Barsiisaa Abeel Bulchaa: Barattoota Naqamtee barsiisaa isaanii duraaniif konkolataa bitanirraa maal barattu?

Barsiisaa Abeel Bulchaa

Madda suuraa, Screenshot from Finfinne Tube

Tibba kana barattoonni magaalaa Naqamtee barsiisaasaanii duraanii 'gumaacha dhaloota keenyaaf goote' jechuun konkolaataa Birrii 750, 000 bitanii badhaasan.

Namoota yeroo ammaa biyya alaa dabalatee ogummaa gara garaan bakka gara garaa hojjechaa jiran lakkoofsaan 100 ta'anidha jaalalaafi kabaja barsiisaasaaniif qaban konkolaataa badhaasuun kan ibsatan.

Gochi isaanii kun ammoo kabaja barsiisaa isaaniif qaban ibsachuurra darbeeyyu oolmaan barsiisaa namoota kaan birattis akka yaadatamu taasisaa jira.

Oolmaa barsiisaaf beekamtii kennuun kun gocha fakkeenyummaan ka'uu fi hamilee barsiisota kaaniis kan cimsu akka ta'e himu namoonni badhaafamuu barsiisaa Herregaa Abeel Bulchaa kana arganiifi dhaga'an.

Barsiisaa Abeel Bulchaa manneen barnootaa sadarkaa lamaffaa magaalaa Naqamtee keessatti argaman sadii —Compireensiivii, Daargeefi Fulbaana 2 tti barnoota Herregaa barsiisan

Hangam keessanitu oolmaa barsiisaa keessanii yaadataa?

Gaheen barsiisaa barattoota barsiisuun olidha. Barsiisaan gorsaadha, fakkeenya jireenyaati; manaan ala bakka maatiin hin jirrettillee maatii akka ta'e warri gahee barsiisa qoratan ni himu.

Barattoonni yeroosaanii maatii caalaa barsiisotasaanii waliin waan dabarsaniif barsiisuun alatti barsiisonni shoora maatiillee ni bahatu.

Dhaloonni egeree jireenyasaanii qixa sirriin akka murteeffataniif galaa kan naquuf; beekumsa hidhachiisee daandii jireenyaarra kan bobbaasu barsiisaadha.

Hanga malu yaadachuun beekamtiin kennamuufiif baatus oolmaan barsiisaa hedduu danuu ta'uu namni waakkatu hin jiru.

Kanneen oolmaa barsiisaa yaadachuun waan danda'an gadhanis jiru.

Weellisaa Abdii Ibiraahim oolmaa barsiisotaa namuu akka of gaafatuuf akkas jechuun yeedaloo miidhagaan sirbeera.

Utubaa jireenyaa wiirtuu lafee dugdaa,

Burqaa dagaaginaa barsiisotaan maddaa,

Galanni maaf badaa…?

-------

Agartuu jireenyaa,

Daawwitiin hawaasaa,

Barsiisota keenya…

-----------------

Abdii hin muratiinii jabaadhu barsiisa…

Galannikee hin dhumuu seenaakeeti si boonsaa….jechuun muuziqaan bareechee barsiisota jajata.

Barsiisaa Abeel Bulchaa konkolaataa barattoonni isaa isa badhaasan bira wayita dhaabbachaa jiranitti

Madda suuraa, Bizuhaan Tashoomee

Maaltu isaan kakaase?

Bizuhaan Tashoomee barattoota duraanii barsiisaa Abeel Bulchaa barsiise keessaa tokkodha.

Mekkaanikaal Ingiinaring baratee Daandii Qilleensa Itoophiyaa keessa hojjechaa kan jiru yoo ta'u, warra adda durummaan kennaa barsiisaa Abeel kana qindeessan keessaa tokkodha.

Barattoonni duraanii magaalaa Naqamtee barsiisaa Abeel badhaasan kunneen oolmaan barsiisaa kanaa jireenya isaanii keessatti bakka addaa akka qabu dubbatu jedha Bizuhaan.

Bariisaa Abeel Paayiletoota, Injinaroota, Doktoroota, barsiisota dhabbilee barnoota olaanoo, manaajeroota baankiifi ogummaa biroon hedduu akka geeessifatan hima

"Keessumaa barumsa Herregaafi Saayinsiitiin akka milkoofnuufi fuuldureen keenyallee gaarii akka ta'uuf nama baayyee ifaajaa turedha," jechuun BBCf ibsa Bizuhaan.

Oolmaa barsiisaa Abeel waliin yeroo ilaalamu kennaan kun baayyee guddaa ta'uu baatus yaadni isaa guddaadha jedha.

Seerota Herregaa karaa gabaabaa ta'een akka hubannuufi Qormaata Seensa Yunivarsiitii kan waggoota digdamaa olii walitti qabuun kaka'umsa isaatiin mana isaatti baayyee isaaanii barsiisuu hima.

"Baay'ee keenyas jaalala barumsaaf qabnu, keessumaayyuu kan barumsa Herregaafi Saayinsii akka dabalu godhee jira.

Akka Bizuhaan jedhutti, barsiisaa Abeel mana barumsaatiin alattis mana dhuunfaa isaatti waggoota dheeraaf ijoollee barumsaan qaraa turan.

Barsiisaa Abeel barsiisuun alattis , "dhuunfaatiinis barattoota baayyee gorsaafi akka abbaatti qajeelchaa, jaalala adda ta'e nuu laachaa nama nu guddise. Barattoonni hundi bifa adda ta'een barsiisaa kana ni jaalatu," jedha Bizuhaan.

Barsiisaa Abeel qoosaafi mudannoo jiran barumsa barsiisan waliin si'eessaafi bohaarsaa barsiisuun akka beekamanillee ibsa.

Barnoonni Herregaa akkamitti akka inni qabatamaan jireenya dhugaa waliin walqabatu sirriitti agarsiisaa barsiisuun barsiisaa Abeel adda taasisa jedha Bizuhaan.

Kun ammoo barattoonni inni barsiise baay'ee akka ciman taasisuu kan himu Bizuhaan, akkuma biyyattiyyu barattoonni magaala Naqamtee sababa barsiisaa Abeel hedduu milkaa'aniiru jedha.

"Nuti dur Herrega lakkoofsuma qofa seena , garuu jireenyuma nuti jiraannu waliin walitti fidee akka nuti jireenya dhugaa lafarra jiru hubanuu nu godhee jira.

Kennaan kun barsiisaa Abeel qofaaf kan laatame osoo hin taane, barsiisota magaalaa Naqamtee kan dhaloota qaruutiin aarsaa guddaa kafalanillee bakka bu'anii akka fudhatan beekamuu qaba," jedha Bizuhaan.

Dhaloonni dhufus barsiisaa isaa kabajee waan baayyee irraa baruutiin oolmaa barsiisaa osoo hin dagatiin jajjabeessuu akka qabu dhaama ergaa fuula Feesbuukii isarratti barresseen Bizuhaan.

Koree waan kana qindeessaniifi namoota gumaachan kan galateeffate Bizuhaan, "ijoolleen Leeqaa seenaa gaarii dhalootaaf barumsa ta'u, barsiisotaaf ammoo hamilee dabalu dalagnee jirra," jedheera.

Kennaan namoota dhaloota qaruutiin beekamaniifi kan saba tajaalilan jajjabeessuu itti fufiinsa akka qabaatus abdii guddaa qabaachuus himeera.

Barsiisaa Abeel Bulchaa waa'ee badhaasa isaaniif kennmee maal jedhan?

Umuriin isaanii waggaa 58 kan ta'e barsiisaa Abeel Bulchaa, 'barsiisaan hin dulloomu' waan jedhameef malee soorama bahuutti dhiyaadheera jechuun bifa qoosaan jalqabanii waa'ee kennaa barattoonni isaanii badhaasan BBCtti himan.

Barattoonnisaanii duraanii maallaqa hanga kanaa walitti buusanii konkolaataa na badhaasu jedhee tasa akka hin eegiin kan himan barsiisaa Abeel, "ani kennaa konkolaataa isaan naaf kennaniin ol ijoolleen akkasitti guddisanii inni kaan doktora, inni kaan paayileeta, inni kaan Injiinara, hedduun isaanii ammoo barsiisota yunivarsiitii gara garaa ta'anii arguutu nama gammachiisa.

Lammii barumsaan gahaa taasisuun hedduu na gammachiisa," jedhan.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Barsiisaa Cimaa Addunyaa

Yeroo ammaa gara Finfinnee dhufanii mana barumsaa dhuunfaa barsiisaa akka jiran kan dubbatan barsiisaa Abeel, kanaan dura konkolaataa akka hin qabne himu.

Miindaa barsiisaatiin konkolaataa bitachuun waan hin danda'amneef hayyama konkolaachisaallee baafachuu yaadee akka hin beekne kaasuun, amma garuu baafachuuf adeemsarra jiraachuu dubbatan.

Miindaan barsiisaa yeroo ammaa akka biyyaattiyyu konkolaataa bitachuun yaa hafuu jireenyaafillee akka nama hin geenye dubbatu barsiisaan kun.

Yaada namoonni 'barumsi dur hafe' jedhu akka itti walii hin galle kan dubbatan barsiisaa Abeel, akka isaan yaadanitti barumsi amma caala.

"Anis baradheen darbe. Yeroo ani barataa turetti hariiroon barataafi barsiisaa gidduu ture baayyee gadheedha. Hawwiikeefi fedhiikee itti hin himtu.

Animmoo ijoolleen barsiisetti akka hiriyyaatti, akka obboleessaattiifi akka abbaatti itti dhyaadheen barsiisa. Itti dhiyaatteef barataan mataa si hin yaabbatu, si kabaja malee," jedhan.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Barsiisaa uffata barattootasaa miiccu