Chaayinaatti dhiironni shamarran fakkaatan maaliif hanga ajjeefamuutti dararamu?

Ludaosen

Madda suuraa, Weibo

Ibsa waa'ee suuraa, Duuti Zhou Peng namoonni duudhaa hawaasaa koorniyaan walqabatu irratti akka haasa'an dirqamsiiseera

Dhimmi dargaggeessa Chaayinaa waan danaan isaa kan shamarranii fakkaatuuf qofa doorsifamaafi dararamaa irra gahaa jiraachu osoo himatuu du'ee, waa'een duudhaafi safuu koorniyaa akka marii ijoo hawaasaa ta'u godheera.

Ogeeyyiin garuu haalli kun ni jijjiirama abdii jedhu hinqaban. Sababni isaas mootummaan biyyattii ''dhiirota lugna amala dubartummaa qabu'' ittiin jedhu qeeqaa waan jiruuf.

"Dhiironni jeequu, loluu fi afaan jabaa namatti dubbachuu qabu. Dhiironni callisan fi suuta dubbii naamusaan dubbatan kanneen amala dubartii qabanii fi sodaattuudha.''

Kun yaada dargaggeessi umrii waggaa 26-Zhou Peng ajjeechaasaan dura onlaayinii irrratti barreessee turedha.

Dargaggeessi kun Chaayinaa kutaa biyyaa baha Zhejiang keessatti lubbuu of baase.

Barreeffamni inni barreesse maatiisaa godaantota ta'aniin akkamiin akka gatamee fi maatiinsaa akkamiin hojiif gara magaalaa akka seenan ibsa.

Garuu dhimmi ijoon uummata Chaayinaa dhiphise namni kun hiraarfamaa turuu isaa kan inni ibsedha.

''Wayitan daa'ima ture shamarreen fakkaadhan ture. Garuu sirnaanin uffachaa ture. Akka dubartii ta'uufis hin yaalle,'' jechuun barreesse ogeessi suuraa Zhou Peng, kan maqaa masoo Ludaosen jedhamuun beekamu.

"Haqni jiru kana ta'ee an garuu mana barumsaatti dararamaan ture, arrabsamaa fi hiraarfamaan ture...arrabsoon na hafe hin jiru.''

Waa'ee ajjeechaa nama kanaa poolisiin odeeffannoo ga'aa hin kennine.

Xalayaan jecha 500 dargaggeessi kun miidiyaa hawaasummaasaa Weibo jedhamurratti barreesse kun Chaayinaa keessatti mariin dhimma fayyummaa fi nageenyummaa lammiilee akka ka'u taasisuu qofa osoo hin taane, dhiirri Chaayinaa haalaa fi amala akkamii qabaachuu qabaata kan jedhurrattis mariin guddoo deemaa jira.

"Gurbaan dhaabbii bareedaa qaba, akkaan bareedaa fi qaamaan guutuu ture. Kun hunduu waan gaariidha. Garuu hiraarfamaa ture. Sababni isaammoo duudhaa durriitti cichuu waan kaateef qofadha,'' jedhe namni miidiyaa hawaasummaa Weibo jedhamu hordofu tokko.

"Sababa sagaleensaanii qal'oo akka kan shamarranii ta'eef yookiin qaamni isaanii lallaafeef jecha kan itti kolfame meeqatu jira. Nuti eenyu taaneeti, namni maal fakkaachuu akka qabu kan murteessinuuf? Waan waa balleessaniif akkas ta'anii?''

Namni biraan dhimma kanarratti yaada kenne tokko, wanti mudate waan isa mudataa ture akka isa yaadachiisee fi baayyee qaanessaa ta'uu hime.

Manneen barnootaa keessatti sababa danaa keenyaaf nutti qoosamaa arrabsamaa turre jedha namni kun.

"Boodatti deebi'ee yoon yaadu baayyee mufee guddaatu natti dhagahama. Dhimma kanarratti baayyee qoosaa turre. Garuu rifaatuu guddaa sammuu keenya keessatti uumeera,'' jedhee barreesse namni kun.

Arrabsoon miira namaa tuquu fi dararaan sababa danaa qaamaa Chaayinaa keessatti mudatu hagas mara beekamee mul'achuu baatus, garuu akka qorannoo Jaarmiyaa dhimma Dargaggootaa fi Daa'immanii-Children and Youth Services Review- jedhamu bara 2019 ragaa baasetti dargaggoota 3,000 gaafate keessaa dhibbeentaa 35 kan caalan akka dararaman himan.

Dhibbeentaa 31 ammoo karaa onlaayinii dararamu.

Akka ragaa kanaatti dhiira ta'uu, mana barumsaa bultii addaatti barachuu, qabxii barnootaa gadi aanaa galmeessisuu fi hariiroo laafaa maatii waliin qabaachuun sababoota ittiin namoota dararamanii fi arrabsamaniidha.

Dhiirota amala dhiirummaa hin qabneef bakki hin jiru

Mootummaan Chaayinaa jalqaba bara faranjootaa kanarraa eegalee mana barnootaatti ijoolleen qaamaa fi amala dhiirummaa gonfatanii akka guddatniif mana barumsaatti seera haaraa baasee hojiirra oolchuu eegale.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Mootummaan Chaayinaa jalqaba bara faranjootaa kanarraa eegalee mana barnootaatti ijoolleen qaamaa fi amala dhiirummaa gonfatanii akka guddatniif mana barumsaatti seera haaraa baasee hojiirra oolchuu eegale.

Dhiirota amala dhiirummaa hin agarsiisneef bakka kennuu dhabuun aadaa Chaayinaa keessaa ammallee waan dhibe miti.

Garuu mootummaan biyyattii ammoo haala kana ifatti labse, inumaa dhiirota haalaa fi amala dubartootaa calaqqisiisan teellaatti hambisuurratti seera akka cimsu ibseera.

Mootummaan Chaayinaa jalqaba bara faranjootaa kanarraa eegalee mana barnootaatti ijoolleen qaamaa fi amala dhiirummaa gonfatanii akka guddatniif mana barumsaatti seera haaraa baasee hojiirra oolchuu eegale.

Kaayyoonsaa dargaggoonni amala dubartummaa akka hin qabaannee fi qaamaan cimanii akka mul'atan gochuu yoo ta'u kana milkeessuufis barnoota jabina qaamaa bal'inaan kennaa jira.

Atileetonni fi namoonni muuxannoo ispoortii qaban dargaggoota akka jajjabessan mootummaan ajaja dabarseera.

Mootummaan biyyattii haala kana kan eegaleef, dhiironni biyyattii amalaa fi haala dubartummaa qabaachaa waan guddataa jiraniif booda namni waardiyyaa biyyaaf ta'u dhibuu mala yaaddoo jedhurraa ka'eeti.