Dhaabbanni Google Wing tajaajila dirooniin waan barbaachisu dhiyeessuu jalqabe

Madda suuraa, Wing
Yaalii wagootaan booda dirooniin daldalaa meeshaafi ergaa barbaadame dhiyeessitu/geessitu biyya Austiraaliyaatti akka addunyaatti yeroo jalqabaaf hojii jalqabde.
Dhaabbanni Wind jedhamu abbaan qabeenymmaa isaa kan maatii kaampaanii Google Alphabet ta'e, nyaata/dhangaa, bunaafi sha'eefi qoricha manaafi bakka barbaadametti geessuun/dhiyeessuun tajaaj8ila.
Tajaajilli jalqabaa kun tajaajilawwan kana manneen 100 Kaanberraa jedhamu keessatti argamaniif gessa.
Dirooniin kun Austiraaliyaa keessatti bara 2014 irraa kaasee yaaliin kan irratti gaggeeffamaa ture yommuu ta'u jiraattonni hedduun waa'ee sagalee jeequu isaa komii qaban dhiyeessaa turan.
Wing akka akka jedhetti duub-deebiin yeroo yaalii taasisaa turanitti argatan "bu'a qabeessa" waan ta'eef "waliin mariyachuu akka itti fufi" akka abdii qabu himeera.
Aanga'oonni Aveeshiniin Austiraaliyaa erga nageenya isaa hordofanii qoratanii, karoora hojii isaa hubatanii booda tajaajilli daldalaa kun akka jalqabamuuf hayyama kennaniif.
Kaampaaniin kun jiraattotaafi xiyyaarota balali'an biroo irratti yaaddaa balaa uumu akka hin qabnes barameera.

Madda suuraa, Wing
Dirooniin Wing kun wantota xixiqqaa saamsaman/tolfaman o'iruu/balbala maamiltootaa keessa funyoodhaan/wadaroodhaan gadi buusaaf.
Haata'u mallee, kana mirkaneeffachuudhaaf haalonni waliin deeman ni jiru. Dirooniin kun balali'uudhaaf kan hayyamanu guyyaa ta'ee dhum-torbeerra ammoo akka lakkoofsa Austiraaliyaatti ganama saatii 8:00 garuu hin danda'amu.
Bakka namni itti baayyatee jiruufi daandiiwwan gurguddoorra balali'uun hin hayyamamuuf.
Yeroo dironiin kun sadarkaa yaaliirra ture kamiin hedduun jiraattota Boniitooiifi Kaanberaa 'nu jeeqaa, hayyama malees kan qe'ee seenudha' jechuun irratti ka'aa ture.
Duulli Diroonii kana mormuuf Boniiton keessatti gaggeeffamaa ture akka jedhutti meeshaan kun "yeroo dhufuufi sokku fagoorraa" dhaga'ama jedha.
Deebii kanaaf Wing akka jedhutti, diroonii sagaleen isaa callisaa ta'e hojjeteera. Aanga'oonni aveeshiniis akka jedhanitti Wind diroonii isa sagaleen isaa callisaa ta'e kana fayyadamuu qaba jedheera.














