Siwiidinitti dirooniin lubbuu dhukkubsataa onnee tokkoo baraarte

Madda suuraa, Everdrone
Xiyyaarri nam-maleessa yookaan dirooniin lubbuu maanguddoo ganna 71 onneen isaanii dadhabe baraaruuf gargaarte.
Akkamiin? jennaan - dirooniin kun doktora maanguddoo kana qarqaaraa tureef meeshaa 'defibrillator' geessuun ture.
Maanguddoon kun jiraataa biyya Siwiidin magaalaa Tiroolhaatan wayita tahan, mana isaanii fuulduratti cabbii kuufame wayita haranitti ture kan dadhaban.
Maanguddoon maqaan isaanii akka dhawamu hin barbaanne kun BBCtti akka himanitti, meeshichi saffisaan qaqqabuun isaa ''waan guddoo dansaati,'' jedhan.
Dhaabbanni diroonicha erge Everdrone akka jedhutti, meeshaan onneef hoollannaa elektirikii kennu kun haga ambulaansiin dhufutti tajaajila jedha.
Everdrone dabaluun, waamichi yeroo hatattamaa erga isa gaheen booda daqiiqaa sadii keessatti meeshaan kun bakkicha qaqqabu isaa hima.
Doktora achiin darbu
Maanguddoon kun BBCtti akka himanitti wanta gaafas tahe gariin akka hin yaadanne himu.
Mana isaanii fuuldura cabbii tuulame kaasaa akka turan yaadachuun, wayita tahiin kun isaan mudatu ''waanti hunduu ni dukkanaa'e,'' jedhan.
Haati warraa isaanii boodarra, ati nama carra-qabeessadha ittiin jedhaniiru.
Dr Musxafaa Alii wayita sanatti akka carraa karaa sanarra konkolaataan darbaa kan turan wayita tahu, nama kufan kana qarqaaruuf fiigan. ''Hojiif gara hospitaalaa imalaan ture, wayitan gara alaa ilaalu, nama mana fuuladuratti kufan arge,'' jedhan.
''Namni kun dhahannaan onnee isaanii hin jiru ture. Kanaafis gargaarsa wal'aansaa CPR kennuufiin eegale. Nama biraatinis lakkoofsa yeroo balaa 112 akka bilbilu itti hime.
''Daqiiqaa muraasaan booda, waan balali'u wayiin arge. Diroonii ture - meeshaa defibrillator kan qabatee dhufe.''
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Google YouTubeimaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa YouTube
Hoogganaa dhaabbata Everdrone kan tahan Mats Sallstrom, teknoloojiin kun lubbuu nama kanaa kanaa baraaruu keessatti qooda guddaa baheera jedhu.
''Lubbuu nama tokkoo baraaruuf taateewwan walqabatanii adeeman jiraachuu hubachuun barbaachisaadha. Sirna kana keessattis dirooniin gahee cimaa baha,'' jechuun BBCtti himan.
Taatee ji'a dabre mudate kanaaf hakiimni bakka sana jiraachuun isaa carraa guddaa ture. Haatahu malee gaaffiin guddaan ammallee kahu - namoonni leenjii fayyaa hin qabne meeshaa 'defibrillator' kana sirnaan fayyadamuu danda'uu? kan jedhudha.















