Covid-19: Miseensonni paarlaama Firaansi murtee talaalliirratti dabarsaniin ajjeechaan doorsifamaa jiru

Nama mana dhugaatiitti ragaa talaalamuusaa agarsiisu poolisiitti mul'isaa jiru

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Mootummaan Firaansi kanneen talaallii hin fudhannerra uggurra jabaa kaa'uuf murteesseera

Miseensonni Paarlaamaa Firaansi hedduun erga lammiileen biyyattii talaallii hin fudhatin jiran hawaasa keessa socho'uurraa akka ugguraman yaada dhiyeessaniin booda doorsisni ajjeechaa baay'inaan isaan qaqqabaa jiraachuu himatan.

Mootummaan biyyattii namni kamuu bakka hawaasa itti walga'uu fi geejjiba keessatti ragaa talaalliisaa agarsiisuu akka qabu gochuuf yaada qaba.

Wiixineen seeraa kun torbee kana keessa filannoodhaan mirkaneeffamuuf jira, garuu hagasittuu kanneen talaalliirratti rincican akkaan mufachiiseera.

Biyyoota Awurooppaa keessaa Firaansi lakkoofsa namoota talaallii Covid fudhataniin jalqabarra jirti.

Ga'eessota biyyattii keessaa dhibbeentaa 91 kan caalan talaallii fudhachuu mootummaan biyyattii ibseera.

Miseensa paartii- centre-right Agir kan taate Agnès Firmin Le Bodo sababa wiixinee talaallii irratti ba'e deeggarteef qofa namoonni si ajjeesna jechuunakka ishee doorsisan tiwiitarii irratti barreessite.

Ofiisheetii ogeettii qorichaa kan taatee fi namootaaf talaallii Covid kennuun kan beekamtu Aadde Firmin Le Bodo, ''walumaagalatti dimokiraasiin keenya qormaata keessa jira,'' jette.

Doorsisa irra ga'aa jiru poolisiitti akka beeksistee fi waa'ee talaalliirrattimmoo duubatti akka hin jenne ibsiteetti.

Agnès Firmin Le Bodo

Madda suuraa, Getty Images

Miseensi paarlaamaan kan biraan , Naïma Moutchou doorsisi walfakkaataan irra ga'uu ergaa karaa email itti ergame suuraa kaasuun ragaa agarsiiseera.

Wiixata kaleessaa Ministirri Fayyaa biyyattii Olivier Véran walga'ii paarlaamaa kanarratti doorsisa miseensota paarlaamaarra ga'aa jiru akkaan akka balaaleffatan ibsanii, kanneen faallaa talaallii dhaabbatan ammoo akka irraa of qusatan dhaaman.

Ministirri dhimma biyya keessaa Gérald Darmanin hanga wiixineen kun mirkanaa'utti poolisiin miseensotaaf eegumsa cimaa taasisa jedhan.