Gaanaan Komoroosiin mo’amtee Waancaa Afrikaa keessaa baate

Ahimad Mognii (mirgaarra kan jiru) goolii boqonnaa booda galcheen Komoroos akka Gaanaa mo'attu taasiseera.

Gaanaa, biyyi Waancaa Afrikaa al afur fudhatte, Komoroos kan yeroo jalqabaaf taphicha irratti hirmaatteen mo’amtee qaaniidhaan dorgommii keessaa baateetti.

Taphataan El Fardou Ben Nabouhane jedhamu goolii jalqabaa Komoros biyya odolawwanii taateef yoo lakkoofsisu, Andre Ayew kaardii diimaa arginaan taphattoonni Gaanaa nama 10tti galan.

Urjiiwwan Gurraacha jedhamuun kan beekaman taphattoonni Gaanaa goolii 2-2 isaan taasisu otoo hin galchin dura, Komoros goolii Ahmed Mogni galcheen dursaa turte.

Haatahu malee, Mogni’n goolii daqiiqaa 85ffaa irratti galcheen gareen Gaanaa bara 2006 as callisaan dirree keessaa akka bahan godheera.

Haala kanaan qabxiin Garee C seenaa Waancaa Afrikaattii haala hin baratamneen gadi-bu’a. Kunis sababa qabxii Komoroos yeroo jalqabaaf lakkoofsisteefi injifannoo yeroo duraaf galmeessiteeni.

Kan nama ajaa'ibu, kareen Komoros sadarkaa addunyaarratti 132 irratti argamus gareewwan filatamoo sadarkaa sadaffaa qabatanii Waancaa Afrikaaf marsaa itti aanutti darban afur keessaa tokko ta'uu danda'eera.

Andiree Ayyuu kaardii diimaan bahuun isaa garee warra Gaanaatti qaawwa uume

Biyyi odolaa jiraattota miiliyoona tokkoo gadi qabdu Komoroos, kubbaa miilaarra seenaa fonqolcha mootummaan beekamtii- kana dura bara 2016tti yaalii 20 booda calallii Waancaa Afrikaafi Addunyaaf dabartee turte.

Gareen Komoroos lammiilee daayaaspooraa jiruu isaanii Firaans keessa godhataniin deeggaramu, injifannoo kaleessaan dura al tokko qofa mo’aman. Amma immoo taphattoota jajjaboo ardii kanaa mo’ataniiru.

Taphattoonni Gaanaan taphoota jalqabaa lamaan irratti qindoomina otoo hin agarsiisiin hafuun, Morokoodhaan 1-0 yoo mo’aman, Gaaboon waliin immoo tokko qixxee bahuun garee isaanii keessaa dhumarra bahaniiru.

Yeroo fiishkaan dhumaa afuufamu deeggartoonni Gaanaa isteediyeemii Roumde Adjia turan, dinqamuun boqonnaa booda dubbii akkatti geeddaramee bara 1982 as yeroo jalqabaaf morkii keessaa isaan baase kan yaadaa turan fakkaata.

Tapha keessaa bahuun garee kanaa leenjisaa Milovan Rajevac carraa lammataa argachuun garicha leenjisuuf carraa lammataa argatanii Fulbaana keessa deebi’an irratti dhiibbaa taasisuu hin oolu.