Amnastiin duula narratti bane jechuun mootummaan Itoophiyaa komate

Asxaa Ministeera Dhimma Alaa

Madda suuraa, Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaa

Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa gabaasa Amnastii Intarnaashinaal haleellaa saal-quunnamtii naannoo Tigraayitti raawwatame jedhe irratti baase hanqina qaba jechuun komate.

Jaarmiyaan mirga namaaf falmu Amanistiin gabaasa haaraa baase keessatti, loltootni mootummaa Itoophiyaa fi humnoonni isa waliin lolan dubartootata dhibbaan lakkaawaman irratti haleellaa saal-qunnamtii raawwataniiru jedhe.

Gabaasi kun yakka dirqiin gudeeduu fi qunnamtii saalaaf gabroomfachuun (Sexual slavery) lotoota mootummaa Itoophiyaan raawwatame jedhe, yakka waraanaa fi tarii ammoo yakka namoomaayyuu jedhamuu danda'a jedhe.

Haala kam keessattuu mootummaan Itoophiyaa miidhaa saal-quunnamtii ni balaaleffata kan jedhu ibsi ministeera dhimma alaa Itoophiyaa kun, walitti bu'iinsa keessa yakki akkasii mudachuu akka malu hubachuun mootummaan kanneen yakka akkanaa raawwatan seeratti dhiyeessuuf hojjetaa jira jedha.

Mootummaan dhiibbaa xiinsammuu halleellaan saal-quunnamtii qabu cimsee waan hubatuuf, bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay waliin ta'uun tajaajila wal'aansa xiin-sammuu kennuuf yaalaa jira jedha ibsichi.

Akka gabaasa Amnastii Intarnaashinaalitti, bara 2021 kana keessa Guraandhalaa hanga Eblaatti haleellaan saal-quunnamtii 1,288 dhaabbilee fayyaa Tigraay keessa jiraniin galmaa'aniiru.

Hospitaalli Addigiraat ammoo jalqabbii waraana Tigraay irraa hanga Caamsaa 9'tti dubartoonni 376 dirqiin gudeedamuu gabaaseera jedha gabaasi Amnastii.

Gabaasa isaa keessatti dubartoota haleellaa saal-quunnamtiin miidhaman 63 fi ogeeyyii fayyaa dubbisuu kan eere Amnastiin, kanneen keessaa dubartoonni 28 haleellaa saal-quunnamtii kan irratti raawwatan loltoota Eertiraa ta'uu dubbatan jedhe.

Dubartoonni 12 daa'imman dabalatee miseensota maatii isaanii fuula duratti loltootaa fi milishootaan dirqiin gudeedamuu dubbataniiru kan jedhu jaarmiyaan kun, kanneen keessaa shan battala yakki kun irratti raawwatamu garaatti baatu turan jedhe.

Gabaasa Amnastii kana ilaaluu kan ibse Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa, jaarmiyaan kun gabaasa kana qopheessuuf malli itti fayyadame hanqina kan qabuudha jedhe.

Jaarmiyichi gabaasa kana qopheessuuf irra jireessaan gaaffii fi deebii mooraa baqattootaa Sudaan keessa jiru keessatti gaggeessee fi hojjettoota gargaarsaa irraa odeeffannoo argaterratti hundaa'uusaas komateera mootummaan Itoophiyaa.

Hojjettoota gargaarsaa odeeffannoo Amnastiif kennanirraas shakkii akka qabu ibseera mootummaan.

Amnastiin namoota miidhaan saal-quunnamtii irra ga'e 63'n dubbisee odeeffannoon inni argate yaada xumuraa inni irra ga'e kan amansiisu miti jedha ibsi Ministeera dhimma Alaa Itoophiyaa.

Mootummaan haleellaa saal-quunnamtii maal na dhibdeedhaan callisee ilaaleera jechuun gabaasi Amnastiin baase, jaarmiyichi ta'e jedhee raga quubsaa malee yaada xumuraarra ga'uuf kan kaayyeffate fakkaata jedha ibsi kun.

Akka ibsa kanaatti Amnastii intarnaashinaal gabaasota kanaan dura baasaa ture keessattis dhimmoota of-eeggannoo barbaadan keessa seenuun mootummaa Itoophiyaarratti duulaa ture.

Mootummaan Itoophiyaa loogii Amnastii Intarnaashinaal kan damee Baha Afriikaa keessa jirurratti dursee yaaddoo qabu dhiyeessuu kan yaadachiise ibsi kun, gabaasi jaarmiyaan kun amma baase yaaddoo kana daran hammeessa jedhe.

Amnastiin gabaasa isaa keessatti hojii Komishiniin mirgoota namoomaa Itoophiyaa fi Komishinarri Olaanaan mirgoota namoomaa UN (UN OHCHR) waliin hojjechaa jiran gatii dhabsiiseera jedha ibsi mootummaa Itoophiyaa kun.

Jaarmiyichi dhaabbileen UN kanneen akka Mana maree nageenyaa fi Koreen Mirga namoomaa, jaarmiyaan Commission of Inquiry jedhamu qorannoo akka gaggeessuuf carraa akka kennan gaafachuusaas komateera mootummaan.

Mootummaan dhiittaa mirga namoomaa kamuu qaama raawwate sakatta'ee seeraan gaafachuuf kutannoo fi dirqama qaba kan jedhe ibsi kun, hojiin komishinii mirgoota namoomaa Itoophiyaa fi Komishinara Olaanaa Mirgoota namoomaa UN'n hojjetamaa jiru kutannoo mootummaa kana kan deggeru ta'uu hime.

Amanestiin gabaasa baase ilaalchisee mootummaan himannaawwan irratti dhiyaataniif deebii akka kennu gaafatus mootummoota Eertiraafi Itoophiyaarraa deebii dhabuu ibsee ture.