Istaadiyeemi Kaameruunitti wal dhiibuu uumameen yoo xinnaate lubbuun namootaa 8 darbe

Madda suuraa, Reuters
Kaameruun istaadiyeemii tabni Waancaa Afrikaa keessummeessaa jiruun alatti wal dhiibbaa uumameen yoo xinnaate namooni saddeet du'anii, hedduun madaa'uu isaani gabaafame.
Warrabbiin viidiyoon akka mul’isutti, magaalaa guddiitti biyyattii Yaahundee keessatti deeggartoonni kubbaa miilaa istaadiyeemii Paul Biya seenuuf wayita karratti wal dhiibaniiti iyyaa turani.
Namni ijaan arge tokko haala ture wayita ibsuutti, deeggartoonni tabichaa kumaatamni ol seenuuf jecha olatti lafarratti wali dhiibaa turan.
Namoota miidhaan irra gahee 38 keessaa toran isaanii haala cimaa irratti argamu.
Akka AFP qondaaltoota eerguu jedheetti, namoota du'an keessaa tokko daa'ima.
Istaadiyeemiichi dandeettii namoota 60,000 keessumeessuu qaba, garuu sababii uggura Covid-19’n taba guyyaa Wiixataatti namoota %80 ol keessummeessuu hin qabu ture.
Qondaaltonni dorgommicha akka jedhanitti namoota gara 50,000 ta’aniitu istaadiyeemicha seenuuf yaalaa ture.
Gaazexessaan Daanishi Bustar Imiil Kirchar BBCtti akka himeetti, wayita deeggartoonni istaadiyimicha seenuuf jechaniitti kararratti ''jeequmsa cimaa'' arguu dubbata.
"Baayyee jeequmsatu ture- namonni ni fiiguu, kaan dallaa yaabuu, kaan ammoo karaa danqaalee kaa'amaniitiin cabsanii seenaa turan,'' jechuun, namoonni baayyeen osoo tikkeettii hin kutatiin ol seenuuf dhiibbachaa akka turan argu dubbata.
Gaazexeesituun Leocadia Bongben Sagantaa BBC Newsday tti akka himteetti, waci cimaan karaa naannoolee zoonii deeggartootaan istaadiyeemiin alaarraa dhufaa akka ture dubbatti.
"Namoonni iyyuu eegalan. Battaluma sanatti ambulaansiin gara istaadiyeemichaa dhufe, garuu yoo gara bakkichaa deemuutti poolisiin bakka namoon itti waliirra dhaabbatan sanatti maxxanu nu dhorke,'' jetti.
"Dhugaatti namoon taba doowwachuuf bahanii du'uun baayyee nama gaddisiisa.''
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X

Istaadiyeemicha keessa ture qindeessaan BBC Africa, Niik Caavel, akka jedhutti, hanga oduun balaa kanaa miidiyaa hawaasummatti ba’utti, odeeffannoon miidhaan qaqabuu namoota achi turan birratti hin dhagahamne ture.
Balbala istaadiyeemichaa irratti kopheen gaggataman hedduu fi wantoonni jijjigan hedduun akka mul’atanis himeera.
Narsiin Olingaa Piruudensi, namoota madaa’an keessa gariin isaanii “haala yaaddessaa keessa jiru” jechuun AP’tti himaniiru.
Waldaan Kubbaa Miillaa Afrikaa, CAF ibsa baaseen, “ maala akka uumame adda baasuuf amma qorannoon eegalameera,” jedheera.
Balaan kun uumamus dorgommiin Kaameruun fi Komoros gidduutti gaggeefamaa ture itti fufee, goolii 2-1’n Kaameroon injifatteetti.













