Afcon 2021: Naayijeeriyaa fi Gaaboon Waancaa Afrikaan ala ta'an

Youssef Msakni Tuniiziyaaf goolii galchee wayita gammachuu isaa ibsatu

Madda suuraa, Getty Images

Dorgommii Waancaa Afrikaa kubbaa miilaa dhiirotaa Kaameerunitti adeemsifamaa jiruun Tuuniziyaan Naayijeeriyaa 1-0n injifatuun taphaan ala goote.

Taphataan Tuniiziyaa Yuuseef Misaaknii goolii galcheen taphattoota 10niin kan morkataa turte Naayijieeriyaan dorgommichaan ala ta'uuf dirqamte.

Burkinaafaasoo fi Gaaboon 1-1 qixxee erga xumuraniin booda peenaalitiin Burkinaafaasoon injifattee gara nuusa xumuraatti dabarteetti.

Amma biyyoota 16 hafan keessaa Tuniiziyaa fi Burkinaafaasoon nuusa xumuraaf darbuu yoo mirkaneessan, Naayijeeriyaa fi Gaaboon dorgommichaan ala ta'an.

Naayijeeriyaan tapha ramaddii garee irratti taphoota sadanuu injifachuun biyya marsaa biyyoota 16f dabartulleen, taphattoonni ishee hedduun sababa Covid kan hin jirre Tuniiziyaatti harka kennatteetti.

Taphataan Naayijeeriyaa pirimer liigii Ingiliiz keessa taphatu Aleeks Iwoobii kaardii diimaan dirree keessaa bahuun Naayijeeriyaa gatii kafalchiisee jira.

Burkinaafaasoon 7-6n peenaalitiin Gaaboon injifatte.

Taphattoonni Burkinaafaasoo gammachuu isaanii yoo ibsatan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Taphattoonni Burkinaafaasoo gammachuu isaanii yoo ibsatan

Taphoota marsaa kuffisanii darbuu jalqaba lama Dilbata taphatamaniin kan injifatan Tuniiziyaa fi Burkinaafaasoon tapha nuusa xumuraatiin waliin morkatu.

Har'a [Wiixata] Giinii fi Gaambiyaa akkasumas qopheessituun dorgommichaa Kaameruun fi Komoroos nuusa xumuraaf darbuuf waliin morkatu.

Kibxata Senegaal fi Keep Verdeen, Morokoo fi Maalaawiin yoo morkatan, Roobii ammoo Kootdivuwaar fi Masrii, Maalii fi Ikuwaatooriyaal Giinii marsaa nuusa xumuraaf darbuuf ni taphatu.