Walitti dhufeenya Eertiraa fi Itoophiyaa waggaa tokkooffaa

Tibba Dr Abiy Ahimad fi Pirezidaanti Isaayaas waliigalte nagaa waliin mallatteessan

Madda suuraa, YEMANE G/MESKEL/TWITTER

Pirezidaantiin Eeritraa Isaayaas Afawarqii bara darbe haasaa guyyaa wareegamtootaa Waaxabajjii 20 kabajamu sababeeffachuun taasisaniin, waamicha nageenyaa motummaan Itoophiyaa taasiseef akka fudhataniiifi akkasumas jila motummaa olaanoos gara Finfinneetti akka ergan kan dubbatanii turan.

Haasaan kun erga taasifames kunoo waggaa guteeera. Hojiiwwa siyaasaa fi dippiloomaasii gurguddaan waggaa darbe kana keessa raawataman muraasni kunooti.

• Waxabajjii 6, 2018: Koreen hojiirraawwachiftuun ADWUI walitti dhufeenya biyyoota lamaanii deebiisuuf waliigaltee Aljeersi hojiirra akka olchuuf beeksise. Motummaan Eeritraas deebiin kenne kanumaaf ture.

• Dhuma baatii Waxabajii irra: Jilli garee mootummaa Eeritiraa ministira haajaa alaa Usmaan Saalih fi gorsaa pirezidaantii Yamaana Gabra Abiin hogganame Finfinnee galan.

• Adooleessa 8, 2018- Ministirri Mummee Dr Abiy Ahimad yeroo jalqabaatiif daawwannaa taasisuuf Asmaraa gala.

Simannaa pirezidaanti Isaayaasiif buufata Boleetti MM Abiyi Ahimad fi qondaaltoota biraa waliin taasifameef

Madda suuraa, Yeman G. Meskel

• Ministirri mummee Abiyis akkasuma Pirezidaanti Isaayaas gara Itoophiyaa akka dhufaniif affeerraa taasisaniin walqabatee Obbo Isaayaas Bitootessaa 14 gareesaanii waliin Finfinnee galan.

• Ibsa biyyoonni lamaan Asimaraatti 'Labsii Nageenyaafi michummaa' Bitooteessa 9 waliin baasanii tajaajjilli biyoota lamaan jidduutti waggoota 20'f adda cite ture akka deebii'u beeksisani. Haaluma kanaanis balaliinsi daandii qilleessaa jalqabaa eegale.

• Imreetoonni gamtoomaniif aanga'oonni lamaan naannchatti yaalii nagaa walitti fufiinsa qabu buusiif taasisaniif dhabaasa biyyattiitti olaanaa ta'e 'Zaayid Nishaan' jedhamu badhaasan.

MM Abiy Ahimad, Isaayyaas Afawarqii fi Sheek Mohaammad biin Zaayiid

Madda suuraa, Fitsum Araggaa

• Eeritiraa fi Somaalee: Bitooteessa 30 waliigaltee qabeeyyeewwan afur gurguddaa qabuu fi ''walitti dhufeenya obbolummaa fi waldeegarsa hunda hammate'' jedhu waliin mallatteessa.

• Fuulbaana 5 ammoo affeerraa pirezidaanti Isaayaas taasisanii ministirri mummee Dr Abiy Ahimad fi pirezidaantiin Somaalee Mahaamad Faarmaajoo Asimaraatti walgahii waliin ta'an. Erga marii haala walitti dhufeenya biyyota sadanii jiduutti cimurratti erga mar'atanii booda waliigaltee walta'iinsaa waliin mallatteessa.

MM Dr Abiyyi Ahimad, Pre. Isaayaas Afawarqii fi Mohaamad Abduulahii Faarmaajoo

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, MM Dr Abiyyi Ahimad, Pre. Isaayaas Afawarqii fi Mohaamad Abduulahii Faarmaajoo

• Fuulbaana 11, 2018 ammoo daandiiwwan lafoo Eeiritraa fi Itoophiyaa wal quunnamsiisan karaa Dabaayisimaa, Bure fi Sarihaa Zaalaanbasaatiin waggoota 20 booda yeroo jalqabaatiif baname. Banamu daandiiwwan kanneenii walitti dhufenya dippilomaasii biyyoota lamaanii akka cimsu amaname kanaas aangaa'oonn biyyoota lamaanu qaamaan argamuun ifa taasisan.

• Oggantoonni biyyoota lamaanis gumaata firoomaa fi walitti dhufeenya biyyoota lamaanii cimsuuf taasisaniif Sawudiin badhaasa olaanaa 'Mootii Abdul Aziizi' badhaafteen.

• Fuulbaana 17 pirezidaantiin Eeirtiraa obbo Isaayaas Pirezidaantii Jabuutii Isamaa'el Umar Giilee waliin Jiddaatti wal argan. Guyyaa itti aanuu ammoo Ministirri Maallaqaa eritiraa mana hidhaa keessa jiru haal duree tokko malee akka gadhiifamuuf Amanasiti Intarnaashinaal gaafate.

• Fuulbaana 18 haraara Itiyoo-Eeriraatiin booda yeroo jalqabaatiif miseensoonni kaabine Ministirootaa Eeiritraa walgahii taa'an. Haala nageenyaa biyyoota lamaa jidduutti umameeraattis marii ballaa taasisan.

• Onkoleessa 14 fi 15 ammoo Pirezidaantiin Eeirtiraa guyyaa lamaaf dowwaan hojii taasisan. Baatiidhuma sana keessas Itoophiyaatti deebii'uun Magaalaa Gondariitti Ministira Mummee Abiy, ittaanaa isaanii Damaqa Makoonniin fi pirezidaantii Naanno Amaaraa yeroo sanaa kan turan obbo Gaddu Andaargaachootiin simannaa olaanaan taasifameef.

• Sadaasa 14 ammoo Waajjirri Nageenyaa Motummoota Gamtomanii qoqophiiwwan Eeritiraa irra kaa'amanii turan akka laafamuuf murtee dabarse.

• Sadaasa 21- 25 Eeritiraan dorgommii bisikileetii waancaa Afriikaa kan jalqabaa haala gaariin keessumeesite. Dorgommii guyyoota afuriif gaggeefameen Eeiritiraa, itoophiyaa, Masirii, Ruwaandaa, Naayijeriyaa, Afriikaa Kibbaa, fi Beeniin garee dubartii fi dhiraatiin irratti hirmaatanii ture.

Xiyyaara daandii qilleensaa itoophiyaa keessaa

• Muddee 12 pirezidaabti Isaayaas affeerraa pirezidaantii Somaalee Mohaamad Formaajoon taasifameen Moqaadisho galan. Mudee 14 ammoo Keeniyaa qaxaamuruun ministira haajaa laatiin simannaan taasifameef.

• Baatiidhu kana keessa ministirri Albuda fi annisaa Eeritiraa Janaraal Sibihaat Efireem namoota eenyumaansaanii hinbeekamneen miidhaan irratti raawwatame.

• Daangaan Zaalaanbasaa baatii Fuulbaanaa keessa saaqame ture sababii ifa hintaaneen imaltoota motummaa Federaalaa irraa hayyama hinqabaanneef dhorkamuun ibsame. Ittaansees Muddee 27 kan karaa Raamaa, Kisaad, Iqaa jiruus haaluma walfakkaatuun cifame.

• Amajjii 21 Xaaliyaaniin ijaarsa daandii baaburaa Baatsi'i irraa gara Finfinnee geessuu deegaruuf hayyamoo ta'u beeksiifte. Kanas Dr Abiya Ahimad dowwannaa taasisaa turaniitu ibse ture.

• Caamsaa 24 ammoo kabaja guyyaa walabummaa Eeritraa irratti Pirezidaanti isaayaas 'jijjiramaaf ariifachuun hin barbaachisu' jechu dhagahaman.

Isaayyaas Afawarqii

Madda suuraa, MoI Eritrea

• Waxabajjii 11 barreessitoonni, fi gaazexessitoonni bebekamoo Afriikaa, akkasumas quqmtoonni mirga namoomaa wal ta'uun, pirezidaanti Isaayaas Eeritiraa gara Afriikaatti akka makaniif, gaazexessitoota hidhaman waliin akka walitti isaan fiduuf gaafachuun xalayyaa barreessan. Guyyoota lamaan booda ammoo motummaan Eeritiraa xalayaa yeroo fi haala hineeggannee jechuun deebii kenne.

• Waxabajjii 19, 2019 ammoo Ministirri mummee Dr Abiy Ahimad jira Eeritiraa waliin waajjira saaniitti wal arganiiru. Garee jilaa kunis Ministira haajaa alaa Eeritiraa Usmaan Saalihi fi gorsaa pirezidaantichaa kan ta'an yamaana Gabra'aab fa'i kan hammate yoo ta'u, imala wal dhabdee waggoota darbee keessa ture hambiisuuf waggaa tokko keessatti waliin raawwataniifi walitti dhufeenya isaaniirratti marii taasisaniiru.