Fayyaa: Mallattoolee shan ijoolleen keessan rakkoo fayyaa onnee qabaachuu ittiin bartan

Daa'ima hospitaala keessa

Madda suuraa, BSIP

Itoophiyaa hospitaalli yaala fayyaa onnee daa'immanii tokko qofaatu jira. Innis mooraa hospitaala Xiqur Anbassaa keessatti kan argamu Wiirtuu wal'aansa daa'imman onnee dhukkubsataniiti.

Wiirtuu kanatti daa'imman wal'aansii baqaqsanii yaaluu onnee isaan barbaachisu 8000 ta'an dabaree eeggachaa jiru.

Daa'imman wal'aanamanii fayyuu osoo danda'anii dabaree eeggachaa lubbuun isaanii yoo darbu arguun ogeeyyii fayyaa wiirtuu kanatti hojjetaniif ba'aa dabalataati.

Wiirtuu kanatti ispeeshaaliistii wal'aansa onnee kan ta'an Dr Heelan Bafiqaaduu, "nuyi hakimootaaf gadda onnee nama madeessu nutti taa'eera" jedhan.

"Ittisa irratti osoo hojjenne wayyuu hin oolu" jedhu Dr Heelan. Maaliif laata?

Ofii dhukkubni onnee daa'immanii maali?

Dhukkubni onnee daa'immanii gosa lamatu jira. Tokko kan waliin dhalatan yoo ta'u, kan lammataa erga guddatanii booda kan dhufudha.

Lamaanuu mallattoo adda addaa agarsiisuu malu.

Itoophiyaatti haadholiin hedduun hordoffii wayita ulfaa hin taasisan. Yoo taasisanis isa bu'uuraa qofa.

Hordoffii altiraasaawondii wayita ulfaa godhamuun daa'imni garaa keessa odoo jiruu dhibee onnee qabaachuun baramuu danda'a.

Kuni garuu hordoffii haadholiin Itoophiyaa hedduun salphaatti argachuu danda'an miti. Kanaaf daa'imni isaanii dhibee onnee qabaachuu baruu dhiisuu malu.

Daa'imni tokko erga dhalate booda dhibee onee qabaachuu fi dhiisuu baruuf mallattooleen ilaalamuu qaban jiru jedhu Dr Heelan.

• akki itti harma hodhan adda yoo ta'e

• hafuurri isaanii ni ciccita yoo ta'e, sababa kanaaf harma hodhuu yoo rakkatan

• dhalatanii torbee sadii hanga ji'a 6 jidduutti hidhiin isaanii yoo gurraacha'e

• akkaataa guddachuu qabaniin guddachuu yoo dhaban, kiiloon isaanii xiqqaa yoo ta'e

Mallattoowwan kana keessaa tokko ykn isaa ol daa'imman irratti yoo mul'ate, altiraasaawondii kaafamuun dhibee onnee qabaachuun isaanii adda baafamuu danda'a.

Wiirtuu Wal'aansa Dhibee Onnee Itoophiyaa

Madda suuraa, Black Lion Hospital, AAU

Yeroo baay'ee mallattoowwan dhibee onnee kan daranyoo sombaa waliin waan wal-fakkaatuuf adda baasuun ulfaachuu mala.

Kana jechuun mallattooleen hundi dhibee onnee agarsiisu jechuu miti. Kan adda baafamuu danda'u qorannoo qofaani.

Of-eegannoof garuu daa'imman hafuurri isaanii yoo ciccite, hidhiin isaanii yoo gurraacha'ee fi bifti qeensa isaanii yoo jijjiirame hakiimaan akka ilaalaman gochuun barbaachisaadha.

Toonsiliin dhibee onnee fidaa?

Eeyyee!

Inumaa wal'aansi baqaqsanii yaaluu hedduun kan godhamu daa'imman toonsilii dhukkubsatanii dhufan irrattidha jedhu Dr Heelan.

Daa'imman hedduun toonsilii dhukkubsatu, gariin wal'aansa sirnaa hin argatan gariin ammoo irra deddeebiin yoo dhukkubsatan maatiin isaanii wal'aansa aadaan bira darbuu malu jedhan.

Toonsiliin sirnaan hin yaalamu yoo ta'e onnee irratti godaannisa uumuu danda'a. Kun ammoo dhibee onnee uumuu danda'a.

Yeroo hedduu ijoolleen umuriin waggaa 6 hanga 15 ta'e, toonsiliin qabamanii yoo sirnaan wal'aanamuu dhaban onnee isaaniirratti godaannisi uumamee dhibee onneef saaxilamu.

Daa'immaan wal'aansa baqaqsanii yaaluu godhachuu dabaree eeggachaa jiran keessaa hedduun isaanii haala kanaan kan dhiibamanidha.

Wal'aansi isaa maaliif qaalii ta'e?

Birqabaan wal'aansi onnee addunyaarrattuu qaaliidha jedhu Dr Heelan. Kunis sababa amala wal'aansichaati jedhu.

Meeshaaleen wal'aansaaf barbaachisan akkasumas qorichoonni gatiin isaanii qaaliidha. Ogeeyyiinis hedduu hin jiran. Kunneen sababoota biroo waliin ida'amanii yaalicha qaalii taasisaniiru.

Daa'imni tokko biyya alaatti wal'aansa argachuuf jiddugaleessaan yoo xiqqaate hanga doolaara 6000 baasisu akka malu himu Dr Heelan.

Waal'aansichi ji'oota kan fudhatu yoo ta'e baasiin barbaachisu haalaan ol ka'uu akka danda'u himu.

Yeroon itti wal'aansi baqaqsanii yaaluu godhamu sababoota gara garaan adda adda ta'uu mala.

Daa'imman tokko tokkoof battalumatti kan godhamu yoo ta'u, daa'imman biroo ammoo wal'aansichaaf waggoota akka eegan godhamuu malu.

Daa'imman umurii baatii 8n dhibee onneen qabaman qaamni isaanii hanga jabaatee waggaa 3 ykn afur gahuutti akka turan taasifamuu malu.

Dhibeen onnee daa'immanii maatii akkasumas hakimootaaf yaaddoodha.

Yaaddoo fi boo'icha maatii ijoollee dhibamanii arguun mataan isaa hakimootaaf dhukkuba biraati jedhu Dr Heelan.

Ogeessota yeroo yaalii baqaqsuu taasisan

Madda suuraa, Getty Images

Wal'aansa baqaqsanii yaaluu booda daa'imni tokko fayyee wayita taphatu arguun ammoo gammachuu guddaa akka itti uumu himu.

Yaaliin isaa qaalii ta'uu fi wiirtuun yaalicha kennu tokko qofa ta'uurraa kan ka'e Itoophiyaa keessatti kan wayyu dursanii ittisuudha jedhu Dr Heelan.

Fakkeenyaaf har'a toonsiliin sirnaan akka yaalamu gochuun wal'aansa baqaqsanii yaaluu waggaa 15 har'aa uumamu hambisuudha jedhu.

Wiirtuu wal'aansicha kennu waggoota 13 lakkoofsiseef xiyyeeffannoo kennuunis barbaachisaadha jedhu Dr Heelan.