Ameerikaatti yeroo jalqabaaf onnee booyyee fooyyeffame namaaf dhaaban

Madda suuraa, UNIVERSITY OF MARYLAND SCHOOL OF MEDICINE
Lammiin US tokko addunyaa irratti nama yeroo jalqabaaf wal’aansa baqaqsanii hodhuun onnee booyyee qaccee sanyiin isaa foyyeessame kennameef ta’e.
Amma dura ogeeyyiin fayyaa Ameerikaa kalee booyyee namaaf dhaabuun milkaa'uu himanii turan.
Deevid Beneet, ganna 57, wal’aansa baqaqsanii hodhuu sa’aatii torba fudhate kana argatee guyyaa sadii booda, haala gaariirra jiraachuu isaa oggeessonni fayyaa himaniiru.
Wal’aansi qaama jijjiirraa kun lubbuu Beneet olchuuf abdii isa dhumaa ture, ta’us ammatti carraan jireenya dheeraa qabachuu isaa hagam akka ta’e ifa miti.
“Wal’aansa kana argachuu ykn du’uu ture,” jechuun wal’aansicha argachuu guyyaa tokko dura Beneet dubbatee ture.
“Carraan milkaa’uu isaa baay'ee xiqqaa akka ta’e beeka, garuu abdiikoo isa dhumaadha,” jedheera.
Oggeessotni fayyaa Wiirtuu Fayyaa Yuunivarsiitii Meriilaand, yoo wal’aansa kana hin argatiin Beneet ni du’a sababa jedhuun wal’aansa kana gaggeessuuf Abbaa Taayitaa Meedikalaa US irra eeyyama addaa argataniiru.
Kana duraa murtee oggeessonni fayyaa, dhukkubsataa haallii fayyaa isaa baay'ee gadi aanaa ta’eef taasisan irratti hunda’uun, Beneet wal’aansa jijjiirraa onnee akka argatuuf murtaa’ee ture.
Gartuu oggeessota fayyaa wal’aansa kana gaggeessaniif, kun bu’aa qorannoo waggootii dheeraa addunyaa irratti jireenya namoota hedduu jijjiiruu danda’uu akka ta’e agarsiisa.
Oggeessi fayyaa wal’aansa baqaqsanii hodhu Bartlii Giriifit, wal’aansi baqaqsanii hodhuu kun, “hanqina kutaa qaamaa jiru furuuf addunyaa gara fulduraatti kan tarkaanfachiisudha” jechuu isaa ibsi Dameen Mediisinii Yuunivarsiitii Meerilaand ibsa baase irratti eerera.
Kana jechuun sababa hanqina kanaan, US keessatti guyyaatti namootni 17 wal’aansa jijjiirraa qaamaa utuu eeggatanii lubbuun isaanii darba. Guutummaatti ammoo namootni 100,000 ol ta’an wal’aansa jijjiirraa qaamaa argachuuf eeggachaa jiru.
Hanqina jiru kana furuuf kutaa qaamaa booyyee dhala namaaf jijjiiruun yeroo dheeraaf yaadamaa tureera, vaalvii onnee booyyee wal’aansa akkanaaf fayyadamuun ammoo ammumaan waan baramedha.
Onkololeessa 2021 keessa oggeessoti fayyaa Niiw Yoork, kalee boyyee milkaa’inaan dhala namaaf kennuu isaanii beeksisanii turani. Yeroo sanatti wal’aansi kun seeenaa meedikaalaa keessatti yaalii isa guddaa ture.
Ta’us garuu namni wal’aansa kana argate nama sammuun isaa du’ee, bayyaannachuuf carraa hin qabne ture.
Beneet garuu wal’aansi kun, jireenya isaa akka itti fufuuf isa akka gargaaru abdata.

Madda suuraa, UNIVERSITY OF MARYLAND SCHOOL OF MEDICINE
Wal’aansa kan argachuu isaa dura Beneet dhibee onnee wal’aanamuu hin dandeenye qabachuun isaa erga baramee, maashiniin lubbuu isaa tursu godhameefi gara ji’a tokkoof walakkaa oliif hospitaala ciisee ture.
Wiixata, Beneet gargaarsa maashinii malee ofiin hafuura baafachuu akka danda’eru himameera.
Garuu itti aanee maaltu uumama kan jedhu ammatti ifa miti. Booyyeen wal’aansa kanaaf fayyadamame, onneen isaa qaama Beneetiin akka simatamuuf, qacceen sanyii isaa saayinsiin foyyafamee akka ture AFP gabaaseera.
Oggeessi fayyaa Girifiit of eeggannoo fi itti dhiyeenyaan haala Beneet hordofaa akka jiran himeera.
Ilmi Beneet, Deevid Beenet Jr akka miidiyaa Associated Press’tti himetti, amma maatiin “haala homaa hin beekne keessa jiru.”
Ta’us garuu “Wanti gaggeeffamu kun hagam guddaa fi bu’a qabeessa akka ta’e akka hubatu” himeera.
“Wanti kun dhala namaaf godhamee hin beeku, animmoo carraa lubbuun turuu wal’aansa isa duraaniirraa qaburra kan fooyya’aa ta’e kennineerraafi jedhee yaaduun barbaada,” jechuun Girifiit dubbateera. Ta’us garuu yoo inni “guyyaa tokkoof, torbaniif, ji’aaf ykn waggaaf lubbuun tura yoo ta’e hin beeku,” jedheera.














