'Covid-19 bara haaraatti ni mo'ama abdii jedhun qaba' -Dr Teedroos Adhaanoom

Madda suuraa, Reuters
Hogganaan Olaanaan Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dr Tedroos Adhaanoom biyyoonni addunyaa waliin kan hojjatan yoo ta'e Covid-19 bara haaraa 2022tti kanatti ni mo'atama abdii jedhu qabaachu ibsan.
Dr Teedroos haasaa bara haaraa ilaalchisuun taasisanii, ''dhiphina sabummaa fi talaallii kuusuu'' akeekkachiisaniiru.
Haasaan abdii hogganaa olaanaa kanaatis erga Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa vaayirasiin Covid Chaayinaa keessatti mul'achuu mirkanneessee waggaa lamaan booda.
Ammaan tanas addunyaarratti lakkoofsi namoota Covid-19 qabamanii miiliyoona 287 yoo gahuu kanneen sababiidhuma kanaan lubbuunsaanii darbe ammoo miiliyoona 5.5 ta'eera.
Addunyaa guutuutti namoonni bara haasaa faranjootaa kabajaa jiraatulleen, biyyoota hedduu keessatti dhukkubicha to'achuuf jecha namoonni baayyeen akka walitti hinqabamnee jajjabeefameera.
Koronaavaayirasiin amma jireenya guyyaa guyyaa keessatti waan of eeggannoo barbaadu ta'usaatiin alatti, dhibee daangaa qaxxanuure, kan maatiiwwan adda baasee fi eddoowwan tokko tokkoos maaskiin qabatamu malee manaa bahuun haala hinyadamne irra gahameera.
Dr Teedroos ammaan tanatti koronaavaayirasii wallaanuuf daandiiwwan fooyya'oon jiraachuu kaasuun, qoodiinsi talaalii haqa qabeessa hin taane ammoo vaayirasichi haalaa saa geggeedaruun akka umamuuf carraa umeefiira jedhan.
''Biyyoota tokko tokko keessatti dhibinni sabummaafi kuusaan talaalii haqa qabeessa hin taane dagaageera. Kanaafu umamuu gosa Omiikirooniif haala mijataa uumeera. Haaluma vaayirasichi of jijjiruun dhuufuun dandeettiin to'anniifi dursanii raaguu keenya hir'ataa adeema,'' jedhan Dr Teedroos.
Itti dabaluunis, ''yoo haqa qabeessummaa dhaabne weerarichas ni dhaabna'' jedhan.
Awuurooppaa fi Ameerikaatti namoonni yoo xinnaatee talaalii marsaa tokkooffaa kan fudhatan yoo ta'u, karoorri Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa bara 2021 osoo hin xumuramiin dura yoo xinnaate ummanni addunyaa parsantaa 40 ta'u talaallii akka argatuuf karoorsee ture keessattu biyyoota Afriikaatti osoo hin milkaa'iin hafeera.
Dr Teedroos kanaan dura biyyoonni guddatan dhiyeessitii idil-addunyaa ''garmalee waliitti qabuun'' ummatasaanii baayyee marsaa lammaaffaaf yoo talaalan, kaan ganaa talaallii marsaa tokkooffaa eegataa jiruu jechuun qeequunsaa ni yaadatama.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa kaayyoo bara 2022 kanatti kaa'een, weeraricha balleessuuf biyyoota hundatti yoo xinnaate hanga baatii Adooleessaatti talaalii parsantaa 70 gahuuf karoorfateera.















