Ogeeyyii baqaqsanii yaaluu iddoo fedhanirraa tajaajila fayyaa kennuu danda'an

Meeshaa kana kan kalaqxe Dr Hachaach- Haraam bakka addunyaa kamuu ta'anii tajaajila kana kennuun danda'ama jedhu
Ibsa waa'ee suuraa, Meeshaa kana kan kalaqxe Dr Hachaach- Haraam bakka addunyaa kamuu ta'anii tajaajila kana kennuun danda'ama jedhu

Wal'aansa baqaqsanii yaaluu roobotiin gaggeessuun erga eegalee ganna dheeraan kan lakkaa’ame ta’ullee, meeshaaleen wal’aansaa kunneen kutaalee addunyaa baayyeef garmalee qaaliidha.

Gatiin isaa qaala’uu qofa miti, ogeeyyii itti-fayyadama isaarratti leenji’an ni barbaachisu.

Haata’u malee, otoo ispeeshaalistoonni bilbila isaaniin ykn taabileeti isaaniirraa fagoo ta'anii tajaajila baqaqsanii wal'aanuu isiniif kennaniwoo?

Weerarri dhibee dhiyeenya kana mudate tajaajilli fayyaa keenya ogeeyyiin qaamaan argamanii dhukkubsataa wal’aanuurratti hangam akka hundaa’e agarsiiseera.

Ogeyyiin baqaqsanii wal’aanuu hedduun Covid-19 akka hin tamsaane ittisuuf jecha qaamaan argamuurra hafuun isaanii miidhaa qaaamaa, xiinsammuufi dhiibbaa karaa dinagdee dhukkubsataa, hospitaalotaafi hawaasarraan gaheera.

Rakkoon kanaaf fala barbaaduuf roobootiiwwaniin dhimma bahuun yaalii wal’aansa baqaqsanii yaaluu gochuun danda'ameera. Roobootiiwwan kuni bakka doktaroonni hin jirretti dalagu.

Roobitiiwwan kunneen sirumayyuu dhukkubsataa waliin ogeeyyiin akka haasa’an (walqunnaman) gargaaraniiru.

Kunis maashinni haala wal’aansi itti kennamaa jiru irra- deebiin bocaa (geeddaraa) jiraachuu agarsiisa.

Ogeeyyiin gama isaanitiin jijjiramichi ittifufa jedhanii eegu.

Haata’u malee, Dr Nadinii Hachaach- Haraam, waa’ee rakkoolee baqaqsanii wal’aanuun walqabatan kanneen weerara Covid -19 durallee turan ishee yaaddessu.

Daa’ima wayita turte biyya waraanaan hunkuramte Libanoon keessatti kan guddatte yoo ta’u, tajaajilichi iddoo hundatti qixa akka hin kennamne ofii isheetiin argiteetti.

Yeroo ammaa kanatti namoonni biliyoona shan ta’an addunyaa keenyarratti tajaajila baqaqsanii wal’aanuu sirnaa hin argatan.

Namoonni hedduun du’aatii dhibee HIV, busaafi dhukkuba sombaa walitti ida’amanii qaqqabsiisan caalaa tajaajila baqaqsanii wal’aanuu sirnaa dhabuun du’aa jiru.

Kanaaf Hachaach- Haraam teeknoloojii ogeeyyiin baqaqsanii wal’aanuu koompiyuutara ykn taabileetiitti gargaaramuun karaa toora intarneetii kutaalee addunyaa garaa garaatti baqaqsanii yaalu gaggeessuu dandeessisu uumte.

Tajaajilli kun dhukkubsattoota gargaaruuf sirnaan amma dura hojiirra oolera.

Dr Hachaach- Haraam maal himte?

Hiddi dhaloota maatii kooti Libanooni. Yeroo waraaanatti maatiin gara Ameerikaatti kan godaanaan. Nuti Ameerikaa Kaalofoorniyaatti dhalanne.

Ganna 8 ykn 9 wayita guutu Libanoonitti deebinee hidda dhaloota fi aadaa keenyaa akka barruu maatiin keenya barbaadan jette.

Haa ta’u malee, Kaalifoorniyaa aduun isheetiin beekamtuu keessaa bahanii biyya waraanaan yeroo sanatti hunkuramaa turte Libanoonitti deebi’uun laaftuu hin turre.

Akka shamarree ol adeemtu tokkootti Dr Hachaach- Haraam tajaajilli baqaqsanii yaaluu wal qixaa ta'e akka hin turre adeemsa keessa hubataa akka adeemte ibsite.

Tajaajilli walqixa ta'e dhabamuun kun Libaanoon qofaa otoo hin taane iddoo garaa garaa jiraachullee kaafte.

Kanaaf ‘’falli nuti wixineessinu kamiyyuu wal’aansa baqaqsanii yaaluu dimokiraateessu fi iddoo murtaa’eerratti daanga’eeru hambiisuudha,'' jette.

Mosaajiin baqaqsanii yaaluun ittin gaggeeffamu kun naannoo baadiyyaatti faayidaarra oolchuun akka danda’amu himti.

Dr Hachaach- Haraam erga Libaanoon dhaqxee agartee booda meeshaa kana kan kalaqxe
Ibsa waa'ee suuraa, Dr Hachaach- Haraam erga Libaanoon dhaqxee agartee booda meeshaa kana kan kalaqxe

Hospitaala kaampii badhee keessa, iddoo homtu hin jirre hanga hospitaalota jajjaboo magaalaa walakkaa jiranitti otoo hin hafiin tajaajila kennuuf akka fayyadu kaafte.

Akkamiin dalaga?

Ogeettiin kun akka jettutti, kutaa wal’aansi baqaqsanii yaaluu itti gaggeeffamaa jirutti waan ta’aa jiru iddoo biraa irraa hordofuun akka danda’amu kaafte.

Dr Hachaach- Haraam hospitaala giddugaleessaa Landan argamutti gama toora intarneetiin bilbilte.

Waan kutaa baqaqsanii wal’aanuu kutaa hospitaalicha keessatti ta’aa jiru koompiyuutara isheeerraa kallattii garaa garaatiin arguu akka dandeesse ogeeyyii hospitaalichaa wal’aansarra turanitti dubbatti.

‘’Kaameeraa to’achuu nan danda’a, achii ofirraa siqsee, ofittillee dhiyeessee ilaaluu nan danda’a. Iddoon ilaaluu barbaadurratti immoo xiyyeeffadhee guddisee ilaaluun danda’a’’ jette.

Gartuu ogeeeyyii wal’aansarra jiran waliin sirnaan dubbisaa waliin hojjachuun akka danda’amu Dr Hachaach- Haraam ibsiteetti.