Saayinsii: Booyyeen funyaansaatiin geemii viidiyoo taphachuu danda’a jedhan saayintistoonni

Madda suuraa, ESTON MARTZ / PENNSYLVANIA STATE UNIVERSITY
Booyyee afur irratti erga yaalii dalaganiin booda akka geemii viidiyoo taphachuu danda’an baran.
Booyyeen afran- Haamleet, Omleet,Ibooniifi Ivoorii jedhaman ulee qalloo ittiin tuqachuun iskiriin to’ataniin leenji’an.
Qorattoonni kunneen booyyeewwan ulee qalloofi geemii gidduu hariiroon akka jiru baruun isaanii ‘milkaa’ina xiqqaa mitii,’ jedhan.
Booyyeewwan yeroo qodaan badhaasa nyaataa isaanii cabullee taphachuu isaanii itti fufan.
Yeroo kaan, yoo geemii sadarkaa tokko mo’achuun darban badhaasa nyaataa argatu. Haatahu malee, yeroo taphaa qodaan jalaa cabnaan geemii isaanii qorattootaan jajjabeeffamaa xumuran.
‘’Qorannoon akkasii barbaachisaa dha, akka uumama qaroo tokkootti, akkatti booyyee waliin walii galluufi waanti irraan geenyu isaaniif hiika qaba,’’ jedhan barreessaan dursaa qorannoo kanaa Kaandaans Koornii.
Gareen qorattoota kanaa dimshaashumatti booyyeen geemii viidiyoo taphachuu danda’uun ‘ajaa’iba’ jedhan sababiinsaas bineensota qaroo harka hin qabnedha jedhan.
Garummoo isaaniif salphaa hin turre.

Madda suuraa, Eston Martz / Pennsylvania State University
Booyyeewwan kunneen keessaa Haamleet Omleetirra taphicha dandeeessi garuu lamaansaaniyyuu yeroo geemichi cimaa adeemu rakkatu.
Booyyeewwan Paaneepiintoo jedhaman dandeettii geemii irratti boodatti hafu, Ivooriin harka 76 iddoo barbaadamu gaafa rukuttu, Ibooniin garuu harka 34 qofa dha galmaan geesse.
Waan qorattoota kana gammachiise garuu yaaliin booyyeewwan kanaa akka feetee otoo hin taane itti yaadanii, xiyyeeffannoon raawwachuu isaaniiti.
Kanaaf, xiyya iskiriiniirraa sochootuufi ulee qalloo isaanii gidduu hariiroo jiru baraniiru.
Keet Daani’eels qonnaa Woorsitarshaayir jedhamurraa, ‘’qorattoonni kunneen akka waan diqiitti ilaalan malee nama booyyeewwan waliin hojjetuuf dhimma haaraa miti,’’ jechuun BBCtti himte.
‘’Isaan viidiyoo geemii sana taphachaa hin jiran- badhaasa argachuuf garuu waanti isaan hin goone hin jiru,’’
Jechama Wiinstan Charchiil fayyadamanis dubbatte ‘’Saroonni asii ol ilaalanii si kabajuu, adurreen asii gadi ilaaltee sitti boonti, booyyee garuu kallattiin ija keessa si ilaalti.’’
‘’Booyyee ija keessa gaafa ilaaltu dandeettii akka qaban argita,’’ jette.
Yaaliin wal-fakkaataa chimpaazii fi qamalee irratti taasifame gatii harka qabaniif waan qorattoonni irraa barbaadan guutaniitu argaman.
Waraqaan qorannoo kuni joornaalii xiinsammuu Firoonteer jedhamurratti maxxanfame.












