruttidha' erga jedhu kan dabarsuu fakkaatu akka natti fakkaatutti," jedhan.
Marsariitiin Keenyaatti argamu Z Afrikaanist Infoo jedhamurratti gaazexeessaan Holaand Kaart Liindiyeer gama isaaniitiin, nageenyi bara darbe argame bu'aa ba'ii hedduu keessa darbee akka ta'e yaadachuun,"haala kanaan agarsiisa nagaa gufachiisu gaggeessuun hin barbaachisu.
Anaan kan natti fakkaatu waldorgommii aangoo Itoophiyaa keessatti taasifamaa jiru garamitti akka baasu waan eeggataa jiran natti fayyaata," jechuudhaan yaada isaanii kennaniiru.
Saawaan [wiirtuu leenjii loltummaa ertiraa] galma ka'eef ga'uuf, kanaan booda dhaabbachuu qaba kan jettuufi Kitaaba Ertiraa irratti xiyyeeffate "I Didn't Do It For You: How the World Used and Abused a small African Nation" kan barreessiste Mikeelaa Roongidha.
"Gaanfa Afrikaa keessatti qilleensa nagaan qilleensa'aa waan jiruuf, ertiraan of eegannoodhaan jiraachuu hin qabdu.
Dargaggoonni Ertiraa sababii tajaajila loltummaa dhuma hin qabneen biyya isaanii dhiisanii baqataa akka jiran kan guutummaan addunyaa taajjabudha," jetti.
Ertiraan Itoophiyaa waliin ngaa buusuun ishee Pirezedaant Isaayyaasiif carraa gaarii akka ta'e kan dubbattu xiinxaltuun kun, ummata Ertiraadhaafis bulchiinsa addaa fiduun isaanirra ture jetti.
"Gaggeessitoonni biyyoota lamaanii erga harka walfuudhanii kaasee Ertiraanonni ijoolleen isaanii tajaajila loltummaa keessaa imaammata ittiin bilisa ba'an eeggachaa jiru," jetti Mikeelaa oongis.
"Agarsiisa meeshaa waraanaa gurguddaadhaan torban darbe Saawaatti gaggeeffamaa ture kan ilaalle garuu' wanti jijjiirame hin jiru; hunumtuu akkauma tureen itti fufa' yaada jedhu agarsiisa," jetti.
Xiinxalaan siyaasaa Ameerikaa Daan Koneelis yaada Mikeelaa waliin waliif ni gala.
"Pirezedaant Isaayyaas Afa-warqii erga nagaan Itoophiyaafi Ertiraa gidduutti uumamee waggaa tokkoo booda ummaticha walitti qabee garaa boqonnaa siyaasaa biraati ceesisuu qaba ture," jedhe xiinxlaan siyaasaa kun ammoo.
Haata'u malee, siyaasni Pirezedaantichaa gara kamittiyyu akka hin sochoone kan agarsiisu haala waraanni hin jirre keessatti agarsiisa humna waraanaa ol-aanaa dhiyeenyatti agarsiisuu isaati.
"Siyaasa durii keessatti hordamanii kan hafan fakkaata. Agrsiisni waraanaa meeshaa gurguddaatiin deggerame nagaa Gaanfa Afrikaa dhiphisuu waan danda'uuf itti yaadamuu qaba ture," jechuudhaan yaada isaa ibsata.
"Agarsiifni humna waraanaa dargaggoonni Ertiraa hangam cimina akka qaban kan agarsiise ta'ullee agarsiifni meeshaa waraanaa nama jeeqa," jedhe.
Hayyuun nagaafi walitti bu'insa qoratu Piroofesar Tiroonvool Jeetil gama isaatiin, tajaajilli waraanaa tokkumma ijaaruu keessatti faayidaa guddaa qabaatus kaayyoo isaa irraa akka hin maqneef haala itti gaafatama qabuun hojiirra ooluu qaba jechuun gorsu.
"Qorannoowwan gaggeeffaman akka agarsiisanitti sababiin ijoon lammileen Ertiraa biyyaa itti baqatan tajaajila biyyaalessaa dhuma hin qabnedha. Tajaajilli biyyaalessaa egeree dargaggootaa baayyee kan itti dukkaneessu waan ta'eef biyyaa isaaanii ijaaruu caalaa gara biyya alaatti godaanaa jiru," jedhe.
Walumaa galatti jedhan hayyuun kun agarsiisni humna waraanaa humna garsiisuufi Pirezedaant Isaayyaas, "akkuman humna koo qabadhettan jira jechuu waan barbaadan fakkaata," jedha.















